Saturday 11 January 2014

JALQABA OROMUMMAA!


"Eenyummaa kee dhiisi
Eenyummaa koo fudhu!" naan jennaan jaldeessii
Lakkii hin ta'u jedheen eenyummaa dulloome
Bineensa na gaafate jaldeessatti hime!
Jaldeessaa fokkisaa kan deemu hudduu qullaa
Salphaa na salphise kan naan jedhu Gaallaa;
Eenyummaa koo dhisee maafan isa ta'a
Oromummaa gatee duubatti deebi'a?

Bineensa fakkisaa Qomoo isaan of tuulu
Lammii koo balleessuuf humnaan natti duulu
Miniliki kootaansaa isaaf gooftaa ta'e
Ana fi saba kootti dangaa nutti ce'e.
Eenymmaan jaldeessaa
Nama irraa fokkisaa
Maliifan jaldooma
Dhiisee Oromummaa!
Yeroo inni afaan guutee ana ta'i jedhu
Jaldeessi jannoome wayitii ani didu.
Baala fi muka ciree iyyee na abaara
Of ta'uu koo jibbee natti waama bara!
Abaarsa jaldeessaa
Yaa Waaq ni dhageessaa!
Dhugaa koo utuu ilaaltu
Isa hin dhaggeeffattu!

Mana natti diigee dhufee gara qe'ee
bosonai na galchee bineensa na se'e
Fokkisa bineensaa hudduu qullaa boonu
Ollaa yeyyi ta'u, waraabeessatti aanu
Mee maal haa ta'u jedheen isa ta'uu deema
Mirkanneessuu malee JALQABA OROMUMMAA!

No comments:

Post a Comment