Thursday 19 December 2013

Yaalii Ajjeechaa Maandellaa Irratti aggaamame Oolcheera!!

WASHINGTON, DC — Nelsen Maandeelaan leenjii waraanaaf Itiyoopiyaa yeroo dhaqanii turanitti keellaa liinjisa waraanaa Kolfee keessa waardiyyaa ta’uun hojjetaa kan turan keessaa tokko ajajaa kumaa Guutaa Diinqaa turan.

Ajajaan kumaa Guutaan Yeroo Maandeellaan achi turanitti waardiyyaa ta’uun haa hojjetanuu malee Mandeellaatti siquu hin dandeenyu turre jedhan.

Yoo loltoonni itti siqanii dhaabatu ta’e akka waan nageenyi isaanii amansiisaa hin ta’initti akka itti hin dhaga’amneef jecha irraa fagaannee akka to’annu kan nutti himan Geneeraal Waaqoo Guutuu ti jedhan ajajaan Kumaa Guutaan.

Mandeellaa ajjeesisuuf shirri akeekamee ture illee kara isaanii akka raawwatamuuf gumaan kennamuuf illee diduu dhaan shira sana saaxilanii lubbuu Maandeellaa oolchuu isaanii dubbatu Ajajaa Kumaa Guutaa Dinqaa..

No comments:

Post a Comment