Jituu Lammii, Bit. 19, 2015
“Akkuma dhufaniin miira tuffiitiin ba’aa isaanii akka baannuu nu ajajan. Golattis ol darbanii dubartoota keenyatti roorrisuu eegalan. Dhugumatti haalichi kan obsa namaaf kennu hin turre. Kana callisanii ilaaluurra hanga du’aatti of irraa loluun dirqama ta’uu hubanne. Kanaaf ‘… wanti keenya jennu tokko hin jiru. Hunduu nurraa fudhatameera. Akka kanatti jiraachuurra du’uu nuuf wayyaatii – jarana kottaa of irraa haa lolluu…!’ waliin jenne. Jedhu maanguddoon Afrikaa tokko hadhaa roorroo gabrummaa yoo yaadatan. Baruma sana loltuun diinaa tokko jara roorroo jibbee akkasiin hadheeffatee bahe ilaaleetu “… haalli isaanii hundi akka leencaa ti. Du’allee hin sodaatani….!” jechuun dinqisiifannoon dhugaa kanaaf ragaa dabalataa kenne.
Warra salphinnii fi roorroon maal akka ta’e fageessee beekutu murtii akkasii fudhata. Du’a lubbuutiin salphina sabarraa ittisuuf yaala. Inni roorroon hadheesse roorrifamaa jiraachuurra hadheeffatee lolachaa du’uu caalchifata. Warra akkasittiin roorroo hadheeffatee bahetu bu’uura seenaa biyya tokkoo duuba jira. Faaruu fi leelloo seenaa kanaatu dhaloota itti aanuuf booree fi barnoota ta’a. Bu’uurri egeree biyyaa achirraa ka’eetu fuulduratti seenaa lakkaawwata.
Faallaa kanaa warri ba’aa itti fe’an baadhatanii hambaa funaanaa jireenya ‘harrittii’ fi ‘sarittii’ jiraatanis seenaa keessaa hin dhibne. Salphina isaan jaalatanii fidantu isaan irra darbee seenaa sabaa xureessa waan ta’eef jaraa fi saba gidduutti waldhabdeetu jiraata.
Madaallii Oromootiin OPDOn ofiifis salphina baadhattee sabattis roorroon erga galtee ganni 25ni. Dhalootumarraa eegalee golli jaraa gola salphinaa ti. Gaafuma gurri dhaloota jaraa dhagahu qalbiin Oromoo jarri dhala farraa ta’uu akeekkate. Kanaaf barri dhaloota isaanii yoo yaadatamu akaakuu salphinaa fi roorroo gola isaanii keessa jirutu dursa sammuu keenyatti dhufa.
Roorroo fi salphina OPDOn itti jirtu hubachuuf raga hedduu tarreessuun akkaan salphaa dha. Haa ta’uutii garuu haala oogganni dhaabichaa keessa darban keessaa hanga tokko ilaaluun dhugaa jiru hubachuuf karaa gabaabsa. Waldhabdeen TPLF keessatti bara 2001 murnoota Mallas – Sibaat fiSiyyee- Tawaldee jechuun wal qoode gidduutti uumame roorroo fi salphina OPDOn duruu ittiin jiraattu caalaatti fuullee baase. Akka kanaan gartuun Mallas masaanuu isaa mo’achuu erga hubatee booda “OPDOn tumsa na dhowwattan…” sababa jedhuun dubbii barbaaduu eegale. Jalqaba Dr.Nagaasoo Gidaadaatu OPDummaa keessaa hari’ame. Itti aansuun Perezedentii bulcinsa naannaa Oromiyaa fi barreessaa OPDO ti kan ofiin jedhu Kumaa Dammaqsaatu qoqqobbii yeroo jala gale. Miseensonni koree gidduu dhaabichaa: Caalaa Hordofaa, Dirribaa Hariqoo, Yaasin Huseenii fi kanneen biraattis sababni barbaadamee OPDummaarraa yeroof ugguraman. Gariin isaanii bubbultii keessa Mallasaa miila dhungatanii salphinaan salphina of oolchaniiru. Gariin isaanii ammoo yeroof afuura dhokfatanii biyyaa baqachuuf dirqamaniiru. Kuni hunduu yoo ta’u jarri akka meeshaa namtolchee bakka kaa’an taa’uu malee akka namaa “…kuni maaf nurratti ta’a…?” jechuuf hamilee hin godhanne. Abbaa hiikkaa roorroo hubatuuf dubbiin kana caalaatti hadhaawu hin jiru ture.
Hari’amuu Dr. Nagaasoo booda OPDO keessatti hidda jabeeffachaa kan dhufe Girmaa Birruu ija warra Mallasaa waan seeneef tooftaa muudama ambaasaaddarummaatiin moggaatti darbatame. Ittaanee dabareen kan Juneeddiin ture. Innis yeeroof Tigroonni waan fuula itti tolan fakkaannaan “ na argaa…!” guddise. Boodarra qarriffaa jaraa orma nyaachaa ture of irratti argee haadha manaa ‘karchallee’ buusee ofii lubbuun baqate. Anga’oonni OPDO kaanii mitii haadha manaa isaaniillee roorroo alagaarraa baraaruuf akka humna hin qabne hubadhaa!
Ammas itti fufna! Warra OPDO keessaa halbaadhessi akka Abbaa Duulaa hin jiru. Hanga fedhan akka fardaa yaabbatan illee dallansuu waan jedhamu hin beeku. Fakkeenyaaf mana inni ijaarrate Tigreen nyaaraan doorsiftee yoo irraa fudhattu balbala banee keessaa bahuu malee hanga nama tokkoollee mormachuu hin dandeenye. Isumaanuu galata hin arganne. Dheekkamsa Mallasaatiin otuma quucaruu Mallasaan du’aan irraa godaane. Ergasiis isaa xinnoo akka mataa ol qabachuu kajeelu ulee dhibii of irratti argee sodaadhaan gugguufuu itti fufe. ‘Harreen ofiifuu hin galtuu looniin galtii!’ dubbiin jedhu warra kanaaf mala.
Hunda caalaa haallii du’aatii Obb. Alamaayyoo Atoomsaa OPDO jechuun maal akka ta’e ifatti dubbata. Har’a yoo isaan kabaja ayyaana dhalachuu isaaniif qe’ee keessa nu deddeebi’an Oromootti ayyaan-dhabdummaa isaaniitu yaadatama. Qaaniif salphina isaan sabattiin galantu ija dura deddeebi’a. Roorroo maqaa isaaniitiin sabaa fi biyyarra gahutu mul’ata. Hunda caalaammoo dhiiga ol adeemtuu keenyaa isaan ajjeesanii fi ajjechisiisantu hadheessee nama kaasa.
Oromoon eessayyuu haa jiraatanii ilmaan isaa roorroo fi roorrisaa of irraa mormaniif kabajaa qaba. Kanaaf ammayyuu taanaan warra gola OPDO keessaa mirga saba isaaniif mormachaa jiraniif tumsa addaa godha. Kanaaf ‘… wanti keenya jennu tokko hin jiru. Hunduu nurraa fudhatameera. Akka kanatti jiraachuurra du’uu nuuf wayyaatii – jarana kottaa of irraa haa lolluu…!’ jedhaanii. Kan kana dide durumaanuu diinaa diina waliin waan isaaf malu fudhata. Kun immoo guyyaan isaa fagoo akka hin taane isaanuu qajeellootti beeku. Oromoof barri bara injiffanno ti!
No comments:
Post a Comment