Jiituu Lammii, Bitootessa 24, 2015
Karoora karaarraa dabe – qeeqnii fi qorannoon hin deebisu. Doorsifnii fi sossobbaanis hin qajeelchu. “Silaas takkaa taanee…” jedhanii ija jabinaan itti deemuunis dhuma isaa hin miidhagsu. Wayyaaneen torbanneen lamaan darban kanarraa eegaltee diddaa ummataa ukkaamsuuf karoora karaarraa dabe baaftee reeraawwii isaatiif OPDO of dura qabdee bobbaatti jiraachuu odeessi tibbana gola mootummaa naannoo Oromiyaa keessaa bahe ni mirkaneessa. Akka odeessa kanaatti karoora diddaa ummataa ukkaamsuuf akeekkate kana milkeessuuf dirqamni humnaa fi sossobbii makate qondaalota OPDO olaanoorraa ka’ee hanga dabballee gandaatti diriirfamuu maddi kun ifatti mul’isa.
Akka kanaan, duulli Abbaa Duulaa fi Muktaar Kadiriin oogganamu (booda kanammoo H/Maaramiinis dabalachuutu himamaa) qorqalbii hawaasaa hawachuuf maqaa wal gahii fi moggaasa adda addaatti dahatee, magaalota akka: Jimma Amboo, Naqamtee, Fiichee, Adaamaa, Shaashamannee, Calanqoo fi kanneen biroorratti fuulleffachuun sochii eegaleera. Sochii kana maqaa tolchuuf dahannoo adda addaatiin golganii qalbii ummataa hatuuf yaaliitti jiru.
Fakkeenyaaf Fiicheetti maqaa ‘…ijaarsa istaadiyoomiif bu’uraa kaa’uu’ jedhuun nama pirezedantii naannoo Oromiyaa ofiin jedhuun geggeefame. Haaluma wal fakkaatuun Calanqoorratti maqaa ‘…eebba siidaa Calanqoo’ jedhuun qalbii ummataa hawachuuf yaaliin wal fakkaatu taasifameera. Bakkeewwan biraattis sochiin akka kanaa kan itti fufu ta’
Sochii baranee diddaa ummataa dabsachuuf karoorfame kana keessatti: dargaggoota maallaqaa fi hojii yerootiin sossobachuu yaalu. Arraabsoo Abbay Tsahayyee waakkachuun aarii ummataa qabbaneessuuf carraaqu. Yeroo duula wal fakkaataaf biyyyoota alaarra naannawaa turanitti qaanii isaan mudate dhokfachuun hawaasa biyya alaarraa tumsa jabaa waan qaban fakkeessaanii of dhaadhessu. Qabsoon Oromoon harkaa qabu qabsoo hundee hin qabne fakkeessuu yaalu. Warra isaan dura dhaabbatu doorsisuun hamlee buusuuf carraaqu.
Akka kanattiin haa karoorfatan malee qalbiin ummataa faallaa isaanii ta’uutu mul’ata. Fakkeenyaaf odeessi olitti eerame kun akka agarsiisutti namoonni sadarkaa bulchiinsa adda addaarratti argaman “…dhiiga lammii dhangalaasaa foon lammii nyaachuun dhabatuu qaba!” jechuun murtee diddaa ummataatiin wal simatu filachuu isaaniitu dhagahama.
Karoorri karaarraa dabe diddaa ummataaf furmaata akka hin taane kuni ragaa mirkanaa ti. Kanaaf tuttuqaan isaan harkaa qaban kan caalaatti ummata dammaqsuu fi diddaa gola bal’aa qabu kan kaasu ta’a malee akka jarri hawwan gaaffii ummataa golgee yeroof illee haara galfii isaan eegan fiduufii hin danda’u.
Biyya gabrummaan jiru keessatti sochiin diddaa ummataa ukkamsuuf taasifamu yoomuu hafuu hin danda’u. Sochiin akka kanaa sochii yaaddoo fi sodaarraa madde, sochii gowwomsaa ti malee, sochii gaaffii fi hawwii ummataa deebisuu akeekkatu miti. Diinni garuu sochii akka kanaan dahatee umrii dheereffachuuf abbala. Ayyaanlaallattoota (collaborators) of jala buusee oonnee ummataa dhaggeeffachuuf yaala. Adeemsa sossobbaa fi doorsisaan wal keessootti dhimma baha. Afaan tola. Hirbuu sobaa seena.
Adeemsi akka kanaa Oromoof waan baroo miti. Kanaan dura sochii wal fakkaataa hedduu argee waan darbeef yaadannoo ho’aa qalbii keessaa qaba. Gaafa muddamsuu “…Finfinnee keessatti mana barumsaa daa’imman Oromoo Afaan isaaniitiin baratanii fi giddugala Aadaa Oromoo ijaarra!”; “…Amboo fi Naqamteetti istaadiyamii ammayyaa sadarkaa addunyaa qabu ijaarra!”… waa hedduu jedhaniiru. Gaaffiin Sabaa garuu gaaffii xiqqoo kijiba akka kanaan aguuganii bira darban akka hin taane seenaarraa otoo baratanii gaarii ture.
Gaaffiin Oromoo Gaaffii mirga abbaa biyyuummaa ti. Kanammoo bakka deemanitti gurraan qixxeessanii itti himuuf sodaan tokko hin jiru. Abbaaduulaas ta’ee Muktaarii Kadir fi H/Maaram Dassaaleny Jarri hunduu ergamtuu dha! Ergaan ergamtuuf qabnummoo – “Keenyaaf nutuu ni geenyaa nurraa sokkaa!” kan jedhu ta’a. Kanaaf karoora karaarraa dabe qabatanii fiiguun ummata gaaffii bu’uraa harkaa qabu kana rifaasisee yoo kaammoo gowwoomsee of duuba deebisa jedhanii yaaduun hojii dhamaatuu ti. Jimmattis ta’e, Amboo fi Naqamte, Mattuuttis ta’ee Ciroo fi Calanqo, Roobettis ta’e Adaamaa fi Yaa’abal’oo … eessattuu gaaffiin Oromoo gaaffii haqaa ti. Oromoon haqa kanaaf gatii lubbuullee baasuuf of kennaa jiraachuun dubbii fuullee jirtu kan ragaan raggaasisuu hin feesisne ta’uu dagataan yoo jiraate, hanga gurri quuftutti itti himuurra hanga qalbiin dhugoomfattutti hojiin agarsiisuutu caala… – Inni isin sodaattan isin buqqisuuf karaarra jira!
Barri Bara Milkiiti!
No comments:
Post a Comment