Thursday 19 December 2013

SEEXANA GURRAACHA!!! Maalif nutti faarsu maal nutti leellisu?????

Nutoo hin hirraanfannee maal nu yaadachiisu?
Kuunnoo bar a sana bara hireen jalla’ate
Walabummaan gurraachotaa adii dhaan molqamte
Seenaatu dubbata nuun yoom nu hanqate?
Keenya nu hanqannaan daangaa itti hin ceene
Dachee isaanii irratti kansaanii hin tuqne
Daangaa nutti ce’ee kan harka nu mure
Haadha goota deessu kan harma irraa cire
Gadi badii namaa miniilik hin turree?
Gantuu lammii keessaa fira isaa godhatee
Fitaawuraarii………dajjaazmaach
Qanyaazmaach………..giraazmaach
Mataa waraanaafaa jechuun moggaafatee
Karaa ofii hin beekne isaaniin dahatee
Halkan tokkittiitti kan saba koo nyaate
Miniilik hin turree akkam irraanfatte?
Dirree calanqootu galmeefatee kaa’e
Seenaa aanolee dha kan dhiigaan galmaa’e
Maarree maal ta’anii maalif nutti faarsuu?
Nutoo hin hirraanfanne maal nu yaadachiisuu?
“xuqur sawu………..xuqur sawu”
“yeweggaa birasaa yeteweggaa ayirsaawu”
Kan jedhee mammaake isaanuma hin turree
Maalif irraanfanna akkam dagannaree?
Goota biyyaa jettee ol kaaftee jajatti
Sabni oromoo garuu argaadhaaf jibbiti!!!!!
Egaa ani miniilikiin……………..
Ija akaakayyuu koon gaafan taa’ee ilaaluu
Ija abaabayyuu koon ilaalee madaaluu
Osoon kana arguu goota koo jedhuuree
Kan asmaariin jette anis dabaluuree?
Lakkii ija kanaan yogguttiin ilaalu
Sadarkaa gootummaa tasuma hin madaalu
Gootummaan haa hafu namatti hin dabalu
“seexana gurraacha”
Isa guyyaa saafaan saba oromoo qalu!!!!!!!!!


No comments:

Post a Comment