SEENAA Y.G(2005) irraa*
Ummti Oromoo Biyya keessaa fi alatti sagalee tokkon, Diina balaaleffachaa fi falmachaa jiraachuun diina rifaasisun mamii hin qabu. Diinni yeroo dheeraaf Mooraa qabsoo Oromoo diigee, Umurii bittaa isaa dheereffachuuf ifaajjiin taasisie fashalee, Qabsaa’oonni bakka maraa yoo xiqqaate dhimma Ummata isaa fi Oromiyaa irratti wal dhaga’uu eegaluu fi Tokkummaa qabatamaatti tarkaanfachaa jiraachuun, ammas diina irratti shororkaa jabaa uumuun shakkii hin qabu. Diinni Gaaffii Abbaa Biyyummaa Oromoo gara dabarsuuf, addunyaa irrattillee fudhatama dhabsiisuuf, Qabsoo isaas Biyya keessaa baasanii, Ummata isaaniif jilbeenfatu qofaa ummachuuf shirri hammeenyaan guutame fashalee, Biyyuma keessaa falmaa cimaan isaan mudachuun, wayyaanoota irriiba dhawwuu irra dabree, Anga’oonni waltajjii irratti bookkisaa arraba darbaa dubbachuutti ceesisuun haqadha. Wayyaaneen akka saree maraattee sagal ciniinaa fi doorsiisaa kan jirtuuf, sochiin Biyya keessaa fi alatti jiru itti jabaachuu irraa malee, qabsoo ofii akka nuuti tuffannee qeeqa irratti baayyisaa jirrun akka hin taane ifadha. Adeemsuma Qabsoo Ummata keenya kana keessatti waan taajjabaa jirruu fi odoo sirreeffannee jedhee qabxiilee tokko tokko kaasuun barbaada.
1. Ilmaan Oromoo yeroo hedduu karaa irraa maqanii kan taajjabamniif, fedhii Ummata Oromoo gadi fageenyaan hubachuu dhabuu fi waan akkasii dura qabnee hawwanna jedhanii murteeffachuu irraati. Ilmaan Oromoo addunyaa kana irra jiran, Daa’imaa hanga warra Umuriin raaganii lubbuun jiranitti, Siyaasa Biyya Itoophiyaa jedhamtu keessatti gaggeffamuu miti, kan addunyaan keessa jirtuyyuu hubachiisuuf yaaluun of taajjabsiisuudha. Addatti Ummati kun waa hin hubatu jedhanii, fedhii isaanii ittiin golgachuuf kanneen abbalan, dhugumatti namummaa keessaa kanneen ba’an qofaa ta’u jedheen amana. Har’a Oromoon kan yeroo kamirrayyuu caalaa dubbii hubatee hegaree isaaf lubbuu wareeguun akka kabajaatti fudhatee, wareegamaaf yeroo itti of qopheessaa jiruudha. Har’a maaltu nu barbaachisa? Maal sirreeffannee wal gula yaana? Toftaa akkamii baafannee diina karaa maraa irriiba dhawwiina? Qabsoo kana cinaa bifa kamiin hiriiruu dandeenya? Akka kaleessaa waan hunda diinatti laannee taa’uun maal nuu fayyade? Kan diina jala bade, diinatti caalaatti akka maxxanu taasisuu irra ofitti qabnee akkamiin dhimma itti baana? Sochiin gama siyaasaa gara tokkotti hanga luucca’uutti, aadaa fi seenaa, Afaanii fi JIreenya hawaasummaa keenya jabeessuuf maaltu nu irraa eegama? … kkf of gaafatanii qooda ofii yeroo itti gumaachan malee, ajandaa kan biraa of keessatti uumuuf kanneen yaalan of irraa dhaabuun hedduu barbaachisaadha.
BISHAAN KEESSA DHAABBATANII DHEEBOCHUN QAANIIDHAA! kanan jedheef waa malee miti. yoo xiqqaate waan keessa jiran ykn waanuma ifatti gaggeeffamaa jiruuf kabajaa kennuun gaariidha. Sochiin Ummati Oromoo itti jiru nuun nu boonsuu irra, diina rifaasisuu fi hollachiisuu isaatu nu gammachiisuu qaba. Humna ta’uun keenya, kan boonnee ittiin of himachuuf jarjarru caalaa, humni keenya kun diina konkolaachiisuu isaatu bu’aa keenya dhumaa ta’uu qalbifachuu qabna. beekumsii fi dandeettiin nuuti qabnu, Nama tokko ykn maatii tokko jiraachiisuu isaan madaalama odoo hin taanee, saba bal’aaf bu’aa buuseen madaalamee dinqisiifatamu qaba. hidhaa, ajjeechaa, hiraarrii, godaansa addunyaa irraa adda ta’een miidhamaa, karaa qabsoo gaafachaa jiraachuun nama qaaneessa . Bilisummaan Ummata keenyaa fi walabummaan Oromiyaa gonkumaa harka halagaa keessa hin jiru. humnaan nu dhorkanii ta’a. garuu harkuma keenya keessa kan jirudha. Bilisummaa fi walbummaa kana argachuuf maal akka nu barbaachisu ammas harkuma keenya keessa jira. Waan harka keenya keessa jiru kana irratti hojjachuu dadhabnee, akka nurraa fagoo jiruutti ibsuuf yaaluun, waan Bishaan keessa dhaabbatanii dheebochuun tokko ta’a.
Seenaan Ummata tokko seenaadha. Seenaan qabsoo Ummata tokkos akkasuma seenaadha. Seenaa kana himachaa hafuun qofti, gonkumaa gootummaa ykn Ummata kanaaf yaaduu hin argisiisu. Oromoon akka walii galaatti ajjeefamnee, hidhamnee, hiraaree, godaanee, kkf himachaa jiraachuu keessaa of baasuu qaba. Seenaa miidhama keenyaa kan himannu caalaa, seenaa qaanfachiisaa isa caaluutu nu irratti hojjatamaa jiraa yaa jarana. Gonkumaa seenaa qabana jennu sana bakka itti dubbannu, waan qabna jennu akka hin qabneetti dubbatamuuf nu irratti hojjatamaa jira obboleeyyan kiyya . miidhaa Ummata keenyaa guyyuu dhaga’aa fi argaa jirru, yoo xiqqaatee nagaan warri baanee gallu tilmaama keessa galchinee, miidhama keenya kaleessaa tursinee miidhama isa ammaa qacaleen keenya itti dhumaa jirtu dhaabuuf hojjachuu hin wayyuu? Gootoonni keenya qabsoo saba isaaniif gaggeessan keessatti wareegaman, wareegama har’aa kana dhaabuuf ture. dhalooti har’a harka qullaa Taankii dura dhaabbatee wareegama kafalaa jiru, Gumaa Gootoota keenyaa ba’uu fi dhalooti itti aanu Labbuun akka jiraatufidha. Kan har’a hidhamaa, ajjeefamaa fi hiraarfamaa jiruuf waa tokkon cinaa isaanii osoo hin dhaabbatiin, kan kaleessaa qofaa irratti dubbachuun maal godha? Warri ykn dhalooti itti dubbachuu barbaannu, yaadaan nu bira taranii wareegamaaf of kennaa jiru mitii?
Har’a Oromoon galaana miidhamaa keessa jira. Gumaa Lammiilee Oromoo miliyoona 5 oltu nu irra jira. Ilmaan Oromoo qabsoo saba isaaniif jedhanii waan gumaachaa jiran, bitaa fi mirga ilaallachuu qaban. Gabaabaatti, sochiin kamuu Sochii Qeerroo fi Ummata Oromoo Biyya keessaa lubbuu itti wareegamaa jiran tilmaama keessa galchamee, yoo hin hojjatamiin, hin dubbatiin, hin katabiin, kkf miidhaa inni qabu ol-aanaadha. Sochii Biyya keessaa hamilee kan buusu, yaaddoo keessa kan galchu yoo ta’ee, Ummata kanaaf hojjachaa jirra ykn dhaabbanne akkamiin jenna? Wayyaaneen har’a Angoo Ilmaan Tigiraayi kuma 60 labbuu itti dhaban, kuma 100 ol qaamaa itti hiri’atan hin gadhiifnu. Barbaachisaa taanaan warra haftanu ni galaaffannaa jechuun isaanii, warra wareegameef bakka laatanii nu fixaa hin jiranii? Seenaa qofaa dubbatanii dhaadachaa jiruu? Mee haqummaan gochaa isaanii kanaan kan keenya bira qabnee haa ilaallu?
2. gama biraan, Waldaaleen, Afooshaaleen, Kominiitiin kkf, Ijaaramanii jiran, Sochii siyaasaa, dhaabbilee siyaasaan gaggeeffamu waliin qindoomiina akka godhatu yoo hin tattaafatiin, galii tokko godhachuu akka hin dandeenye hubachuu nu feesisa. Ummati Oromoo miliyoona 40 haa jennu. Ummati kun martii miseensa dhaaba tokko ta’uun dirqama kan jedhu fayyaa hin qabu. Fedhiin Ummata kanaa sagalee caalmaan hubatamee waloon hojjachuuf, walitti dhihaachuu fi akka wal hin gufachiifneef waliin dubbachuun barbaachisaa ta’uun waan dhokataa miti. waan nu barbaachisu keessa jiraachaa, qaama biraa irraa eeggachuun bishaan keessa dhaabbachuu sanaan tokko. Qabsoo Biyyoonni adda addaa gaggeeffatan keessatti qoodamiinsi hojii adda addaa Bilisummaa isaaniif bu’ura jedhiin dubbatu. Hogganni dhaabaa jira. Qondaaltoonni dhaabaa sadarkaa adda addaa jiru. Miseensi jira. Deeggaraa dhaabbataan jira. Hawaasi ykn Ummati jira. Qabsoo saba tokko keessatti kana qindeeffachuun bakka ol aanaa qaba. sadarkaa nuuti irra jirru isa kana. Kana keessatti hojiileen qabsoo saba sanaaf barbaachisan qindoomiinaa fi duraa fi duuba isaanii ilaalanii gaggeeffachuun akka barbaachisu warri muuxannoo qaban ni dubbatu . kanaaf bifa kamiinu haa ijaarmnu, akkamiin qabsoo kana keessatti qooda fudhachuu akka qabnuu fi maal irratti gumaacha taasiisuu akka qabnu, qulqullummaan dhaabbilee siyaasaa qabnu waliin dubbachuu fi haaloota mijeeffachuun barbaachisaadha.
fakkeenya tokko haa fudhadhu. Miidiyaaleen amma Ummata isaaniif jedhanii gama hundaan banamanii jiran, waanuma itti fakkaate fi miidhamuma ummata isaanii dhageesisuuf jedhanii sagantaa yeroo isaa hin eeggatiinii fi gali wal fakkaataa irratti hin hundoofne yoo tamsaasan, bu’aa isaa irra miidhaan isaa akka caalu mamii hin qabu. Kanaaf, walii isaanii gidduutti quunnamtii odeeffannoo fi kkf ummachuun barbaachisaadha. kana irras dabree waan isaan tamsaasan sochii dhaabbilee siyaasaa Oromoo irratti dhiibbaa taasiisuu fi dhiisuu irratti dhaaboota kana waliin akka itti mari’achuu danda’an ykn odeeffachuu danda’an irratti hojjachuun hedduu barbaachisaadha. miidiyaan ykn waldaan, ykn Afooshaan tokko ykn dhaabni siyaasaa tokko rakkoo gama kanaan isa mudatu keessa qophaa kiyyan keessa dabraa jedhee ykn Oromoof furmaatan argamsiisa jedhee calliseema kan deemu yoo ta’ee, kun dhugaa irraa fagaachuu ta’a.
Miidiyaaleen kun, tokko waa’ee tokkummaa kan dubbatu yoo ta’e, tokko ammoo wal tumsuu dadhabnee kan jedhu yoo ta’e, tokko ammoo, seenaa kaleessaa qofaa kan haasa’uu yoo ta’e, kaan ammoo kan qeerroo har’aa kan dubbatu yoo ta’ee, kaan amma baayyina keenyaa ga’uu dadhabuu keenyatu nu miidhe yennaa jedhu, tokko ammoo, ammi walii galee sochoonaan ni ga’aa yoo jedhe … bu’aan keessaa argannu maalii? Kanaaf kan Ummata kanaaf gumaacha mataa isaa taasisee bilisummaa Ummata kanaa asi dhiheessuu barbaadu wal tumsee waliin hojjachuun barbaachisaadha. bu’urri tumsa kanaa ammoo, waliin haasa’uu fi mari’achuudha. Kana odoo hin dhugeessin furmaata Ummata kanaaf argamsiisuun gonkumaa hin danda’amu. Isa halgaan yeroo wal nuffan isaanu ni dhaabuu, mana mana isaanitti galanii wal hamatu isa jedhan sana dhugeessuu qofaa ta’a. sadarkaa sochii Qabsoo Ummati Oromoo irra jiru yennaa ilaalluu, hojiin miidiyaalee Oromoo walabaa maal ta’uu qabaa? Jennee yaadoota tokko tokko kennuun ni danda’ama. Qabxiilee kana dirree kana irratti tarriisuun danda’amuu baatuus, qabxii jabaa tokko garuu kaasuun ni danda’ama. Miidiyaaleen kun, madaalliin isaanii hangafaa waan bu’aa Ummata isaaf argamsiisuu hordofuu fi keessummeessuu TA’A. Kan mul’achuu fi anis jira jedhee of mul’isuuf tattaafatu Ummata kana irraa dhaabuun, hegaree qabsoo Ummata kana gama tokkotti luucceessuu keessatti qooda olaanaa gumaachuuf hojjachuu ykn of qopheessuu akka qabaniidha.
Fakkeenya biraa haa fudhannu. Ogummaa fi dandeetti keenyaan Ummata keenya tajaajiluu odoo dandeenyu, meeqan keenyatu haaluma Oromoon keessa jiru carraa gaafa dhalateetti fudhatee kan harka marannee taa’aa jirra? Artistoota, Gaazexessitoota, Dokitaroota … meeqatu miidhama keenya alanfachaa jiraata? Kun garuu furmaata tokkollee hin argamsiisu . waan hundaa odoo qabnuu, maalii odoo akkas ta’ee jennee bishaan keessa ciifnee dheebuun duuna. Artistoonni Biyya hanbaa jiran, Oromummaa isaanii qofaan gumaacha ol aanaa taasisiuu danda’u turan. Ogeessitoonni fayyaa kumootaan lakkaa’aman, inni kaan isaan biraa gargaarsa guurratee qabsaa’oota isaa waldhaanee Bilisummaa yennaa goonfatu isaan callisaniima taa’anii ilaalan. Artistoonni Biyya alaa waa barbaadan weellisuu danda’an amma irraa eegamu osoo hin dubbannee, inni biyya keessa jiru Bilisummaa faarfatee du’aa jira. Kana caalaa Bishaan keessa dhaabbatanii dheebochuun kan wal gitu maalii?
3. Biyya keessaa fi alatti Ilmaan Oromoo fardeessanii kan dubbatan, addatti Miidiyaaleen Oromoo hundi kan irratti xiyyeeffatan jecha tokkotu jira. Jecha “TOKKUMMAA” jedhu. Tokkummaa kana eessaa barbaachaa akka jirru naaf hin galu. Tokkummaan ammatti nu barbaachisaa jiru isa kam? Kan jedhus waan xiyyaaffannaan itti kenname hin fakkaatu. Tokkummaan hedduu nu yaaddeessee waltajjii fi bakkoota gara garaatti lallabaa jirru isa kam? Yeroo ammaan tana, diina caalaa tokkummaa dhabuu keenya lallabuun, faayidaan isaa eenyuf? Faayidaa keenyaaf kan dubbannu yoo ta’ees, Tokkummaa isa kam dubbachaa jirra? “Yaa ilmaan Oromoo tokkummaa keenya haa jabeeffannu! Tokkummaa dhabuu keenyatu humna xiqqaa kanaaf nu jilbeenfachiise! yennaa jennu, maal jechuu keenyadha? Miidiyaa irratti Ummata Oromoof tokkummaa hawwuu keenya yennaa dubbaannu fi katabnu, Ummata Oromootu tokkummaa dhabee moo, dhaabbilee siyaasaa keenyatu Tokkummaa dhabuu isaanii dubbachaa jirra? Tokkummaan Ummata Oromoo keessatti barbaachisu, Tokkummaa akkamiiti? Tokkummaan dhaabbilee siyaasaa gidduutti hawwiinu tokkummaa kan akkamiiti? Kana qalbifachuun barbaachisaadha. waan nu keessa jiru, kan isa kaanii ilaallee akka nu keessa hin jirretti hawwiin lallabaa ooluun furmaata hin ta’u. har’a tokkummaa dhabuu keenya diina caalaa dubbachaa fi of irratti hololaa akka jirru yaadachuu qabna. Hundeen keenya tokko ta’uu wallaallee, Oromoon akka tokko hin taanetti hololuun, Bishaan keessa dhaabbatanii dheebochuudha. Hundee keenyaan tokko ta’uu keenyatu hafee? Qabsoof tokkoomuu keenyatu hanqatee? Ummataa fi dhaabbilee siyaasaatu tokkomuu dadhabee? Ilaalchaan tokko ta’uu dhabnee? Wayyaanee dhabamsiisuu irratti tokkummaatu dhibee? Kana adda baafannee dubbachuu nu barbaachisa.
Ummati Oromoo, Oromoo ta’uu isaan tokko. Waan addunyaan fiddeetti mo’amee kan umama biraatti of harkisu yoo jiraate, inni tokkummaa dhabuu miti. of dhabanii wawwaachuudha. Warri akkasitti yaadan yoo jiraatan, Tokkummaa nuuti barbaannu keessa gonkumaa hin jiran. Oromoon Biyya keessaa fi alatti ykn Goodinaa adda addaa keessa jiraachuu isaa irraa Akka Barakat simoon faa’aa jedhanitti, tokko ta’uu dhiisuu keenyaaf sababaa kan godhatu yoo jiraate, inni gara itti bade kan wallaaleedha. Ani Oromoo Oromummaa isaa ganee saba Biraatti of himate argee hin beeku. seenaa wallaaluu, ykn seenaa saba isaa barachuu fi hubachu hanqachuu irraa yeroof kan kan doggoraan kaanitti of himatu yoo hin ta’iin. Kanaaf dhimma Tokkummaa kaafnee yennaa dubbannu fi katabnu, adda baasuun barbaachisaadha. Oromoon tokko. Hidda tokko. Kun gaaffii keessa hin galu. Kan amma Oromiyaa keessa jiru miti, Keeniyaa, Sudaan, Yugaandaa, warra huutuu, Afriikaa Kibbaa, Raayaa, Walloo kkf dhiiga keenyaa jennee kan dubbachaa fi falmachaa jirruuf, Oromoo ta’uu fi tokko ta’uu keenya mirkaneessuufi. Oromoon tokko ta’uu isaaf, Biyya keessaa fi alatti sagalee tokkon diina balaaleffachaa jiraachuun ala ragaa maalii dhiheessuu barbaanna? Kanaaf Ummata keenyatu tokkummaa dhabee yennaa jennu qaanfachuu qabna.
Namni tokkummaan barbaachisaadha jedhu, jalqaba waan tokkummaa faalleessuu irraa of fageessuu qaba. ta’anii argamuu ykn ofii fakkeenya ta’anii argamuu gaafata. Afooshaa Nama 30 qabu keessatti Oromoo dhiigaan tokko ta’ee ollaa kiyya osoo jiruu, bakka dhalootaan kiiloo meetira meeqa irraa wal barbaachaa, waa’ee tokkummaa yoo dubbanna yoo ta’ee, ofitti qoosaa jirra. Tokkummaa nuuti keessa keenyaa barbaannu argamsiisuuf, Ija ofii keessa jirma jiru odoo hin arginee, Ija Namaa keessaa huuba barbaachuu dhiisuu qabana.Ilaalcha siyaasaan garagar ta’uun tokkummaaf gufu ta’us, gufuun sun lamaan keenya akka hin dhoofne taasisuun ni danda’ama. Ilaalchaan kan wal fakkaatu walitti deebi’uun, yoo xiqqaate isa afaaniin qofaa dubbatu irra fooyya’aanii argamuudha. Ani tokkummaa sana keessaa dhibuu jechuun, isayyuu fedhiin koo hanqachuu irraa keessaa mucucaadhee hafee, akka tokkummaan Oromoo hin jirreetti yoon dubbadhee, kun dhukkuba. Kaleessa Tokkummaa dhaaboota siyaasaa Ilaalchaan tokko ta’anii mul’achuu dhabuu akka hanqinaatti ilaallee qabsoo keessaa baanee, ykn harka keessaa baafannee yoo jedhame, har’awoo? Waggaa tokko duras sobaniitu malee hin tokkomanii kanneen jechaa turan har’awoo? Deemee deemee waan fedhii keenyaa keessaa dhabnee dubbannu, ifatti ba’aa deemuun hin hafu.
Tokkummaan har’a nu barbaachisu, Tokkummaa qabsoo qindeeffachuuti. Tokkummaa wayyaanee irratti duuluuti. Tokkummaan diina falmachuu danda’uuti. Ummati keenya gonkumaa tokko ta’uu irraa jal’atee hin beeku. addatti Biyya keessatti . Dhaabbileen siyaasaa akeeka tokko qaban tokkomuu dhabuun isaanii hanqina keenya. Tokkummaa kana qabatamaan argaa jirra. Tokkummaa Ilaalchaa fi garaagarummaa ilaalchaa ni qabna. Kun ammoo addunyaa irraa adda nu hin taasisu. Muuxannooma irraa barannee fooyyeefachaa deemna. Tokkoomuu dhabuu Qabsaa’ootaa komachaa turre sun, Tokkummaa dhabuu Ummata Oromoof ragaa ta’uu hin danda’u. wayyaanee irratti qalbiin Ummata Oromoo tokkodha. Diina kana of irraa kaasuuf Tokkummaan duuluu nu barbaachisa. Tokkummaan kun ammoo, Tokkummaa Oromoo ykn Tokkummaa kaayyoo sanaatti fudhatamu hin danda’u. kana hubachuu nu barbaachisa. qabsoo jiru qindeeffachuu hanqachuun Tokkummaa dhabuu miti. qaama waan kana walitti qindeessee Ummata of kennee jiru hiriirsee gara tokkotti qajeelchu hanqachuu irraa tokkoomu dhabuutti fudhatamaa jira.
Kan abdii namatti horu, Tokkummaa Qeerroo fi Ummata Oromooti. Kanumatti illee of qixxeessuun gootummaa tokko. Kanatti amanuunis hojii tokko. Tokkummaa kana hundee irraa kan irratti hojjatan ammoo, warruma Tokkummaa dhabanii nu miidhan jennee quba itti qabnu ta’uun dansaadha. Kanaaf TOKKUMMAAN Oromoon barbaadu, Tokkummaa humna taanee itti asi baanuudha. Diina irratti duuluudha. Kana qofaatu nu hafe. Tokkummaa Ummata M.40 hawwuun gaariidha. Wayyaaneef garuu Ummata keenya kuma 100 qindeeffannee iyyuu ga’aa ta’uu beekuun gaariidha. Tokkummaa kanas asi dhiheessuuf murteessaan Hojjachuu qofaadha. Bishaan keessa dhaabbatanii dheebochuu keessaa of baasuudha …Kutaa 2ffaan Itti fufa. GALATOOMAA!
HORAA BULAA!
No comments:
Post a Comment