Thursday 15 January 2015

Tokkummaa Jabefachudhaan Wayyaanee Dhabamsiifnaa

Hawi Olani Kesesa irraa | January 15, 2015
HawiYeroon ammaa kun  yaroo kam caalmaattii yaro oromon hundii gad dhaabbatee itti yaadu qabu dha jadheen yaada .Maaliif yoo jannee,gochaan sukanisisaa Wayyaaneen ilmaan oromo irrattii raawwachaa jirtu daran ittuma cimaa dhufuun isaa hundaa kenyaaf ifaa waan ta’eef.
Yero baayye gaaffii tokkotu mataa kessa na dadaddebi’a  .gaaffii haanga yomitti nutii ummattii  ballaan kun ummatta yartudhaan  nuttii qosaamaa fi nutii rorrifamaa jiraatnaa ?haanga yomitiis Wayyaaneen Ummatta kenyaa cunqursaa fi gidirsaa itti fuftii?hanga yomitii lammiin oromodhaa mirga umamaan qabu sarbamee biyya isaa irratti akka lammi lammaffaatii ilaalamaa ,acuuccaa fi ajjechaa soda dhaan biyya ambaa gara garaatti baqatee jiraataa ? Gaafiin kun gaafii oromoota heddu ta’aa jadheen amana.
Nuti oromootnii mirgii keenyaa dhitamee ,bilisummaan  keenyaa sarbamne jiraachuu ergii jalqabnee baayyee bubbule jira .Ata’u iyyu malee waggoota kanneen kessa fincilli diddaa gabrummaas taasifamaa ture ,kanaafis abbotiinif obbolewan keenya hedduun itti dhiganiru itti hidhamaniru itti du’aniru ammas hidhamaa ,gidirfamaa fi ajjefamaa jiru .Kessumaa baratootnii Oromo hojii bonsa isaan raawwachaa jiran  yoom iyyu seenaan kan isaan hindaganne dha .
Kessumaa waggoota digdamootaa asii ergii Wayyaaneen angoo qabatee booda immo,kallatti dhaan sagnii oromo lafa irraa fixudhaaf kaayyoo jalqabaa godhatee waan dhufee hanga fakkaatuttii ilmaan Oromo kaan lafa isaani  irra qotee bultoota buqqisu dhaan isaaf maatii isaa belaa fi dhukkubaaf saxilaman gochudhaan ajjesaa jiru .Kaan ammo baratoota barumsa  irra sababa ga’a male ari’u yoo inni gaaffi mirgaa gaafatee ammo mana hidhaatti darbachu fi ajjesu itii fuftee jirtii .Hojjataa mottummaas yoo deggaraa wayyaanee ta’e male sababa qubsaa hintaaneen  hojii irra ari’u ,hidhu fi ajjesudhaan sanyii kenyaa lafa irra dugugaa jirtii.
Gama qabenyaatiiniis taanaan wayyaaneen nuf hinille . Garii qabenyaa oromiyaa irraa maal nadhibdedhaan guyyaa saafaa gara biyya ishettii gurrachaa jirtii kaan ammo,abbaa qabenyaa biyya alaatti  maallaqqa guddaatiin gurguratte ittiin bashananaa jirtii.
Akkumma argaa jirrutti  Wayyaaneen  sirna saamaa fi cunqursaa kana akka meeshaatti dhimma itti bahuun aangoo irra turuuf akka murteeffatte  argina. Bu’aa karaa saamicha akkasii irraa argataniin waraana isaanii cimsuun  yeroo isaanii dheeraffachuuf  sagantaa yeroo dheeraa akka  qaban mullisaa .
Egaa ummurii amma turan kanatti waan kana hunda gochu dandenyaan ,boru ammo maal fidu ykn gochu akka dandeessu tilmaamuun nama hindhibu.
Kanaafu lammii koo waan wayyaaneen saba keenya irratti raawwachaa jirtu kana ergii hubannee dammaqinsaan irratti duluu qabnaa . Duula kanas tokkummaa Kenyaa ijaarachu(jabefachu ) irra jalqabu qabnaa .tokkummaa kenyaa jabefachudhaaf wal jaalachu ,waldeeggaru,walmariachu ,wal amanu ,waldanda’u,walgargaaru fi kutanno qabaachu aadaa godhachun baayye murtessaa dha.

Injjifannoon  Ummata ballaa Oromoof!!

No comments:

Post a Comment