Tuesday 21 January 2014

Uf 'Yaa Bineensotaa...Qabsoo Dheeraa Booda!

Ani maaluma godhu bineensota kana
Eeboo maaliinan dugdashee waraanaa?
Fala maaf dhabdanii maaloo yaa jaranaa
Maafan ba'aa baadhee kophaakoo maassanaa?

Booyyeefi waldiigessatu goodaadha baroodaa
Fociif jaldeessatu gaadee waliin ooda
Fardaafi gaalatu ta'e akka harrootaa
Raachaafi karkarrootu dararsan hoolota

Hantuutatatu diige keenyan mana keenyaa
Tuqaatu barbadeesse hundumasaa beeknaa
Rirmatu madeesseem garasiif garanaa
Qe'een gogoloofnaan keessaa baduuf deemna

Tisiisa bosonaa kuruphisa qe'ee
Ilbiisaam jarana ani naman se'ee
Anoo ragaan bahaam biyyoo lafaa haree
Uf' yaa bineensotaa anoo si abaare!

Mixii akka ilbiisotaa holqa keessaa yaatuu
Jaamaa akka hinjiraanii lafee namaa nyaatuu
Kansaa tuulee kaa'ee kan namaaf maraatuu
Yoon hindhabamsiifnee maaf biyyoon nanyaatuu?

Waan akka kanniisaa qarxaasaa midhaanii
Dhiiga garraamotaa xuuxanii dhuganii
Sossobnees dadhabnee nudhiisuus didanii
Erga fala dhabnee lafuma kanarraa maaliif nunfixanii?

Boombii mataa qottoo huummoo laga gamaa
Akka farda gootaa maaf nurra garmaamaa?
Dhaala abaabileekoo maalumaaf nasaamaa?
Bilisaan uumamee maafan dararamaa?

Egaa barasaatuu bara ammaa kanatuu
Diinnis qaawwaa argatee firris kan walnyaatuu
Qabsoodha barbaada miti malaafmaltuu
Abshaaloma diinaaf maaf taana maraatuu?

Namuma amma kana anas dabalatee
Kophumadha fiiga qomoosaa dagatee
Akkasiin fullaanaan maal fala ta'aree?
Duuba deebi'anii of laaluudha malee

Qilleensarra kaatee yaadaan tabjaajja'aa
Jireenya mo'achuuf takka kufee ka'aa
Deemsa keessa lufe meeqansaa lakkaa'aa
Gocha tokko malee yaadasaan akaa'aa
Addunyaa xaxamtuu ishee hiika hinqabne
Joorsuuf jaamsuu malee boqonnaa hinlaanne
Nyaattee dhuguu malee nanquufee hinbeekne
Halkan guyyaa fiignee mo'achuu hindandeenye

Ogeeyyis gaafannee hayyuu biyya bulchuu
Hiika addunyaa kanaa dadhabe nuulaachuu
Qotee bulaas taanee yookaan daldalachuu
Barataas taaneetu dhabneerra gammachuu

Afaaniin kolfina garaan numadaa'ee
waan dubbannu hinbeeknu akka isa raata'ee
Waan yaaddoof gidiraa nurratti walgahee
Kam himnee kam dhiifna callisuudha malee

Bineensi daggalaa ilbiisonni hundumtuu
Yeeyyiin gama sanaa leenci inni dhaadatuu
Gafarsi duubanaa Joobirri halkan kaatuu
Biiftuun samii Waaqaa maaf ifa nuu laatuu?

Oduus maan dheeressa maafan sindheebossaa
Yaadni abbaa huba abbuma jiitessaa
Kophuman guunguma akka haadha hiyyeessaa
Maan of yaadachiisa madaakoo kaleessaa

Mala dhahee buusee guyyaan taa'ee mugee
Bineensi keessakoo fixeera daguugee
Hawwannisi jooraan allaattii akka gugee
Maaf ibsaa keessakoo gaaddisaan haguugee?

Abbaafi ilmatu didee waliin oodaa
Haadhaaf intalatu guyyaadhaan abjootaa
Falli ta'uu qabu kan ilmaan namootaa
Albuudni argamuun qabsoo dheeraan booda!
Gaaffiin lafakootii kumaaf kumaatamaa
Firamoo halagaa eenyu naaf quuqamaa?
Barri an jiraadhusoo kunoo dhumuuf deemaa
Waan haqaa dubbadheen isaaf wareegama.

Wanta ani dhaga'uu yaadaan qalbeeffadhu
Qilleensa qofaadha duumessallee hinqabu
Lafa abbaakoorratti eenyummaa hinkadhadhuu
Bilisummaa balfee garboomee hin jiraadhu!
********
Beekan Gulummaa Irranaa
beekanguluma@gmail.com-2510911074437

akkataa kanaanis ta'ee karaa sharetiin hiriyyota keessaan biraan gahuuf mirgi Abbeentummaa eyyamaadha..................!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

No comments:

Post a Comment