Tuesday 12 May 2015

WBOn Loltoota TPLF 30 Ol Ta’an Hojiin Ala Godhe.

asxaa_oromo

Caamsaa 11, 2015. Gootichi WBO tarkaanfilee diina irratti fudhatu jabeessee itti fufuun, godinoota Harargee fi Baalee keessatti loltoota Wayyaanee irratti tarkaanfii fudhateen loltoota Tigree 30 Ol ta’an hojiin ala godhe.
Abdii fi gaachanni ummata Oromoo, WBOn, godina Bahaa keessa sossohu, akkasumas godina Baale keessattis waraana Wayyaanee maqaa sakattaa jedhuun bakkoota gara garaatti bobba’uun ummata goolaa fi saamaa ture irratti tarkaanfilee adabbii adda-addaa fudhateen 12 ajjeesee, 28 ol madoo taasisuu oduun tarkaanfii waraanaa ajajoota WBO godinoota kanneenii waabeffachuun SBO dhaqqabe addeessee jira. Haaluma kanaan, Caamsaa 02, 2015 WBOn godina Baalee ona Beeltoo bakka araddaa Gaara-Jaarsaa jedhamutti waraana wayyaanee kan WBO sakatta’uuf bobba’ee fi ummata nagaa goolaa ture irratti tarkaanfii haleellaa fudhateen 5 ajjeesee 7 ol madeessuu oduun tarkaanfii waraanaa SBO dhaqqabe hubachiisee jira. Tarkaanfii kanaan qabeenyi adda-addaa diina irraa kan fudhatame ta’uunis ibsameera.
Haaluma walfakkaatuun WBOn godina Bahaa Caamsaa 05, 2015 Baha Harargee naannoo Mayyuu-Muluqqee keessaa bakka Gaara-Walloo bira iddoo Gobeentii jedhamutti loltoota Wayyaanee hojii gooltummaaf bobbaa irra turanitti haxii hidhuudhaan haleelee 7 yeroo irraa ajjeesu, 11n ol ammoo madoo taasisuu fi qabeenya gara garaas diina irraa dhuunfatuu ajaji WBO godina Bahaa beeksisee jira. Waraanni Wayyaanee haleelame kun baqaan kan dheesse oggaa ta’u, ummata duratti qaanii akka haguggates ibsameera. Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Godina Dhiya Oromiyaa Caamsaa 05, 2015 naannoo Dambi Doolloo ganda Meexxii jedhamu keessatti lukkeelee, hidhattootaa fi Foolisoota sirna Wayyaanee ummata goolaa turan irratti tarkaanfii fudhateen garii isaanii to’atnnaa jala oolchuu gabaasamuun kan yaadatamuu dha. Akkasumas, Humni Addaa WBO kan godina Bahaa Ebla 25 bara 2015 magaalaa Dirree Dhaawaa iddoo Gaggabaa jedhamuttii gaafatamaa dhimma nageenyaa kan Zoonii naannoo sanii ummata goolaa ture ‘Chuuchuu’ jedhamu irratti tarkaanfii fudhateen ajjeesuu isaa gabaafameera. Hanga abbaan biyyummaa Oromoo mirkanaa’uu fi mirgi Oromoo guutuutti kabajamutti WBOn hidhannoo isaa kan hin laaffifne, tarkaanfilee waraana diinaa fi kanneen gufuu QBO ta’an irratti fudhatu jabeessee kan itti fufu ta’uu WBOn mirkaneessuun, ummatni Oromoo kan keessaa fi alaa waan danda’ee fi karaa isaaf maleen WBO karaa hundaan jabeessuuf dirmatnaa isaa jabeessee akka itti fufu dhaamee jira.

No comments:

Post a Comment