Thursday 4 September 2014

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa FDG Itti Fufuun Waraana Wayyaanee Agaazii Jedhamu Waliin Wal Qabaa Jiru

Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa FDG qabsiisuun guyyaa har’aa walga’ii Wayyaanee guyyaa 15nif teesisaa turte irratti gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafachaa turreef deebiin nuuf kennamuu qaba jechuun walga’ii wayyaanee fashalsan.
Goototni dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa irratti Godina kibba lixa Shawaa fi Godina Jimmaa irra walitti qabamanii walga’ii dirqamaan Wayyaaneen guyyaa 15nif teesisaa turte irratti gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo gaafachaa turreef hanga guyyaa har’aatti deebiin nuuf kennamee jiruu: Hidhaa, reebichaa, ajjeechaa, barnoota irraa arii’amuu, mirga dimookiraasii fi namommaa sarbamuudha. Adeemsi kun ittumaa FDGtti nu jabeessa malee kaayyoo keenyaa fi mirga keenyaafi mirga uummata keenyaa kabachiisuu irraa duubatti nu hin deebisu jechuun guyyaa kaleessaa halkan guutuu barruulee warraqsaa fi ibsa ejjennoo qabxii 12 of irraa qabu kan gaaffii uummata Oromoo waliigalaa qabate uummataafi mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Agriculture fi saayinsii fi Teekinooloojii keessaa bittineessa buluun guyyaa har’aa ammoo FDG qabsiisuun mootummaa Wayyaanee raasuu itti fufan.
Goototni barattootni Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo ta’an guyyaa har’aa wayita ergamtichi wayyaanee kan uummata Oromoo bakka bu’uu hin dandeenye Muktar Kadir karaa foddaa Plasmaa ergaa mootummaa fashistii Wayyaanee EPRDF dabarsaa jirutti olola farreen nageenyaa fi mootummaa shororkeessa hin dhageenyu jechuun mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa Agriculture fi Saayinsii fi Teekinooloojii keessatti wayyaaneen dirqamaan walitti qabdee turte FDG qabsiisuun mootummaa wayyaanee balaaleffachuun eenyummaa dargaggoota Oromoo dhugaatti ifatti diinatti argisiisan. Oromiyaan Mootummaa mataa ishee hin qabdu Muktaar nu bulchuu hin danda’uu ergamaan Wayyaanee Muktaar Oromoos bakka hin bu’u jechuun mormiin haammate.
Yeroo amma kanatti goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa waraanaa Wayyaanee agaazii fi poolisoota Federaalaa Wayyaanee EPRDF waliin waldura dhaabbachuun sagalee mormii guddaa dhageesisaa jiru. Waraanni Wayyaanee akka barattootni mooraa keessa gadi hin bane mooraa keessatti ittisuun barattoota Oromoo meeshaa tokko of harkaa hin qabnee qawween dura dhaabbachaa jiru.

No comments:

Post a Comment