Thursday, 6 November 2014

Taammanaa Bitimaa:- GOONNI YOOMIYYUU HIN DU’U!*

Isa uummataaf du’e
Isa sabaaf du’e
Isa biyyaaf du’e
Maqaa-saatu goota
Onnee-saatu goota
Boolla keessa ciisee-llee
Isatoo diina aboootaa!
Ishii uummataaf duute
Ishii sabaaf duute
Tan biyyaaf boolla buute
Maqaa-shiitoo tiira
Onnee-shiitoo tiira
Madda ilmoo namaa
Tiruu warra dhiiraa!
Goonni biyyaaf du’e
Namni sabaaf du’e
Qaamaan du’e malee
Yoomum yaadaan du’ee
Yoomum boolla bu’ee?
Kaayyoon-saawoo jiraa
Kuunnoo, roorroo diraa!
Yaa gootolii Oromoo
Kan sabaa fi kan qomoo
Odaaleen isin dhaabdan
Laliseetii margee
Manneen isin jaartan
Dhalootatti darbee
Mee ka’aa koottaa laalaa
Biyya galuuf abbalaa!
Hundi keessan hin hafinaa
Walbiraan harca’inaa
Elemoo fi Taaddoo Birruu
Mee koottatii laalaa
Bakkuma nuti jirru!
Lafee fi dhiiga keessaniin
Waan hedduu argannee
Bilisummaa dhabnullee
Waan danuu gonfannee
Bilisummaanis
Walabummaanis
Birmadummaanis
Hin hafuu, hin hafuu
Otoo isaan hin argatin
Oromoon keessanis
    abadan hin rafuu
Dhaloonni Qubee kunis
    Gonkumaa hin rafu!
Akkuma Waaqoon nuttime
Adaraa nutti dhaame
Gabrummaa hiddaan buqqifnaa
Daddhabnu ijoollee itti-guddifna“-a!
Ee, nutis ilaa olkaanee
Alaa-manaa waltaanee
Hundee gabrummaa
Farra kan namummaa
Bubuqqifnee gamasitti darbanna
Bilisummaa dhiiga keenyaan arganna!
Harqoota madeessaa waltaanee kuffifna
Gabrummaa Habashaa hundeedhaan buqqifna
Alaabaa Oromiyaa: gurraacha-diimaa-adii
Milkaawaa, miidhagaa isa homaan qabne badii
Tulluu Daalattii fi Niwu-Yoorkitti okaafnee rarraafna
Gadadoo, dhibee fi jeejesoo haxoofnee gabbaafna!
Kurnaan gootolii warra hardha aarsaa taatan
Ganamaan hidhattanii kan roorrootti olkaatan
Eekaa, kurnan guyyaa hardhaa
Kumaatam sana duraa
Dhibbaatam sana boodaa
Karaa nuu baaftan irraa dubbatti hin deebinu
Kun kakuu-dhaa; laguu-dhaa; hooda!
Gootolii Oromoo
Tiirolii Oromoo
Kan sabaa, kan qomoo
Waaberraa kaasee Gibe-Omoo:
Tufaa leenca Munaa
Abbishee Garbaa
Warqituu ishii Walloo
Gootoliin Afran Qalloo
Firrisaa Abbaa Foggii fi Ilaansoo Halloo
Rooboo Bultumii fi Leenjisoo Diigaa
Kunoo, Oromoon ammas walabummaaf dhiiga!
Hasanuu Wadayii fi Maamii Garoo
Agarii Tulluu fi Ahimad Jiloo
Amoosaa Tuqaa fi Biiftuu Hamoosaa
Dubbiin bilisummaa hin taatu-kaa qoosaa!
Magarsaa Barii fi yaa Waaqoo Guutuu
Jaarra Abbaa Gadaa fi yaa Nadhii Gammadaa
Guutamaa Hawaasii fi yaa Baaroo Tumsaaa
Maammoo fi yaa Alamuu Qixxeessaa
Yaa Hayila-Maaram Gammadaa
Olka’aatii laalaa kunoo Oromoon gaaraa dakaayyii
Gabrummaa haleelee cagadaa!
Yaa Raggaatu, yaa Saartuu
Yaa Gaaddisee, yaa Ayyaantuu
Yaa Ibsituu Margaa
Hardha Dhaloota Qubeetu
Seenaa keessan ifatti arga!
Hayyee, gootolii Oromoo
Maarree, tiirolii Oromoo
Kunoo, waadaa isiniif gallaa
Ilaa, alaa-manaa waliif gallaa
Harka walqabannee
Akka moonus abdannee
Bilisummaa, bilisummaa
Walabummaa, walabummaa
Jechaa tarkaanfanna, hayaa tarkaanfanna
Lafee fi dhiiga keenyan Oromiyaa jaarranna!
Barliin, 24. 04. 14
**************    //    **************
* Walaloon kun “Guyyaa Gootota Oromoo” isa gaafa 26. 04. 14, dira Barliin keessatti kabajamee oole, irratti kan dubbifame.

No comments:

Post a Comment