Thursday 12 November 2015

Gabaasa Sirna Yaadannoo Guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa Sadaasa 09


Yaadannoo-FDG-Sadaasa-09-4
(SBO – Sadaasa 12, 2015) — Sadaasni 9 guyyaan yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) waggaa 10ffaan Oromiyaa godinaalee adda addaa keessatti sabboontotaa Oromootiin sirnoota garaagaraatiin bifa ho’aa fi miidhagaa taheen kabajamee jira.
Waggaa kurnaffaan guyyaan kallachi qabsoo bilisummaa Oromoo, Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n, ummata Oromootiif waamicha diddaa garbummaa labsee fi guyyaan goototni ilmaan sabaa sirna gabroomfataa irratti fincila diddaa garbummaa qabsiisuun wareegama qaalii baasan, Sadaasni 9 dargaggoo-shamarranii fi barattoota dhaabbilee barnootaa adda addaatiin akkasumas ummata Oromoo biratti gaaf Jala-bultii, Sadaasa 8 bara 2015 irraa eegalee yaadatamee ooluu gabaasaaleen nu dhaqqaban ibsaniiru.
Ummanni, barattootni, dargaggootnii fi hojjetaan waajjiraalee mootummaa huccuu gaddaa uffachuudhaan guyyaa FDG haala mul’ataa fi boonsaa taheen yaadatee ooluun barameera. Barattoonni Oromoo yunvarsiitiilee adda addaa keessa jiran guyyicha huccuu gurraacha uffachuun gaddaan kan yaadatan yoo tahu, guyyuma seena-qabeessa kana sababeeffachuunis dhimmoota qabsoo irratti mari’atanii murtii dabarfataniiru; QBOfis gumaacha taasisaniiru.
Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti dargaggoo-shamarran (Ka’imman) fi barattoonni Oromoo huccuu gurraacha uffatuu fi dungoo halluu alaabaa ABO qabu qabsiifachuudhaan kabajaa ilmaan Oromoo FDG fi qabsoo bilisummaa irratti wareegamaniif qaban ibsuudhaan guyyicha gaddaan yaadatan. Ilmaan Oromoo sirna yaadannoo kana taasisan suuraalee gootota wareegamanii qabachuudhaanis akeeka wareegamtootaa galiin gahuuf irbuu haaromfachaa gaddaan yaadataniiru. Akkasumas bakkoota gariitti ummanni keessumaa qonnaan bultoonni Oromoo barattoota Oromoo diddaa karoora Maastar Pilaanii wayyaanee irratti wareegamaniif yaadannoo taasisuudhaan Waggaa 10ffaa FDG akka yaadatanii oolantu barame.
fdg
Haaluma kanaan qeerroon dargaggoo-shamarranii fi barattoonni Oromoo sabboonoon Yunvarsiitiilee Amboo, Wallaggaa, Jimmaa, Adaamaa, Dirree Dawaa, Haramaayaa, Hawaasaa, Arbaa Minci, Bulee Horaa, Maddaa Walaabuu fi Finfinnee akkasumas Koolleejjii Barsiisotaa Jimmaa, Mattuu, Naqamtee fi Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Oromiyaa keessa jiran garaagaraatti sirna yaadannoo guyyaa FDG waggaa 10ffaa bifa adda taheen kabajanii oolan.
Baarattonni Yunvarsiitiilee adda addaa keessa jiran waggaa 10ffaa guyyaa FDG walitti dhufuudhaan yaadatan kunneen waytuma kanatti marii taasisaniin booda, dhaaba kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo ABO cinaa ni dhaabbanna, deeggarsa taasisuun dabalatatti wareegama nu irraa eegamu kam iyyuu baasuufis qophii dha jechuun waadaa isaanii haaromsaniiru. Barattotni yuniversitii Amboo fi koolleejjii garagaraas mataa haaddachuu fi hidhachuudhaan, huccuu gurraacha uffachuun magaala keessa sirna gaddaan deddeebi’uun barattootaa fi qabsaawota wareegamaniif yaadannoo addaa taasisanii jiru jedha gabaasni nu dhaqqabe.
Guyyuma seena-qabeessa ilmaan Oromoo hedduun FDG finiinsuun wareegama qaalii itti baasan kana sababeeffachuudhaan mooraalee Yunvarsiitii adda addaa keessatti waraqaan waamicha FDG dhiyeessu Sadaasa 8, 2015 irraa kaasee bittinneeffamuu fi maxxanfamuunis ibsameera. Haaluma kanaan Yunvarsitii Finfinnee fi Riifti Vaalii dabalatee Koolleejjota adda addaa keessatti waraqaan, Oromoon kamuu MASTER PLAN wayyaaneen baanu dura dhaabbatee akka fashalsuu qabu waamicha dhiyeessu maxxanfamee buleera.
Ilmaan Oromoo hoji-dhablee tahanii fi hojjettoonni mootummaa sirnichaan hojii irraa arihaman akkasumas barsiisonni sabboonoonis barattoota waliin tahuun gamtaadhaan guyyaa yaadannoo gootowwan Oromoo diddaa gabrummaa fi mirga abbaa biyyummaaf wareegamanii waggaa 10ffaa bifa ho’aadhaan kabajaniiru. Sirnuma kana irrattis akeeka ilmaan sabaa lubbuu itti wareegan galiin gahuudhaaf ABO cinaa hiriiranii QBO caalaatti finiinsuuf waadaa haaromfatan. Guyyuma kana sababeeffachuunis tinnisa qabsoof kan oolu gumaacha maallaqaa taasisaniiru.
Guyyaan Seena-qabeessi kan Sadasa 9, 2005 Fincilli Diddaa Gabrummaa labsa ABOtiin bifa haaraan itti finiine, waggaa kurnaffaan, haaluma walfakkaatuun Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti sirnoota adda addaatiin yaadatamee fi kabajamee ooleera. Akka kanaan Godina Lixa Shaggar magaalaa Amboo, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee, Godina Dhiha Wallaggaa Gimbii, Godina Qeellam Wallaggaa Dambii-Doolloo, Godina Iluu Abbaa Booraa Mattuu fi Baddallee, Godina Jimmaa, Kibba-Lixa Oromiyaa naannawa Walisootti, magaalaa Guddittii Oromiyaa Finfinnee fi magaalota Addaa Naannawa Finfinnee jiranii fi magaalaa Adaamaatti sabboontota ummata Oromoon bifa haalaan ho’aa taheen itti fufiinsaan kabajamaa jiraachuu gabaasni SBO gahe ni addeessa.
Sabboontotni Ummatni Oromoo, Qeerroon dargaggootni ykn barattootni Oromoo fi qabsaa’otni Oromoo barii lafaa irraa eegaluun dungoo halluu alaabaa ABO qabu, Diimaa-Magariisa-Diimaa qabsiifachuun ilmaan Oromoo Sadaasa 9 bara 2015 Qabsoo FDG irratti wareegamaniif yaadannoo gaddaa daqiiqaa muraasaa erga taasisanii booda, guyyaa guutuu hojjetaan hojii dhaabuun, barattoonni barnoota dhaabuun, daldalaa fi sabboontotni ummatni Oromoos QBOf falmachaa jiranii fi deeggaraa jiran hunduu hojii idilee isaanii dhiisuun “Kaayyoo ilmaan Oromoo goototni keenya irratti wareegaman galmaan ga’uu qabna, irree keenya caalaatti jabeeffachuun yeroon gamtaan dirree qabsootti seennee falmannu amma.” jechuun bakkoota hedduutti tooftaalee fi Maloota Qabsoo Warraaqsa FDG itti finiinsuun danda’amu irratti marii bal’aa gaggeeffachaa oolan. Kanuma waliinis irbuu QBOf qaban irra deebi’uun waliif haaromsuun, suuraalee gootota FDG irratti wareegamaniillee akka kennaatti waliif kennuu fi suuraaleen kunis akka ummata Oromoo hundaaf itti fufiinsaan raabsamu irratti hojjetamuu akka qabus ibsaniiru.
Sadaasni 9: yaadannoon FDG baranaa kun Godinaalee Oromiyaa mara keessatti gaaf Sadaasa 8 bara 2015 irraa eegaluudhaan torbee tokkoo oliif itti fufiinsaan akka yaadatamuu fi dhimmoota warraaqsa diddaa gabrummaa ilaallatan irratti mariin akka gaggeeffamu Qeerroon Bilisummaa Oromoo murtii guyyaa kana ilaalchisuudhaan dabarseen hubachiiseera.
Sadaasni 9 2005, guyyaa seena-qabeessa waamicha sochii Warraaqsa FDG ABOn ummata Oromoo hundaaf taasiseen biyyatti keessatti dargaggootni Oromoo dhalootni haaraan; dhaloonni qubee, sochii warraaqsaa biyyaalessaa gaggeessuun qabsoo bilisummaa Oromootti makamanii fi QBO ABO’n durfamu daran fuulduratti furgaasuun bilisummaa ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa dhugoomsuuf lubbuu bakka bu’uu hin dandeenyee itti wareegan tahuun Oromoo hundaa biratti yaadatama. Ilmaan Oromoo qaroo ta’an wareegama qaalii kafaluun kan diina dura dhaabbatanii falmataniif Oromummaa fi mirga abbaa biyyummaa Oromoof yoo tahu, wayta ammaa kanas duula mootummaan wayyaanee Oromoo fi Oromiyaa irratti bane dura dhaabbachuudhaan diddaa mul’isanii wareegama baasuudhaan falmaa adeemsisaa wayta jiranitti kabajamuun guyyaa FDG, yaadannoon kun ummata biratti miira addaatiin akka kabajamu taasiseera.
Wayta diinnan Oromoo maqaa MASTER PLAN magaalaa Finfinnee jedhuun Oromiyaa qircuu fi dachee Oromoo saamuuf akkasumas eenyummaa Oromummaa wareegama ilmaan Oromootiin dhabama irraa hafee as gahe irratti duula banaa jiranitti waggaa 10ffaa FDG kabajuun ummanni keessumaa qeerroo fi barattoonni Oromoo xiiqii fi kutannoo jabaadhaan diina dura dhaabbatuun wareegama feesisu baasanii bittaa gabrummaatti xumura gochuun gumaa wareegamtootaa bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatiin baasuuf akka caalaatti sochii isaanii finiinsan waadaa qabsoo bilisummaa Oromoof qaban haaromsachuun ibsame jira.
Mootummaan Wayyaanee Sochii Guyyaa Yaadannoo FDG ilaalchisuun gaggeeffamaa jiruu fi barruulee warraaqsaa gaggabaaboo guyyuma kana sababeeffachuun bakkoota hedduutti bittinneeffamaanii fi maxxanfaman irraa jeeqama keessa galuun humna waraanaa guddaa magaalota akka Amboo, Shaambuu, Naqamtee, Jimmaa, Gimbii fi Naannoo Yunivarsiitoota Oromiyaa keessa jiran kanneen Akka Jimmaa, Naqamtee fi Ambootti akkasumas magaalota keessa heddumminaan qubsiisuun ummatni daandii irra akkatti adeemu hanga rakkachuutti gahuutu ibsame. Tahus sirna yaadannoo guyyaa FDG kana dhaabuu fi yaada barattootaa fi ummataa hanqisuu akka hin dandahin beekuun danda’ameera.
Sadaasni 9 Guyyaan Yaadannoo FDG Bara-Baraan Yaadatama! Kabajama!
Gumaan Gootowwan Oromoo FDG fi QBO Irratti Wareegamanii Bilisummaa Dha!
Akeeka Ilmaan Sabaa Qaroo Fi Sabboonoon Gatii Lubbuu Itti Baasan Galmaan Ni Geenya!
Yaadannoo fi Ulfinni Bara-Baraa Gootowwan Oromoo Wareegamaniif Haa Tahu!

No comments:

Post a Comment