Wednesday 7 May 2014

Magaalli Dabi Doolloo fi Naannoo Ishee Waraana Wayyaanee Goolamaa Jira.Barattooti 2 Loltootaan Ajjeefaman,Ummanni hedduus madaaye.


dambi-dollooHar’a Caamsaa 6,2014 (Qeerroo) – waan hedduu nama gaddisiisu magaalaa Dambi Dolloo irratti ta’ee jira. Yeroon uummanni hiriira itti bahan ganama sa’a 8:00 irraa ka’ee hamma galgala kanaatti  ture,Warri Wayyaanee yeroodhaaf namni akka wal hin argineef network kutanii turan,rasaasi guyyaa guutuu magaalaa san irratti roobaa oole, sa’aa booda kana garuu caalaatti lollii fi dhukaasi guddaan itti jabaate. Barattoota rukutamanii du’an keessa nama lamaa ol akka tahe ni dubbatama namni wal hubachuu hin danda’u iyyaaf jecha,barattoota kutaa 11 fi 12 baratan irraati kan wareegaman,battaluma Dambi Dolloo irratti ka’een Anfiloo irrattis ka’e,uummanni walakkaan dhaadannoo dhageessina walakkaan ammoo warra du’aniif iyyaa boo’aa deema,manneen daldalaa,suuqii baankiin,waajjirrii garagaraa toohannoo uummataan cufamee oole,konkolaataan asii fi achi socho’uu hin danda’u, waraanni Wayyaanee sodaa kanaan uummata rasaasaan reebuu itti fufe kan mada’an hedduudha roobni bokkaa kan dur hin jirre waan addaatu ta’e. Humni hin beekamiin Waraana Wayyaaneetti dhukaasuun uumata irraa faccisaa ture kun magaalaa alaa fi keessatti illee akkasuma ture.Ummati iyyaan yeroo fiigu WBO nu dhaqabi-nu dhaqabi jechaa iyyaa akka ture dha.
Gama biraan duumessi hanga namni wal arguu hin dandeenyetti uumame. Diddaan uumataa guyyaa boruus akka itti fufuudha sa’aa dheeraaf networkin Dambi Doolloo irra jiru nama waliin hin dubbachiisu,akkasuma Najjoo irratti kan ka’e baayinni
waraana Wayyaanee halkanii guyyaa dabaluudhaan namoota akka toohataman tahe,naannoo magaalaa Gambii irratti diddaan akkuma jirutti itti fufaa jira,barataan yuuniversitii wallaggaa barumsatti akka hin deebinee fi eenyuyyuu akka hin baranne akeekkachiisa xumuraa kennee jira barataan barumsaaf qophii qabu yoo jiraate tarkaanfiin addaa barataadhaan akka irratti tahu dhaamsi darbeera guyyaa har’a isa kanaaf eenyuyyuu diddaan kun utuu hin galma hin gayin barumsatti akka hin deebine jabeessanii dhaamsa dhaamaa jiru barattootni Oromoo yuuniversitii Wallaggaa,haala itti fufu gabaasa waliin jirra.

No comments:

Post a Comment