Tuesday 25 March 2014

NU YAADACHIISAA!!!


Nu yaadachiisaa
Nu yaadachisaa, akka dansaa
Nu yaadachiisaa hirriibaa nu kaasaa
Ilmaan minilik, yaa maatii bineensaa
Takka na caqasaa, xiqqoon isin gorsaa
Jabaadhaa nu yaadachiisaa akka dansaa
Tuttuqaa madaa teenya tan kaleessaa
Hekeraa, yaa ilmaan hekeraa
Lubaa lubbee, yaa dabteraa
Bifa dhablee, yaa  gaararraa
Barreessituu seenaa dharaa
Akka dansaa nu abaaraa
Gumaa baafnaa nu afeeraa
Nu mullisaa siidaa waraabeessaa
Itti sirbaa, nu dhaadheessaa
Hirriibarraa nu dammaysaa
Haaloo baafnaa nu qopheeysaa
Itti suuqaa eegee fardaa
Nu yaadachiisaa guyaa gaddaa
Guyyaa lammii fixe rasaasni ibiddaa
Lafee cabsee, dhiiga dhangalaasee lubbuu addaa
Guyyaa harma muraa aanolee
Guyyaa minilik Oromoota golee
Naasuu takkaan malee
Daa’imman ibiddaan waxalee
Dardaraa-manguddoo ciqilee mogolee
Akka loonii billawaan qaqqalee
Qeerroo gurgure, sibilaan shakaalee
Gabra taasise, kaan jiraa awwaalee
Nu yaadachiisaa guyyaa kalee
Soddaan hindandeenyee waraansa ciqilee
Madaa qoorte buruysaa akka killee
Gumaa  baasuu nuti hinwallaallee
Nu afeeraa, ol fuudhaa sagalee
Ajaa teessan, irraa saaqaa willee
Nu yaadachiisaa
Nu yaadachisaa, akka dansaa
Nu yaadachiisaa hirriibaa nu kaasaa
Ilmaan minilik, yaa maatii bineensaa
Takka na caqasaa, xiqqoon isin gorsaa
Jabaadhaa nu yaadachiisaa akka dansaa
Tuttuqaa madaa teenya tan kaleessaa
Guyyaa sheexanii  suuqqate baallii
Qaamaan dhiqatee dhiiga calanqoo calii
Lafee cabsee, lubbuu lammii qalii
Lammii Oromoo, Raayyaa fi kamisee
Haadaa fi sibila, maxxanaan fannisee
Dhiiga dhagalaasee, lafee cabsee
Haadhaa fi abba, matii lubbuu baasee
Yeeyyii fi waraabo, bineensa nyaachisee
Miliyoona kudha shani gad deebisee
Gadaa cabsee, oromoo facaasee
Wirtuu Oromoo mataskan taasisee
Ilmaan oromoo kiristinnaa kaasee
Burqaa Oromoo, habashaa dhaalchisee
Nu yaadachiisaa
Nu yaadachisaa, akka dansaa
Nu yaadachiisaa hirriibaa nu kaasaa
Ilmaan minilik, yaa maatii bineensaa
Takka na caqasaa, xiqqoon isin gorsaa
Jabaadhaa nu yaadachiisaa akka dansaa
Tuttuqaa madaa teenya tan kaleessaa
Nu yaadachiisaa sheeyxaanummaa habashaa
Daakaa, ganaanaa, jiisaa  akka qooshaa
Nu afeeraa ni taphannaa meesha-meeshaa
Gaara baanee, tulluu maxxaaqashaa
Kan oomishu laallaa warshaa
Goota akka G/ Taaddasaa
Elemoo qilxuu fi Nagaasaa kumsaa
Gootoota onnee soorsaa
Burisoo Buruu fi Nadhii Gammadaa
Kan galmaan nu dhufan, afaanii fi aadaa
Waaqoo Guutuu fi J/Abbaa Gadaa
Goota-goota caalu, kan hinqabne sodaa
Kan boolaa nu baasan Oromiyaa leelloo
Badhaadha uumamaa, loosha mudhii qalloo
Jabaadhaa nu yaadachiisaa maaloo
Lubbuu ilmaan ayyaa, gootota solooloo
Meeccaa fi tuulama, hayyuu afran qalloo
Kam waameen, kam dhiisa
Seenaan gootota garaa nama raasaa
Nu yaadachiisaa
Nu yaadachisaa, akka dansaa
Nu yaadachiisaa hirriibaa nu kaasaa
Ilmaan minilik, yaa maatii bineensaa
Takka na caqasaa, xiqqoon isin gorsaa
Jabaadhaa nu yaadachiisaa akka dansaa
Tuttuqaa madaa teenya tan kaleessaa
Ilmaan minilik, yaa ilmaan dheengee
Bineensa gurraacha, kan hinqabne eegee
Kan nama nyaatu lafeellee duguugee
Osoo ijaan garuu taanee akka ballaa
Osoo dhagenyuu, fakkaannee dhagelaa
Isinii obsinee bara dhibba caalaa
Nu taasiftanii gowwaa fi wallaalaa
Nu mogaaftanii  jecha maqaa gaallaa
Nuti hinrafne, shilim jannee malee
Hindagannee gadda aduu kalee
Saffuu  waqaa, nagayaaf bolollee
Dheebonnee, dhugaadhaaf  hamillee
Nu yaadachiisaa
Nu yaadachisaa, akka dansaa
Nu yaadachiisaa hirriibaa nu kaasaa
Ilmaan minilik, yaa ilmaan bineensaa
Takka na caqasaa, xiqqoon isin gorsaa
Jabaadhaa nu yaadachiisaa akka dansaa
Tuttuqaa madaa teenya tan kaleessaa
Ilmaan sheeyxaanaa, yaa shanyii bulguu
Dhugaa baatee, hindandeessan haguuguu
Hayyuu baayyee qabna, kan haadhee findiguu
Osoo hinjiissini dhaabataan shalaguu
Isin nyaachifnee, dhadhaa fi caccabsaa
Walalaa dammaa, buddeena kanniisaa
Foonii fi kudraa Oromiyaa keessaa
Isinirraa geedarree, wayaa gogaa
Isinii uwwifnee, uffata midhaagaa
Rabbii guddaan ragaa
Biiftuun baatee dhugaa
Maaqaa maaf geedartan, biyya abbaa kiyyaa?
Toophia mitii maqaan Oromiyaa
Nu yaadachiisaa
Nu yaadachisaa, akka dansaa
Nu yaadachiisaa hirriibaa nu kaasaa
Ilmaan minilik, yaa maatii bineensaa
Takka na caqasaa, xiqqoon isin gorsaa
Jabaadhaa nu yaadachiisaa akka dansaa
Tuttuqaa madaa teenya tan kaleessaa
Gochaan keessan nama raajaa
Hinsaaqinaa keessan ajaa
Ni dhumtanii shanyii bajjaa
Qalamtanii akka goljaa
Mee lakkisaa, dubbii qosaa
Dhaggeefadhaa ni dibbisaa
Akka dansaa gurra qeensaa
Dhufaa jiraa leenci raasaa
Lubbuu gootaa tan kalessaa
Gumaa baafnaa nu qirqirsaa
Abbaan keessan Rabbi hinbeekuu
Shira keessan namni hinarkuu
Haadhaa, haadhaa akka lukkuu
Boollaa baasaa ablee kakuu
Ni gaafannaa abbaa bokkuu
Lubuu gootaa, tan akaakuu
Gumaa baasuu kan nu dhoorkuu
Bifa dhablee yaa gaararraa
Eeboo tumnee, mancaa qarraa
Akka dansaa nu abaaraa
Fittuttuqaa gamna cibraa
Gumaa baafnaa nu afeeraa
Nu yaadachiisaa
Nu yaadachisaa, akka dansaa
Nu yaadachiisaa hirriibaa nu kaasaa
Ilmaan minilik, yaa maatii bineensaa
Takka na caqasaa, xiqqoon isin gorsaa
Jabaadhaa nu yaadachiisaa akka dansaa
Tuttuqaa madaa teenya tan kaleessaa
Yaa maatii minilik baayyedha jarjertaa
Gubatee hingarree ibiddaan taphattaa
Hekeraa abbeetii jabo dhaadheeysitaa
Faradoo fi gaangee gargarii ni beeytaa?
Maxxannee fi teenya raattuu
Kaayoo sabaa tan gurgurtu
Ishii beeka goda seentuu
Itti dhiisaa haa maraattuu
Bilisummaan kadhaa hintaatuu
Oromiyaan hinbitamtuu
Laaltee hingartuu gaara gamaa
Siif hingallee haga ammaa
Dhugaa seetee jecha diimaa
Kan leencoo fi murna ammaa
Arrab lameen ni manaamaa
Suuta ja’a gamaaggamaa
Hojii isaa hamma dhumaa
Nu yaadachiisaa
Nu yaadachisaa, akka dansaa
Nu yaadachiisaa hirriibaa nu kaasaa
Ilmaan minilik, yaa maatii bineensaa
Takka na caqasaa, xiqqoon isin gorsaa
Jabaadhaa nu yaadachiisaa akka dansaa
Tuttuqaa madaa teenya tan kaleessaa
Cubbuu dhiisaa of gargaaraa
Yoo dandeessan wal baraaraa
Leenci gadaa dhufaa jiraa
Isiniif laannaa takka caarraa

No comments:

Post a Comment