Sunday 7 June 2015

Waamicha Walga’ii WWDO


WWDO Logo-5.27.15
Waldaan Walgargaarsa Dargaggoota Oromoo naannaa Waashington DC hojii hojjetaa jiru irratti mari’atee shoora lammummaa ba’uuf ji’a ji’aan akka wal ga’u beekamaadha. Haaluma kanaan, walga’iin idilee gaafa Dilbataa Waxabajjii 07, 2015, sa’aa 6:00w.b. irraa eegalee waajjira hawaasa Oromoo Washington DC tti geggeeffama. Waan ta’eef, dargaggoon naannoo DMV jiraattan hundi hirmannaan keessan barbaachisaadha.
Kanaaf, guyyaa armaan olitti tuqame kanatti waaree booda sa’aa 6:00tti hiriyaa keessan afeertanii akka irratti hirmaattan WWDOn waamicha isiniif godha. Guyyaa kanatti waa’ee deggersa hundeeffama Waldaa Hawaasa Oromoo Ameerikaa Kaabaa fi hiriira mormii ji’a Waxabajjii 2015 keessa yakka mootummaan abbaa irree Itoophiyaa ummata Oromoo irratti raawwataa jiru balaaleffachuun geggeeffamuuf karoorfame irrattis ni mari’atama. Mari’atan furmaata argatan!
Guyyaa: Dilbata Waxabajjii 07, 2015
Sa’aa: 6:00w.b.
Bakki: Waajjira Jaarmiyaa Hawaasa Oromoo,
6212 3rd Street, NW,
Washington, DC 20011
Dargaggoon Oromoo Irree Oromiyaati!
Koree Gidduu WWDO

No comments:

Post a Comment