Sunday 24 August 2014

Barattooti Oromoo Yuuniversitiilee Adda Addaa Iyyannoo Mirgaa Gaalfatan.

Iyyannoon Dargaggoota  Barattoota Oromoo Marsaa 2ffaan Itti Fufe!
Nuti dargaggootni barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo haala yeroo irraatti hundaa’uun rakkinoota yeroo amma kana uummata keenyarratti fe’amee jiruu kanneen akka; dinagdee, siyaasaa,  duguuginsa sanyii (Genocide), hawwaasummaa, bilisummaa, eenyummaa, qabinsa  mirgoota namummaa fi dimookiraasii, Master Planii Finfinnee, fayyaa, barnoota fi kkf irratti hundaa’uun Ebla 11, 2014 irraa eegaluun ni yaadatama. Haa ta’u malee ammas nuti barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo  Yuunibarsitoota kanneen aakka : Jimmaa, Adaamaa, Amboo, Mattuu, Wallaggaa, Haroo Amaayyaa, Bulee Horaa, Dirree Dawwaa, Maadda walaabuu fi Kolleejjii barsiisota Jimmaa, Mattuu fi Naqamtee irraa barachaa jirru rakkoon uummata keenyaa boqonnaa waan nu dhorkateef karaa seera qabeessaa fi dimookiraatawaa ta’een iyyaannoo keenya dhiyeeffaannee deebiin mootummaa EPRDF/TPLF/OPDO irraa nuuf kenname: hidhaa, ajjeechaa, reebicha, fi barnoota irra arii’amu akka ta’ee Oromoo mitii addunyaa  biyya lafatu  raga nuuf ba’a.
Mootummaan qaanii fi saalfii hin beekne kun, gaaffii mirgaa sirnaan gaafanneef dargaggoota (dardarranii fi shamarran), qonnaan bulaa, hojjetee bulaa, haadholii fi maanguddoota nu cina dhaabbatan osoo hin hafin tarkaanfii gara laafina fi daangaa hin qabne nurratti fudhateera. Humna waraanaa of harqaa qabu hanga funyaanitti hidhchiisee nurratti bobbaasuun daa’imman waggaa 9 irraa qabee hanga maanguddoota waggaa 80 ta’aniitti dabalee hedduminaan ajjeseera, kumaan lakkawaman  mana hidhaatti naqee dararaa jira.
Mootummaan Itiyoopiyaa yakka waraanaa galmee seenaa irraa haqamuu hin dandeenyee fi  itti gaafatama seeraa fi seenaa jalaa nama hin baafne rawwachuun; yeroo ammaa kanatti ilmaan Oromoo kanneen dhibbootaan lakkaa’aman barnoota isaanii irraa arii’atamaniiru,  kanneen kumootaan lakkaa’aman immoo Manneen hidhaa Godinaalee Oromiyaa garaagaraa   fi giddu-galeessa biyyattii Maa’ikalawwiitti hidhee murtoo fi himannaa tokko malee raga sobaa irratti qindeessuun hidhee dararaa jiraachuun  eenyumaafiyyuu ifaadha.
Mootummaan yakka duguuginsa sanyii (Genocide) uummata keenya Oromoo irratti raawwatee fi raawwataa jiru kun yeroo ammaa kanatti rakkoo ulfaataa  siyaasaa isa mudatee jiru keessaa ba’uuf maqaa walga’ii jedhuun barattoota Oromoo kanneen dhaabbilee barnoota olaanoo  irraa boqonnaaf gara maatii deebi’aa jiran “mallatteessaa; godina dhaloota keessaanitti galtanii walga’ii hirmaachuu qabduu” jechuun ilmaan oromoo dirqisiisee mallatteesisuun hagayyaa 10, 2006 A.L.habashaa irraa eegalee gaggeessuuf jiruu irraatti FDG gaggeessuun dura dhaabbachuuf Qeerroon waamicha dabarsaa jira.
Haaluma kana irratti hundaa’uun dargaggootni barattootni Oromoo gaaffii mirgaa karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyeeffanne afaan qawwee fi humna waraanaan ukkaamsuun tasumaa  akka hin danda’amne hubachiisuun gaaffii keenyaaf deebii argachuu fi mirga uummata keenyaa kabachiisuuf irra deebii’uun amma illee gaaffii keenya akka armaa gadiitti dhiyeeffanna:
1. Baatii Eblaa 11, 2014 irraa eegaluun sababaa gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa gaafanneef mootummaan biyya bulchaa jiru EPRDF/TPLF/OPDO humna waraanaa nurratti bobbaasuun yakki duguuginsa sanyii (genocide) uummata keenya nagaa irratti raawwate jira. Badii tokko malee Oromoon qe’ee fi qabeenya isaa irratti ajjefame jira, kumootaan kanneen lakka’aman balleessa malee humnaan qabamanii hidhamanii jiru, barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo irraa barnoota isaanii irraa arii’atamanii jiru,  gaaffii karaa nagaa dhiyeeffanneef deebiin kana ta’ee jira waan ta’eef gocha diinummaa  kana cimsinee balaaleffachuun ammas ‘mirgii hiriira nagaa’’ akka nuuf hayyamamu jabeessinee gaafanna!!
2. Uummaatni Oromoo manneen hidhaa garaagaraa keessa jiran gaaffii tokkoo malee akka hiikaman jabeesinee gaaffanna!!
3. Master Planiin Finfinnee balaa guddaa uummata Oromoo fi qabeenyaa isaa irratti waan qabuuf hatattamaan haqamuu qaba!! Saamichi lafaa maqaa investmentii fi adda addaa itti moggaasuun Oromoo buqqisaa jiru hattatamaan akka dhaabbatu ni gaafanna!!
4. Mootummaan abbaa irree uummata keenya jumlaan ajjeesaa, hidhaa, hidhee gidirsaa, barnoota irraa ari’aa fi buqqisaa jiru itti gaafatamummaa fudhachuu qaba!!
5. Mootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO’n diraamaa (filmii) sobaa qopheessuun karaa ETV fi media of harka qabuun argisiisuun adeemsa yeroo garaagaraatti maqaa qabsoo uummaanni Oromoo bilisummaa isaa gonfachuuf taasisuu maqaa balleessuun, tuffii uummata Oromoof qabanin sochii uummaatni Oromoo kabajamuu mirga nanummaa fi dimookirsiif taasisu irratti filmii sobaa qopheessuun uummata keenya maqaa balleessuu irratti waan argamuuf mootummaan wayyaanee itti nuuf haa gaafatamu jenna!!
6. Loltootni mootummaa abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO mooraa dhaabbilee barnootaa fi godinalee Oromiyaa garaagaraa irraa qubsiifamuun barattootaa fi uummata goola jiran gadhiisanii akka bahan ni gaafanna. Yakkoota akka saamichaa, gudeeddii, reebicha fi ajjeechaa rawwachaa jiraniif gaaffii seeraaf dhiyaachuu qabu!!
7. Biyyattii keessatti utuu mirgii dhala namaa sarbamaa jiruu, utuu mirgii dimookiraasii guutummaatti mulqamee jiruu maqaa dimookiraasii sobaan daadhachuun yakka raawwatamaa jiruu fi itti gaafatama seeraa jala nama baasuu akka hin dandeenye hubachiisuun, dhaabbileen mirga namoommaa fi dimookiraasii addunyaa sochii nuti dargaggootni Oromoo Qeerroon biyya keessatti karaa nagaa fi dimookiraasii mirga uummataa keenyaa, uummata Oromoo kabachiisuuf gaggeessa jirru cina dhaabbachuun deeggarsaa barbaachisu akka nuuf godhan ni gaafanna!!.
8. Biyya mirgii dhala namaa fi dimookiraasiin hin jirree keessatti filaannoo dimookiraatawaa gaggeessina jechuun mirga uummataa ukkaamsinaa umurii yeroo bittaa keenyaa nuu raggaasisaa jechuudha. Filannoo kijibaa biyyatti keessatti gaggeeffamaa tureen sagaaleen uummataa ukkanfamee, mirgii uummataa sarbamee umuriin abbaa irree fi garboomsaa akka dheeratu ta’eera. Carraa kanattiis fayyadamuun mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO’n uummata Oromoo jumlaan hidhatti guuree, qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisee, balleessa tokko malee dhukaasee ajjeesera. Ammas maqaa filannoo kijibaan olollii oofamaa jiruu nurraa dhaabbatee gaaffii uummata keenyaa sirnaan deebiin kennamuu qaba, mirgootni namoomaa fi dimookiraasii uummataa eegamuu qaba, gaaffiin bilisummaa uummata, birmadummaa dinagdee Oromoo fi walabummaa Oromiyaa dursa deebii aragachuu qaba jenna!
Kanaafuu akka waliigalatti gaaffiiwwan armaan olitti tuqaman deebii argachuu qabu, kanumaan walqabatee rakkoo fi gochaa suukkaneessa yeroo irraa gara yerootti uummata keenya irra ga’aa jiruu ibsachuu fi balaaleffachuuf mirgii hiriira nagaa nuuf haa hayyamamu  jechuun iyyaannoo keenya kabajaan dhiyeeffaneera!!
Injifannoon Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!

No comments:

Post a Comment