Tuesday 16 September 2014

Sabboonummaan Sabaan Boonuu dha moo Lagaan Boonuu dha?


Viidiyoo gaafa Fulbaana 14, 2014 maqaa Obbo Daani’eel Dafaatiin Ayyaantuu.com irratti maxxanfame daawádhee irribni na qabuu dide. Viidiyoon sun gaaffii danuu sammuu koo keessatti uume. Gaaffiilee kana tuffadhee callisee ciisuuf yaalee naaf hin taane. Eeboo qeeqaa sammuun koo natti luqqifate jalaa baqaadhee eessan gaha? Kanaafuu dhaamsa gabaabduu tana barreessuufan dirqame.
Duraan dursee dhaamsa kana kanin barreessu maqaa kiyya Boruu Barraaqaa jedhuun mataa koo qofa bakka bu’ee  tahuun hunda birattuu naaf haa beekamu. Duraanis akka Boruu Barraaqaatti barreessaan ture, ammas nan barreessa, borus hangan fiigicha koo fixadhutti callisuu danda’a natti hin fakkaatu.
Dhimma kaaneefitti haa seennu. Komiin Obbo Daani’eel akka bokkaa Hagayyaatti Dr. Mararaa irratti roobse kan yeroo isaa eeggate tahee natti hin mul’anne. Dr. Mararaa fi namoonni hagoon biroon bara 1990oota keessa gaazeexaa Urjii irratti wanni walitti deddeebisaa turan amma yeroo of duuba deebinee yaadannu akkaan qaanfachiisaa ture. Sabboonummaan Oromoo bara sanaa akka baay’eetti san fakkaataa ture. Keessumattuu akka Oromoo Dhihaa fi Oromoo Giddugalaatti wal afoo dhaabbachuun, amantiidhaan wal tuquun, maqaa wal balleessuun, walitti dhaadachuun mallattoo ‘’hayyummaa’’ barasii godhamee akka laalamaa ture umrii joollummaatiinis tahu hordofaan ture.
Jechoonni Dr. Mararaa bara saniis sabboontota Oromoo danuu akka aarse nan yaadadha. Har’as warri yaadatee aaru danuu tahuu danda’a. An garuu waan kaleessaa yaaannee kan walitti aarru yoo tahe, eenyumtuu qeeqa jalaa hin bahu waan taheef seenaa dabre cufnee isa egeree keenyaa irratti fuulleffachuutu nu baasa jedheen amana. Badii kaleessa walii keenya gidduutti tahe of duuba deebinee lakkoofna yoo jenne keessaa hin baanu. Siyaasaa fi qabsoo haqaaf itti jirru kanas tapha joollee nu jalaa fakkeessa.
Jechoota Obbo Dani’eel keessaa kan natti dhagahmu tokko tokko irratti osoo waa hin jedhin dabruuf nan rakkadha. Obbo Daani’eel wayta Dr. Mararaa qeequ dubbii Jaal Baaroo Tumsaa kaase. Duá jaala qabsoo hangafa kanaa irratti bara 1990oota keessa waan Dr. Mararaan roga qabatee dubbate nan balaaleffadha. Dhugaan jiru garuu, Jaal Baaroon (akkuma Obbo Daaniéel jedhe) kutaa itti dhalateef osoo hin taane Oromoof du’e. Kana immoo kan nutti himuu qabu namoota akka Obbo Daani’eel kan dhaloota kutaatiin Jaal Baarootti dhihoo tahan tahuu qaba jedhee hin amanu. Yeroo Daani’eel ‘’Ilmaan Baaroo nuun jette’’ jedhee kutaa tahe tokko bakka buée falmu kan faallaa kanaan yakkamus akka kutaatti dhaabbatee akka falmuuf kakaasuu taha. Akkasitti wal waamuu fi quba walitti qabuun dhufnaan bakka itti dhaabbatu hin qabu. Kanaafuu ani osoon Obbo Daaniéel tahee gaaffii sana akkasitti dhiiga danfee, hidda yaasee, sagalee dheekkamsaatiin Dr. Mararaatti hin dhiheessu. Saáa sanatti dhiiga Dr. Mararaa keessattis maaltu akka dhagahamuu danda’u herreguutu narraa eegama waan taheef.
Baaroon Oromoo ture. Oromummaaf du’e. Kanaafuu Oromoon inni  Bahaas Baaroof falma. Inni kibbaas, inn kaabaas, inni giddu galeessaas Baaroo qabsaayaa hangafa saba isaa godhatee kabaja, yaadata. Maqaan Baaroo akka malee yoo tuqamu Oromoon seenaa qabsoo isaa beeku hundi dheekkamuu qaba. Obbo Daani’eelii fi namoota kutaa Obbo Baaroon itti dhalatetti dhalatan qofa addatti wanni dheekkamsiisu hin jiru.  Waldhibdee fokkattuu gaafas jaallan gidduutti dhalattee balaa du’a Jaal Baaroo fi Jaal Badhoo mudde yeroo yaadannu, har’a kutaadhaan quba walitti qabanii wal abaaruu caalaa wanni qaanfachiisaan hin jiru. Seenaa sana qotaa ooluun faayidaan isaa maal akka tahe naaf hin galu. Summiin dubbii kana irraa maddite hará obboleeyyan keenya kutaalee lamaan kana gidduutti hidda babalífattee yeroo qoccolloo wal gidduutti dhalchitu bakka hedduutti argee taajjabeera. Guyyaa sana kan wal sababe namoota dhunfaa ti. Kutaaleetu akka akka kutaatti bahanii wal lolan miti. Namoota guyyaa sana wal sababan bakka dhaloota isaanii ilaalanii waggaa soddoma afurtama booda har’a kutaadhaan quba walitti qabuun sabboonummaan keenya haráyyuu qacalee tahuu isaa agarsiisa. Ulfina tokkummaa Oromoo isa salphina jalaa nu baasuu saniif osoo hin taane ulfina kutaa itti dhalanneetiif waardiyyaa dhaabbachuu dursuu keenya mul’isa.
Dr. Mararaan bar tokkotti diinota Oromoo waiin dhaabbatee sabboontota dhugaa irratti dhagaa darbaa ture tahuu danda’a. Har’a garuu achi hin jiru. Dhalli namaa barataas tahu wallaalaa, bara jireenya isaa keessatti numa dogoggora. Gariin dogoggoree achumaan hafa. Gariin dogoggora isaa sirreeffatee eebbifama. Dr. Mararaan warra dogoggora ofii sirreeffatee dhaabbii tolfatu keessatti laalama. Kanaafuu kabajaatu malaaf malee badii waggaa digdama duraatiin ammas hawaasa keessatti abaaramuu fi salphifamuun hin toluuf. Ulfina walii kennuu barachuu qabna. Akka dhunfaatti jibba wal irraa qabna taanaan akkuma dhunfaatti fixachuu dha malee, rakkoo dhunfaa sana gara ummataatti (public) fidnee maqaa wal balleessuun jabina miti. Obbo Daani’eel irraa wantin arge kana.
Viidiyoon Obbo Daani’eel wayta kanatti bifa kanaan qindaawee dhihaachuun faayidaan isaa maal akka tahe anaafis ifaa miti.  Yaa Mararaan maa dogoggora keessatti hafuu diddee mooraa Oromootti as deebite jechuu dha moo maali? Oromoo keenya isa OPDO keessa jiruunuu saba keessanitti deebiáa jechaa jirra. Waggaa 23 guutuu waywaannee ofitti waamaa jirra. Mararaan ilmi Oromoo kaleessa dogoggorus dogoggoruu baatus karaa itti fakkaateen Oromumaaf dhaabbataa ture. Akki itti Dr. Mararaan fa’aa jaaramanii fi dhaabbatan Oromoof faayidaa fideera moo hin fidneen dubbii biraa ti. Sun mata duree biroo keessatti laalamuu dandaá. Amma gaaffiin ka’uun irra ture (kaasuun barbaachisaa tahee yoo argameef), ‘’Yaa Mararaa keenya, kaleessa akkas akkas jettee dogoggoraa turte, har’a garuu as deebite fakkaataa, yaada kee kaleessa afaanii si bahe sana amma yoo yaadattu maaltu sitti dhagahama?’’ gaaffii jettu tahuutu irra ture jedheen amana.
Viidiyoo Obbo Daani’eel wanni olola jechisiisu kan biraa, dhaamsa maayyii irratti dabree dha. Oromiyaa republika taate arguuf hawwii qabaachuun Obbo Daaniéel gaarii dha. Ammoo, sabboontota Oromoo furmaanni biraa itti mulátuufis mirga isaanii eeguu fi wal kabajuu barbaachisa. Obbo Daaniéel biyya demokraasiin itti dagaage keessa akka jiraatan quban qaba. Biyyoota akkasii irraa wanni dhaaluu qabnu wal dandeettii akkasii tahuu qaba. Ani Oromiyaa walabattin amana yoo tahe hayyoota saba kiyyaa warra falli biraa itti mulátu yaadaan mormuun mirga kooti. Abaaruu fi salphisuun garuu narraa hin eegamu. Fagoo dhaquu dhiifnee Scotland kan torbaan kana keessa mirga hiree murteeffataa jirtu irraa waan guddaa barachuu qabna. Hanga wayta barruun kun qophaawuutti sagalee 49 fi 51 wal dursaa jiran. Warri Scotland walabtittii foátus tahee warri UK waiin jiraachuu deeggaru hundinuu ilmaan Scotlandi. Hundinuu wal malee waa hin qabani. Hundinuu sabboonummaa Scotland qaban. Garuu dhimma buáa siyaasaa irratti murtee kam nuu wayya jedhanii adda bahan. Dhimmi Scotland fi dhimmi Oromiyaa fagoo wal gata. Kun beekamaa dha. Garuu wal dandeettii yaada ummataa agarsiisuuf akka fakkeenyaatti waan hin laalamneef hin qabu. Qaroomina akkasii irraa waa dhaaluu qabna. Duudaadhuma waggaa digdama soddoma biyya faranjii teenyee bilchinaa fi gara bal’ina faranjootaa irraa hin barannu taanaan, lammii keenya isa baadiyyaa Oromiyaa keessatti wallaalumaan marfamee marga dheedaa fi eela bishaanii irratti wal dhabee dhiiga wal dhangalaasu irraa maaliin adda taana? Maal barannee wal barsiifanna? Nuti warri hayyuu ofiin jennu hegeree Oromiyaa ilaachisee yaade fedhe qabaachuu dandeenya. Kan murteeeffatu garuu ummata. Dr. Mararaan Federaalism dhugaa keessatti rakkoon Oromoo furama jedhee yoo amane mirga isaa ti. Namoonni yaada kanatti walii galanis isa deeggaruuf akkasuma mirga qabaatu. Obbo Daaniéel dhaaba siyaasaa Oromoo tokko kan hogganan tahanii yoo walabummaa Oromiyaaf lallaban akkasuma mirga qabu. Ummanni kanatti amanus mirgi isaa eegamuu qaba. Ummanni Oromoo wayyabni garuu maal barbaada kan jedhutu yaada lamaan walitti araarsa waan taheef wanni wal dhabamuu fi wal arrabsaniif hin jirtu.
Kan biraa wanni caalaatti na gaddisiisu, yaada namoonni danuun viidiyoo sana irratti kennatani. Baayéen namoota keenyaa ammas akkuma kutaatti dhaabbatanii nama kutaa isaanii tahe deeggaruudhaan yaada yoo darbatan muláchuun itti fufeera. Kana irraa guddachuu dadhabne. An yoon Wallaggatti dhaladhe nama dhalataa kutaa kiyyaatiin yoo waa jedhame dafee arraba qaradhee gadi bahuun sabboonummaa osoo hin taane gandummaa dha. Yoon Shawaatti dhaladhee namni dhalataa kutaa kiyyaa tahe tokko qeeqamu taf jedhee ol kaée nama sanaaf dubbachuunis akkasuma. Hawaasni keenya qaroomina siyaasaa agarsiisaa deemuutu irraa eegama. Nama tokko yoo deeggarrus tahee yoo balaaleffannu kutaa dhaloota isaa, yookiis amantii isaa irraa haajaa qabaachuu hin qabnu. Kutaadhaanis tahee amantiidhaan ana waliin tokko tahees ilaalchi isaa na miidhuu ni dandaá jedhanii yaaduu barbaachisa. Kutaa yookiin amantiidhaan tokko tahuu bira kutee yoo obboleessa kiyya tahe illee, ilaalchaan wal madaaluu qofa aadeffachuutu mallattoo guddina hegeree ti. Hanga dhibdee kana fakkaatu keessaa baanutti ‘’tokkummaa Oromoo’’ jennee dubbachuun soba taha.
Wanni nama raaju, jabina diinota keenyaa irraa waa laallee barachuu hanqachuu keenya. Amaara isa kamtu Gojjaamummaa fi Manzummaadhaan quba walitti qabnaan agarre? Eessatti Gondarummaa fi Saayintummaadhaan wal dhibanii tokkummaa Amaarummaa isaanii dadhabsiifnaan dhageenyee beeyna? Tigirootas tahu warri heddumminaan TPLF keessatti aangoo qabu joollee Adwaa ti haa jedhaman malee, akka Tigireetti jabaatanii waliin dhaabbachuu isaanii malee kutaadhaan wal dhabanii tokkummaa sabummaa isaanii irratti balaa isaan dhaqqabsiisan arginee hin beeynu. Olola siyaasaatiif jecha ‘’olaantummaa warra Adwa’’ haa jedhamuyyu malee, gandummaan qabatamaatti mulátee tokkummaa hawaasa siyaasaa san qoqqoodee jabina isaanii yoo miidhu hin mul’anne.  Achi ceenee warra Ertiraas yoo laalle akka sabaatti wal gidduutti garaagarummaa aadaa, amantii, afaanii fi waan biroo hedduu osoma qabanii akka biyyaatti ‘’Eritrea’’ jedhanii yoo waliin duán agarra.
Duuba keenya maali rakkoon? Amma yeroo dhibamnee jirrutti garaa irraa walitti urgoofnee walitti dhangalaúu yoo hin dandeenye gaafa kami? Hayyuu keenya jennu tokko kutaa dhalootaatiin tokko taanee qofaaf deeggaruun, kutaadhaan adda taanee qofaaf jibbuu yookiin balaaleffachuun gaafa kam dhaabbata? Ilaalcha dhihaate tokko madaallee mormuu yookiin deeggaruun hafee ‘’ilaalcha sana eenyu dhiheesse, nama kutaa eessaa ti’’ gaaffii jedhu dursinee kaanee ejjennoo fudhachuu irraa yoom guddanna? Gaaffiilee kana namuutuu of gaafachuu qaba. Wal sirreessuun of sirreessuu irraa eegala. Akka kutaatti wal barsiisuun, wal gorfachuun, hanqina walii jabinatti jijjiiruuf waliin yaaúun badii hin qabu. Galaana Oromummaa isa bal’aa keessatti ulaagaa Oromummaa guuttatanii walqixxummaa Oromummaatiin waiin jiraachuuf jecha akkuma walitti dhiheenyaatti wal sirreessaa deemuun gaarii dha. Kana tahuun hafnaan, walitti dhufeenyi lagaa fi amantii galaana Oromummaa guddaa sana gargar jajalisanii corroqatti gadi xiqqeessuu taha. Akkasitti Oromiyaa bifa fedheenuu bultu boruu hogganuu fi qaroomsuun hin danda’amu. Dhuma irratti wannin dhaammadhu, faayidaa tokkummaa diinota keenya Habashoota irraa, miidhaa gosummaa fi xinxaalummaa amantii ammoo firoota keenya Soomaalita irraa HAA BARANNU!

No comments:

Post a Comment