Thursday 22 January 2015

Godina Lixa Shaggar Anaa Miidaaqenyi Ganda Tuuyyee Goodaa Cuqqaalaa Keessatti Ummanni Diddaa Sirna Wayyaaneef Qabu Kaasuun Loltoota Wayyaanee Waliin Walitti Bu’an

Gabaasa Qeerroo Amajjii 20, 2015
Amajjii 20, 2015 Godina Lixa Shaggaar Aanaa Midaa Qanyii keessaitti uummatni fi dargaggoonni Oromoo uffata aadaa Oromoon mimmidhaganii, walleelee warraaqsaa wallisuun diddaa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneef qaban waan ibsataniif poolisotaa dabballootaa Wayyaanee waliin walitti bu’insi guddaan dhalate!
Godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyii Ganda Tuuyyee Goodaa Cuqqaalaa jedhamuun beekamutti Uummaatni Oromoo kumoota hedduutti lakkaa’amu ayyaana cuuphaa sababeeffachuun guyyaa kaleessaa walitti dhufuu uuffata aadaa Oromoo fi Walleewwaan Warraqsaa sirbuun ifatti mootummaa garboonfattuu Wayyaanee balaaleffatan, Uummaatni walleewwaan kanneen akka Wallee Warraaqsaa ”OPDO yaa baala tuufoo, ABO nuuf wayyaa nuufoo, korma guduruu ABO’n, gootuma duuru, kessattuu kaasetta Eebbisaa Addunyaa diinni diinumaa boru nurraa galaa ABO malee maaltu nuuf jira jechuun uummatni marartoo fi jaalaala guddaa ABO tiif qabu diinatti mul’ise jira. kasseeta Hirphaa Gaanfurree ”bishaan Oromiyaa Caffee keessa yaatii waraabuu waraabuu, Gmaan ijoollee Oromoo kana keessa baatii waraanuu waraanuu…” jechuun uummatni qabsoo haqaa fi falmii FDG’f qophii ta’uu ifatti diinatti argisiisee jira. Uuffata aadaa Ofii uffachuun lammaffaa Odaa tarsaate kan wayyaaneen itti gargar nu qooduuf jettee mallattoo Odaa Oromoo tarsa’aa qophiisitee bakka nu hin bu’uu jechuun uummatni uffata aadaa Odaa duudaa fi uffata abbaa gadaa waan uffataniif, isin ABO dha edhamuun polisoota wayyaaneen walitti u’insi dhalate.
Poolisootni federaalaa fi naanoo ofiin ergama diinummaa fudhachuun uummata shororkeessuuf akuma bobbaafamanitti uummata karaa nagaa sagalee isaa sirboota warraaqsaattii fayyadamuun dhageesisaa jiru goolaa oolan jedha gabaasaan keenya Aanaa Midaa Qanyii Baallaammii iirra!! Haalma kanaan walitti bu’insii guddan poolisoota dabballoota Wayyanee fi uummata gidduutti dhalateen pooliisootni wayyaanee hedduun dhagaan tumamani madeeffamuun ibsame jira. uummaatni nagaan manaa ba’ees heddumminaan qabamee waajjira Poolisii aanaa midaa Qanyitti ukkanfamee jiraachuun ibsamera. uummata nagaa keessaa ilmaa Oromoo nagaan poolisoota wayyaaneetiin reebamanii yeroo amma haala yaaddessa kessatt kanneen argaman keessa Obbo takkalaa abbabbee yero ammaa kana wayyaanootaan reebamanii haala ulfaata keessatti argamu.
Haaluma walfakkaatuun Aanaa Midaa Qanyii ganda Waloo Tambaroo bakka Mikaa’el Guutee jedhamuun beekamuttis uummatni ayyaana Cuuphaa daawwachuuf walitti ba’ee wallee warraqsan qabsoo bilisumma Oromoo fi ABO faarsuun poolisoota wayyaaneetiin wal reebaa oolun ibsame jira. Akkasumas Aanaa Calliyaa Geedoo, Baabbichaa fi aanaa tokkee kuttayee nanno Gooroo sooleetti uummatni Amajjii 19/2015 ayyaanaa cuphaa sababeeffachuun bifa wal fakkatuun mormii sirna abbaa irree wayyaaneef qabu wallee warraaqsaan ifatti dhageesisee jira. maqaa namoota aana Midaa Qanyiitti poolisoota dabballoota wayyaaneen guyyaa kaleessa ukkanfamuun waajjira poolisii tti hidhamanii jiranii adda baasuun kan isiniif gabaasnu ta’uu ni hubachifna.

No comments:

Post a Comment