Tuesday 13 January 2015

Guyyaan WBO Magalaa Frankfurt Biyyaa Jarmanii Keessattii Sirna Ho’aan Kabajame

Guyyaa WBO Frankfurt 2015 6
Guyyaa WBO Frankfurt 2015 1
Ca’an ABO, Tokkummaa Baratoota Oromoo biyyaa Jarmanii, fi Konyaan ABO Fankfurt Qophii qindoominaan qopheessan guyya WBO Amajjii 10 bara 2015 magaalla Frankfurtiti kan Hawaasni Oromoo lakkobsaan 300 ol thauu walitti dhufanii guyyaa WBO kabajan. Waltajjin kun eebba Mangudootiin jalqabee, faaru alaabaa itti ansudhaan, Barreessan Koree Hujii Gaggesituu TBOJ J/ Oliqaa Rabirraa hasaawaa simanna godhan. Waltajji kana irratti Miseensa Gumii Saba ABO J/ Dr.Shuggux Galataa irratti argamuun Kabajaa guyyaa WBO fi Haala yeroo irratti bal’inaan ibsa godhaan.
Vidiyoo:
J/ Dr.Shuggux Galataa guyyan WBO akkamiti akka jalqabe fi, Qor-qalbii itti guyyaa WBO kanaa kabjamuu qabu ibsaanii. Ibsa godhaan keessatti WBOn waraana Ummataa Oromoo tahuun hubataamee Hawaasni Oromoo waligallii kan guyyaa WBOs akkummaa guyyaa Finciilaa Diiddaa Garbummaa fi Guyyaa Goototaa Oromoo wal faana kabajuu malee kan deggartootaa fi miseensootaa ABO birattii duwwaa dangafaamuu tahuun akka hinjirree cimsaanii hubachiisani. Haala yeroo fi deemsaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ilaalchissee, bara 2014 darbee kanaa Keessaa falmmiin ABO fi ummatnii Oromoo biyyaa keessaa fi alaattii diina irratti roga rogaan rawwatee heedduu kan firii galmeessee fi nama hamilachiisuu yeroo tahuu daran baraa haaraa itti seenee kanaattis Qabsoo bilisummaa Oromoo kan of irratti hirkannoon gaggeffamtuu kanaa keessatti dhallii Oromoo maartii keessatti qooda fudhachuun akka qabsiichii furga’uu itti gafataama hundaa tahuu hirmatootaf ibsani.
Vidiyoo:
Mirgaa Kooluu galtumaa fi Waligalaa mirgaa dhalaa namaa ilalchissee Ogeessaa seera kan tahee Dr. Tamiruu Melese haala seeraa fi waligaltee idlee adunyaa fi Heeraa biyyaa Jarmanii waliin wal qabsiisuun ibsa bl’aa hirmatootaa fi keennan.
Miseensoolii WBO kan turan J/ Abdallaa Mohammed fi J/ Makiyaas Itaffaa dirree keessatti akkataa WBOn ayyaanaa isa itti ayyaneefatuu fi guyyaa seenaa qabsummaa Amajjii 1 gad faginaan wal duraa dubaan ibsani.
Xumuraa irratti gaaffii fi yaada waljiijiruun haala o’aa fi nama hamilachiisuun kabajaa guyyaa kanaa goolaabamee.
Oromiyyan ni Bilisoomti!
Injifanno Ummata Oromoof!
Koree Qindeesituu Qophii kanaa
Guyyaa WBO Frankfurt 2015 7
Guyyaa WBO Frankfurt 2015 6
Guyyaa WBO Frankfurt 2015 5
Guyyaa WBO Frankfurt 2015 4
Guyyaa WBO Frankfurt 2015 3
Guyyaa WBO Frankfurt 2015 2

No comments:

Post a Comment