Saturday 1 February 2014

Guyyaan WBO magaala guddoo Ameerikaa, Washington, DCtti sirna ho’aan kabajame.


Guyyaan Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) gaafa Sanbataa Amajjii 25, 2014 magaalaa guddoo Ameerikaa, Washington, DCtti sirna ho’aan kabajame.
Kabaji guyyaa WBO kun akka aadaa Oromootti eebba maanguddootaan kan eegalamee yoo ta’u, eebba kanatti aansuudhaan faaruun alaabaa Oromoo faarfameera. Itti aansuudhan sagantaaleen yaadannoo guyyaa kanaa waliin wal-qabataan barsiisoo fi hamileessoon walduraa duubaan qindessitoota Koynaa ABO Washington DC fi keessumoota kabajaa guyyaa kanaan dhiyaatanii jiru.
Akkuma kanaan, bakka bu’aan Konyaa ABO Washington, J/ Kabiir Abbaa Gumbul hasawa baniinsa sagantaa kanaa godhaniin ABO fi WBOn yeroo adda addaatti halawwan hagam hadhawaa fi abdi kutachiisoo isaan mudataa ture gootummaan keeysa dabruudhaan injifannoo qaqqaalii ka galmeessisaa turan ta’uurrayyuu guyyaadhumti har’a kabajnu kuniyyuu yaadannoo WBOn sadarkaa diinni ummata Oromoo gaachana keenya kana dhabamsiisuf irratti bobba’e if irraa qolachuudhaan sochii isaa gara injifannootti jijjiiree dirree waraanaa qulqulleeffate irratti yeroo calqabaaf goototi ilaaman Oromoo waloodhaan Amajjii guyyaa 1, 1980 akka guyyaa WBOtti kabajachuu eegalan yaadachuuf ta’uu ibsanii, guyyaa kana kan kabajannu gootota lubbu isaanii bakka bu’a hin qabne haqa ummata isaaniif kitimaa godhan akkasumas gootota yeroo ammaan tana diina koloneeffataa kuffisanii kufaa jiran faarsuuf ta’uurrayyuu injifannoolee boonsaa QBO tiif argamsiisaa jiraniif nuti lammiin Oromoo humna, dandeettii fi hamlee dhaan isaan bira dhaabachuun dirqama lammummaa ta’uu hubannee WBO cina hiriiruuf kan itti waadaa haaromsinee kanas hojiidhaan mirkaneessinu akka ta’e dhaamanii jiruu.
Guyyaa kanatti Obbo Abdii Boruu haala yakkaa fi dhiittaa mirga dhala Oromoo irratti yeroo ammaa gahaa jiruu fi isaan mataa isaanii irra gahe, akkasumas gochaa suukkanneessaa fi dhokataa hagana hin jedhamne mana hidhaa Wayyaanee kannnen akka Maa’ikelawwii fi Qaallittii keeysatti isaanii fi ilaam Oromoo irra gahaa jiru ragaa maqaalee ilaaman Oromoo tuquudhaan kan dhiyeessan yeroo ta’u Oromoon qe’ee isaa irratti ajjeeffamuun, reebamuun, jumilaan hidhamuun, lafa isaarraa buqqifamuun walumaa galatti gochaan faashistummaa murna TPLF/Wayyaaneetiin Oromoo irra gahaa jiru kan hambisuun danda’amu yoo ummati Oromoo tokkumaan fuundura dhaabbatee of irraa qolate ta’uu ibsani,i furmaati Oromoon akka ummataatti Oromiyaan akka biyyaatti jiraachuuf qabanus tokko taanee humna keenya jabeeffachuudhaan diina keenya akkaataa dhufaatii isaatti ofirraa deebisnee waaroo salphinaa jaarraa 21ffaatti keeyssa jirru keeyssaa if baasuu qofa akka ta’e jala muranii jiruu.
Itti aansuudhaan obbo Abarraa Tafarraa bakka bu’aan ULFO dhamsa dabarssaniin bu’aa bahiin qabsoon bilisummaa Oromoo keeyssa dabre rakkisaa ta’uu ibsanii, ilaalchota faallaa adeemsaa fi kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo keeyssa riphanii turan miidhaa diigumsaa geeysisaa turuu ibsanii humnoonni mooraa bilisummaa Oromoo keeysatti hafan ammatti kan irraa eegamu tumsa tolfachuu osoo hin taane haal-duree tokko malee tokko ta’uu akka qabanii fi tokkummaan kunis hoggana tokko, jaarmiyaa tokko, caasaa tokko fi alaabaa tokko jalatti deebi’uu ta’uu hubachiisanii jiru. Kana gochuu hanqachuudhaaf sababi himatan tokkollee akka hin jirre tuqanii miidhaa gara jabinaa fi jireenya gadadoo Oromoon akka ummatatti keessa jiruu fi kan diinoti durii fi ammaa wal-ta’uudhaan qabeenya fi namuma keenyaan qe’ee keenya keeysatti nu ajjeessaa fi nu gubaa jiran tokko taanee wal-dhagayuudhaan irree keenya jabeeffannee yeroo dhumaatiif ifirraa hundeedhan buqqifnee gatuu qabna jedhanii jiru.
J/Abbaa Caalaa Lataa, MSG fi gaafatamaan Jaarmiyaa fi Siyaasaa ABO gama isaaniitiin hasawa godhaniin seenaa gaddisiisaa fi honnee lammii Oromo kamuu kakaasu qabsoon bilisummaa Oromoo keeysa dabartee yeroo ibsan, dirreen qabsoo Oromoo bikka hedduutti haala hadhaawaa keeyssa kan gaggalaa ture injifannootin irra aanaa kan as gahe yoo ta’u keeysattu dirree qabsoo lixaa irratti haala hamaa fi rakkisaa keyssatti diinni Oromoo miidhaa qaqqabsiisuu yaaletti dabaltee wareegama hoggantootaa fi haala gantummaa isaan mudate bira tarudhaan gara-kutannoo guddadhaan socho’anii humna isaanii dhabamuu irraa gara sadarkaa amasiisaa fi humna guddaa ta’uutti of jijjiiruu akka danda’an tuqanii, hojii bu’uuraa haarsaa qaqqaaliidhaan hundee jabaa irratti ijaaraman lammiin Oromoo marti keessattuu dhalooti haaraan waadaa abbootii haaressuudhan qabsoo Oromoo gara dhumaatti qaqqabaa jiru akka saffisiisanii bikkaan gayan hubachiisanii jiru. Itti dabalaanis, isaan akka qabsayaa Oromoo tokkootti jiruu fi jireenya dhuunfaa isaanii gaaffii haqaa fi ka bilisummaa ummata isaaniif dabarsanii haarsaa gochuudhaan sadarkaa amansisaa amma irra jiruun waan gayaniif dhalooti ammaa immoo wanta irra gayame irra tokkumaan ijaajjuudhaan wal-qeequu fi dura dhaabbachuu irra harka wal-qabatuun haarsaa qabsoon kun gaafatuuf if qopheeyisanii gaaffii Oromoo galamaan akka geessisan dhaamsa isaanii dabarsanii jiru.
Guyyuma kana galgala sagantaalee biroo konyaan ABO Wahsington, DC qopheessee ture keessaa caalbaasiin qomee (T-Shirt) suuraa J/Laggasaa Wagii ifirra qabuu caalbasiif dhiyaatee sabboontota Oromoon gatii guddaadhaan ka bitame yoo ta’u, sirna WBO dinagdeen gargaaruu fi bira dhaabbachuudhaaf geeggffame irratti qooda fudhattooti guyyaa WBO haala nama hamilchiisuu fi nama gammchiisuun gargaarsa maallaqaa godhaniiru.
Dhuma irratti sagantaa gaaffii fi deebii geggeeffameen hirmaattoti kabaja guyyaa kanaa gaaffilee adda addaa waa’ee haala qabsoo bilisummaa Oromoo irratti keessummoota kabajaa guyyaa kanaa sadaniif dhiyeessaniin mariin geggeeffamee deebii quubsaanis keessumoota hunda irraa kennamuun sagantaan kabaja guyyaa WBO Washington, DCtti injifannoon xumuramee jira.

No comments:

Post a Comment