Monday 25 May 2015

Wallagga Lixaatti Uummanni Oromiyaa Miidiyaa Neetworkii (OMN), SBO fi Raadiyoon Oromoo Akka Hin Dhaggeeffanne Dhorkame

omn(Qeerroo) — Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa waan hoji isaa saaxilu, rakkoo uummanni Oromoo keessa jiru miidiyaa addunyaatti dhageesisu gufuu tahuuf shira xaxuuf halkanii guyyaa kan duulu,mootummaan Wayyaanee of tuulaa fi shororkaa’aan uummanni Oromoo Wallagga keessa jiraatu mana mana irraa deemuudhaan miidiyaa OMN,SBO fi Raadiyoon Oromoo  akka hin dhaggeeffanne har’a Caamsaa 23,2015 dhorkuu Qeerroon Wallagga,Aanaa Gullisoo irraa gabaase.
Gabaasni Qeerroo akka addeessutti caasaaleen mootummaa Wayyaaneef amanamoo ta’anii ergama Wayyanee baatanii gandaa fi uummata keessa jooraan wayyaanee barri itti dhufe yeroon itti geesse aangoo isaa irraa yoo bu’e bor waan nyaatan dhabanii bor uummatuma Oromootti kan hafan har’a uummata Oromoo irra deemanii diinummaa kan hojjetanii fi waan mootumman Wayyaanee hojii irra oolchaa jechuudhaan dirqamsiisu
hunda uummata Oromoo goolaa keessa bahee amma ammoo sodaaf kan ta’e miidiyaa kanneen akka OMN,SBO fi RSO xiyyeeffannoo guddaa itti kennuudhaan ummmanni  akka hin dhaggeeffanne jechuun caasaan mootummaaf amanamoo ta’an mana uummataa irraa deemuudhaan akeekkachiisa kennaa kan oolan tahuu gabaasni addeessa.
Keessattuu uummata jiraattota  Wallaggaa magaalotni Gimbii,Najjoo, Gullisoo, Noolee keessatti miidiyaa kana namni kamuu akka hin hordofneef mootummaan dhaamsaa dhaamuu fi uummannis akeekkachiisa mootummaan wayyaanee kenne aarii fi mufii
guddaan itti dhagayame, namotni akeekkachisa mootummaan Wayyaanee dirqamaan itti kenne kana galmaan gahuuf duulan uummata naannoo aana Nooleen ariyaman, uummannis nuti isin hin beeknu miidiyaa nuuf tahu hordofuun mirga keenya mootummaa waan galchu hin qabu jechuun ergamoota diinaaf hojjetan qaaneessuun of ariiyuu gabaasni Qeerroo nugahe addeessa.

No comments:

Post a Comment