Monday 1 June 2015

Oromo Liberation Front Attacked TPLF Police Post in Moyale



Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Zoonii Kibba Oromiyaa keessa sossohu haleellaa humna diinaa irratti fudhatu jabeessee itti fufuun Caamsaa 30, 2015tti bari’u magaalaa Moyyalee ganda 02 keessatti kan argamu mooraa Gumrukaa bakka waraanni wayyaanee maadheffatee jiru haleeluun yo xiqqaate loltoota diinaa 17 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Zoonii Kibbaa beeksiseera.
Tarkaanfii kanaan loltootni wayyaanee 7 oggaa ajjeefaman, 10 ol ammoo madoo taasifamuu Ajaji WBO Zoonii Kibbaa ifa godheera.
Meeshaaleen adda addaas diina irraa fudhatamuun dantaa QBOf akka oolfaman hubachuun danda’ameera.
Waraanni faashistii mootummaa wayyaanee akkuma amala isaa tarkaanfii WBOn irratti fudhataa jirutti aare ummata meesha maleeyyiitti roorrisuu fi daangaa biyya ollaa cabsee seenuun maqaa WBOn ummata nagaa ajjeesaa fi goolaa jira.
Haaluma kanaan loltootni wayyaanee barii kana daangaa Keenyaa cabsanii seenuun ollaa ummata Soomarre jedhamutti maanguddoo tokko akka ajjeesan gabaafameera.
WBOn Zoonii Kibbaa Caamsaa 24,2015 magaalaa Moyyalee keessatti mooraa poolisii federaa wayyaanee irratti tarkaanfii fudhateen 5 ol hojiin ala akka godhee fi guyyuma kana Ona Miyoo ganda Goomoo fi magaalaa Iddii Lolaa keessatti haleellaa geggeesseen hidhattoota diinaa 9 ol hojiin ala gochuun isaa kan yaadatamuu dha.

No comments:

Post a Comment