Tuesday, 31 March 2015

Kan gorsamuu qabu gorsaa taasisuun, gorsaa fi gorfamaa galaafata

(Ijoo Dubbii ABO) | Bitootessa 30, 2015
Bittaan Abbaa irrummaa isaa dhumatee baqattummaan Haraareetti osoo hin godaaniin dura  Mangistuu H/Maariyaam ummatoota Itophiyaa qofa osoo hin taane, biyyoota ollaatti dhaadatuu fardeessaa ture. Ummatootni Itophiyaa bittaa Abbaa irrummaa isaa hifatuun deggersa sirnichi irraa barbaadu dhorkatuu irraa ummatichaan “Warqee hafaniif iyyuu Faandoo dha jedha” jechuun arrabse. Dabrees wayta qabsoon ummatootaa jabaataa dhufetti mormitoota ana irratti gargaara kan jedhuun mootummaa Sudaan ilaalchisee, “Goommaa konkolaataa karaa Bahaa ture dhoosnee jirra. Isa karaa Dhihaas dhihootti afuura keessaa yaasna” jechuun dhaadate. Dhaadannoo fi doorsisi  kun garuu baqattummaa irraa isa hin oolchine. Aangoo humnaan tikfatuu barbaade irraa qabsoo ummatootaan ari’ame. Kun seenaa fagoo osoo hin taane kan kaleessaa ti.
Har’a dhaadannoo fakkaataa gorsituu Muummicha Ministeraa Itophiyaa Abbaay Tsehayyee irraa deddeebisnee dhagahaa jirra. Gorsituun kun OPDO irra cehee ummata Oromoo arrabsuun isaa isa jalqabaa miti. Tuffii fi Jibbiinsa ummata Oromoof qabu waltajjii argate hunda irratti kan ibsaa turee fi jiru Abbaay Tsehayyee, ilaalchi jibbiinsaa fi tuffii irraa calaqqisu kun  imaammata  jaarmayaa isaa TPLF raggaafatee ittiin masakamee jiru irraa madda.  
Kitaaba TPLF “Ye Hizbawi Adera” jedhu keessatti akka ifatti kaa’ametti ummata Oromoo akka Diina duraatti kaa’e. Sababni diina duraa godhataniifis Tigraayiin bituu waan barbaadeef ykn qabeenya ummata Tigraay saamaa jiraatuuf hawwii horatuu irraa akka hin tahin hin wallaalamu. Kan diina duraa godhatan bittaa alagaa kan hin feene, saaminsaa fi cunqursaa dura kan dhaabbatu, qabeenya isaa irratti ajajaa tahuun mirga isaa tahuu hubatuu irraa afaan qawween malee akka barbaadanitti olii fi gad oofuu kan hin dandeenye tahuu beekuu irraa ti. Kanas  Abbay Tsehayyee haasaa OPDO maaliif akka ijaaran wayta ibsutti  haala hin falamsiisneen “OPDO kan ijaarre Oromiyaa ittiin seenuufi. TPLF ykn Biaden (Sochii Dimokraasii Saba Amaaraa) qabatanii ummata Oromoo ijaaruun ulfaataa ture ”jedhe.
OPDO Adeetitti kan ijaarratan akka riqichaatti dhimma itti bahuun akeekii fi hawwiin ummata Oromoo akka hin milkoofne fashalsuuf akka tahe hubatuu dhaan ABOn hundeeffamuu OPDOn dura irraa eegalee dura dhaabbate. Kan mormaa tureef akeeka cubbamaa duuba irraan jiru hubatuu irraa ti.  Abbaay Tsehaayye har’a ifatti dubbatullee dhugaan jiru ummata Oromoo biratti kan hubatame waggoota 24n dura. Kanneen isa tajaajilaa jiran akka mataa ol hin qabanne dinniinuuf yo tahe malee waan haaraa dubbate hin qabu.
Kanaan dura kan gorsituu  jedhamu kun ummatni Oromoo “Master plan” Finfinneen  kan wal qabateen lafa isaa irraa buqqaafamuu mormuu irraa,  “Karoorri Finfinneef baafame hojii irra ni oolfama! Kan kana dura dhaabbatu hundas ni sirreessina! eenyummaa keenya itti agarsiifna!”jechuun dhaadatuun hin dagatamu.
Jibbiinsa ummata Oromoof qabu to’achuu dadhabee danfuun bakkayyuutti bulgaafataa kan jiru qondaalli Wayyaanee kun, OPDO irra dabree ummata Oromoon  “ Fedhiin ummata Oromoo dhiphummaa malee dimokraasii misoomaa miti” jechuun jumlaan “yakkuun” abdii kutannaa  fi addaggummaa isaa mul’isa malee ummata Oromoo qabsoo  isaa irraa kan duubatti deebisu hin tahu. Ummata Oromoo hundatu ABO dha kan jedhe qondaalli quufaa fi tuffii irraa ummatatti dhaadatu fakkaatus sodaa fi bir’aa QBO irraa tahuun ifaa dha. Osoo beekaa fi  gamna tahee maaliif ummatni Oromoo bittaa fi sirna Wayyaanee akka balaaleffatuu fi lagatu, maaliifis  ABO akka deggeru of gaafata ture. Of tuultootni fi abbootiin irree garuu  rakkoo uumaniif furmaata soquu irra golguudhaan ummata irratti dhaadatu. Doorsisuu filatu.
Ummatni Oromoo ABO dha kan jedhameef maaliif? kan jedhuuf deebiin jiru ifaa dha. Akeeka ABO tu akeeka ummataa ti. Addi Bilisummaa Oromoo fi ummatni Oromoo galii tokkicha qaban. Walabummaa biyyaa fi bilisummaa barbaadan.  Akeekni bittootaa ammoo faallaa kanaa ti. Kaayyoo fi akeeki Wayyaanotaa cunqursaa fi saaminsa irratti kan utubame waan taheef, ija ittiin haqa ummataa kana argan hin qaban. Gurri roorroo ummataa ittiin dhaga’an itti hin uumamne.
Dhiphummaa ummatni Oromoo ittiin “yakkamu” kunoo maal? Dhuguma ummata Oromoo ti moo TPLF tu dhiphummaa tarkaanfachiisa? Mirga ofiif falmatuun akkamiin dhiphummaa dha jedhama?
Har’a ilmaan laga tokkoo TPLF jalatti guuza walwaamanii waliif kakuu seenaniin wayyabni qabeenya Empaayera Itophiyaa to’atamee jira. Abbootiin warshaa, qonnaa babal’aa, daldala gurguddaa alaa fi keessaa, dhaabbattoota tajaajila hawaasaa dhuunfatan ilmaan Tigray irraa kan dhalatanii fi TPLF jalatti kan of ijaaran  akeekaa fi kaayyoo  saaminsaa jalatti  wal gurmeessanii dha. Ajajootni waraanaa sadarkaa ol aanoo hundi Ilmaan Tigrootaa ti. Birokraasii keessatti bakka furtuu kan qabatanii jiran hundi dhalattoota Tigraay tahuu haqa hundi irratti ragaa bahuu dha. Kanneen akkanaa  ummata Oromoo dhiphummaan kan yakkaa jiran saamicha adeemsifamu diduu ummatichaa irraa ti. Lafa isaa irraa buqqaafamuu mormuu irraa ti.
Kanneen  Oromiyaa fi ummata Oromoo arrabsaa jiran, kanneen “kiyya koo ti, kan keessan ammoo  keenya” jechuun ummatoota irratti yakka hojjataa jiranii dha. Saamtotni  kun  biyya isaanii keessa ummata Oromoo, Amaara, Somaalee, ……meeqatu jira? gaaffii jedhuuf deebii hin qaban.  Kan bakka biraa hafnaan ummatoota akka Kunaamaa, Iroob, Raayyaa fi kanneen biroo Tigray keessa jiraatan sabummaa isaanii caalaa Tigrummaatu itti dhaga’ama jedhanii ukkaamsuun bitaa jirantu dhiphoo dha malee, ummata Oromoo kabajamaa miti. Kanneen qabeenya saamanii fi aangoo humnaan qabataniin machaa’an  ummata Oromootti  quba qabuun dura keessa ofii fi kan raawwataa jiran ilaallatuu qaban.
Abbaay Tsehayyee fi fakkaattotni isaa ummata Oromoo dhiphummaan yakkaa jiran kun, Oromoon amen jedhee akka sirna Wayyaanee jalatti bulu, qabeenyi isaa fi fakkaatota isaatiin oggaa saamamu callisee akka ilaalu, mirga dimokraasii seeraa fi uumaan qabaatuu male sarbaniif akka hin qabsoofne, eenyummaa isaaf akka hin falmine barbaadan.  Kun ammo arrabsoo fi dorsisaan kan furamu hin tahu. Haqa ummataa beekanii furmaata waaraa argamsiisuuf hojjatuutu as aana.
Mallattoon du’aa gaggaba akkuma jedhamu, mormii fi qabsoo ummatootaan sirni bututee jiru doorsisaa fi ummata arrabsuun jabaa fakkaatanii mul’atuu barbaadan. Kan Abbaay Tsehayyees watwwaachisaa jiru kufaatiin sirna Wayyaanee dhihaataa dhufuu dha. Hangamuu dhaadatanii fi doorsisan iyyuu kufaatiin isaanii kan hin hafnee dha. Abbootiin irree fi saamtotnis murtii seeraaf ummatootaan dhiheeffamu ykn baqattummaan dhama’u.

No comments:

Post a Comment