(Qeerroo.org) – Mootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun lafa Oromoo albuudotan gabbataa ta’ee abbootii qabeenyaa amanamoo sirnichaa lammummaan Oromoo hin taaneen raabsamaa jira.
Sadaasa 4,2014 Godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyiitti Kan argamuu lafti gabbataan albuudota kanneen akka Warqee, Copper (Sibiila Qorqorroo), Pootasiyemii, Carbonate, Marble, Dhagaa Hoofii, Ashaboo, Hixaana, fi lafa gabbataa qonnaa midhaan gurgurtaa akka saliixaa fi horsiisa looniif mijataa ta’ee fi horrii loowwaan dhuganii furdatan Hora bidiruu dabalatee albuudootni kunneen Aanaa Midaa Qanyii gammoojjii Garaadoo (Anoonuu Nyabar)tti kan argamuu abbootii qabeenyaa Mootummaa abbaa irree dhalootaan illee Oromoo hin ta’iinitti gurguramee jiraachuun beekamaa dha.
Abbootiin qabeenyaa Wayyaaneef ergamuun lafa Oromoo saamuuf fiigaa jiran keessa tokko kanta’ee nama maqaan Isaa “Yohaanis Ababee” jedhamu, kan gartuu waliin hojjetu 26 of jalaa qabutti harki guddaan kan gurgurame ta’uun beekamee jira. Uummatni Oromoo aanaa Midaa Qanyii jiraattootni Ganda Garaadoos qee’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqifamuuf akka jiran bira ga’amera, Uummatni Oromoo wareegama qaalii baasna malee qabeenya keenyatti diinni darbee nu hin saamuu jechuun jiraattootni Ganda Garaaddoo mormii guddaa godhaa jiru.
Lafti albuuda Uumamaa kanaan gabbataa ta’ee kun argamni isaa Aanaa Midaa Qanyii Gammoojjii Garaadoo keessatti kan argamu ta’ee maqaa addaa “Anoonuu Nyaabar” jedhamuun kan beekamu karaa dhihaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruun kan dangeffamu, karaa Bahaa Aanaa Ginda Baratiin kan daangeffamu, Kibba Bahaan aanaa waddessaa fi Tokkee Kuttaayeen kan daangeffamu tilmaanii bal’ina isaa Hektaara 80 ol kan ta’uu Abbootii qabeenyaa Wayyaanetti gurguramuun isaa erga muirkanaa’ee Uummatni Oromoo Godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyii, Gindabarat, Waddeessa, Tokkee Kuttaayyee, Gudar, Amboo, Calliyaa Geedoo, fi Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanoota akka Abaaboo Guduruu, Jimmaa Raaree, fi Guduruu haalaan kan dheekkamsiisee ta’uun saaxilame jira. Uummatni Oromoo jiraattootni aanota kanneeniis gachaa faashistummaa fi shiftummaa mootummaa Wayyaanee EPRDF jala dhaabbaachuun qabeenyaa ofii irratti falmachuu fi FDG irratti kaachisuun dura dhaabbannaa hadhaawaa gochuun wareegama qaalii baasuuf walitti dhaammachaa jiraachuun gabaafame jira.
Uummanni Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo saaminsa qabeenyaa uummataa Oromoo dhaabsisuuf fi abbootii Irree aangoo irraa darbuun uummatni Oromoo qe’eef qabeenyaa isaa irratti mirgi abbaa biyyummaa isaa kabajamee fi Oromoon ofiin akka of bulchuuf qabsoo gaggeessa jiru Sochii Fincila Diddaa Garbummaa (FDG) jabeessuun furmaata.
No comments:
Post a Comment