SBO | Bitootessa 12, 2015
Mirga ummatootaa kabajuu dhabuu irraa Mootummaan Itophiyaa tan waggaa 24 duraa angoo irraa qaarsifame. Mootummaa waraanaa saniif itti jabduun biyya humnaan ijaaramte waraanaan tursuu ture. Impaayerummaa isii golguu fi biyya dimokraatawaa tahuu agarsiisuuf waaroo soshaalummaa haguuge. Ilaalcha raggaafate kanaanis tokkummaa impaayera Itophiyaa waraanaan tiksuuf waadaa ofiif seeneen lola labsee waggoota dheeraaf lolee ofiifuu lolaan dhabame. Impayera Itophiyaa ilmaan dhaalsisuuf yaades hin tikfamiin hafee kufaatii mootummaa waraanaan boqonnaan sun qadaadame.
Waggaa 24 of booda deebi’uun haala alas ture wayta ilaalamu, kaayyoon mootummaa waraanaa sanii maqaa tokkummaa, wal qixxummaa fi dimokraasiin ol aantummaa nafxanyaa jireessuu fi tiksuu akka tahe irraa hubatama. Wal qixxummaan akka mirkaneeffametti dhihee barihu bara sana lallabamaa ture ummatoota ittiin kijibuu fi gowwoomsuu akeekkate malee hojiin kan mirkaneeffame kan sana irraa addaa ti. Sirni siyaasaa alasitti diriirfames abbaa irrummaa gadi dhaabe. Ummatoota gaaffii mirgaa qaban ukkaamse. Mirga mata mataa fi gurmuu guutummaatti haqe.
Mootummaan waraanaa sun mirga ummatootaa humna waraanaa ykn afaan qawween ukkaamsuuf tattaafatullee ummatootni mirga dhaban gonfatuun fedha isaanii waan tureef kaayyoo mootummaa waraanaa lagatanii qabsoo bilisummaa fi dimokraasii deggeruun mootummaa abbaa irraa hundeen buqqaasan.
Mootummaa waraanaan booda murni aangootti ol bahe jijjiirraa ummatootni barbaadanii fi fedhan nan argamsiisa jedhee dhaadate. Oolee osoo hin bulle kan ummatootaan hubatame garuu akeekaa fi galiin isaa kan mootummaa isa dura ture irraa guddoo kan hin faganne tahuu ture. Garaagarummaan mootummoota humnaan aangootti dhufan lameen gidduu, akkaataa itti empaayera Itophiyaa tiksan irratti tooftaa fi imaammata raggaafatan irratti qofa. Mootummaan Dargii Empaayera Itophiyaa waaroo soshaalummaa haguuguun tiksuu fi tursuuf oggaa tattaafatu, mootummaan Wayyaanee ammoo maqaa dimokraasii warraaqsaa/mootummaa misoomaa jedhuun jireessuuf tattaafatuu dha.
Har’a sabootaa fi ummatoota biyyattii keessaa kan Wayyaanee dura hin dhaabbannee fi hin mormine jiru jedhama yo tahe kanneen sirna raggaafame irraa bu’aa argataa jiran qofa. Kanneeniin alatti kan jiran hundi mirgi isaanii osoo hin daangeeffamiin akka kabajamuuf barbaadan. Kanaafis qabsaawaa jiran. Mormiilee fi tarkaanfiileen ummatootaan bulchiinsa naannoolee adda addaa keessatti fudhatamaa jiran kanaaf ragaa tahu. Gaaffiin sabootaa fi ummatootaas hanga deebii quubsaa fi qajeelaa hin argannetti kan jabaataa fi finiinaa deemu tahuu isaatiifis ragaa qabatamaa taha.
Har’a ummatni kamiyyuu tokkummaa dharaa fi kijibaan sadarkaa hin sobamne dhaqqabee jira. Ummatootni shiraa fi daba maqaa tokkummaa fi dimokraasiin hojjatamu adda baafatuu irraa rakkina hin qaban. Eenyu haqaaf dhaabbate? eenyu bittaa fi hacuuccaa itti fufsiisuuf jecha dharaan lallaba? eenyu bolola aangoo fi sirna hacuuccaa bifa biraa diriirsuuf dharra’a? gaaffiilee jedhaniif ummatootni adda hin baafatan ykn hin hubatan jedhanii kan yaadan ykn amanan yo jiraatan kanneen ummata keessa hin jirre, yaadaa fi fedhii ummatootaa dhaga’uu fi beekuu hin barbaadne qofa. Empaayera Itophiyaa keessatti hanga jijjiiramni aynaa mirga sabootaa fi ummatootaa kabaju hin argamnettis Itophiyaan hokkora, hacuuccaa fi saaminsa jalaa hin baatu kan jedhamuufis kanumaafi.
Empaayera Itophiyaa keessa jaarmayootni siyaasaa maqaa ‘tokkummaan’ karaa nagaas tahe karaa biraan jijjiirama argamsiisuuf sosso’an hedduu tahuun dhokataa miti. Akeekaa fi galii adda addaa kan qabaatan fakkaatan illee qaphxiilee wal isaan fakkeessan hedduu tarrisuun ni danda’ama. Jaarmayootni sabummaan ijaaramuu akka cubbuutti kan ilaalanii fi yakka jedhan, federaalummaa kijibaa Wayyaanee illee haalaan balaaleffatani dha. Ejjannoon qabatan kunis kanneen gaaffii sabummaa kaasan, aadaa fi Afaan isaanii kabajamuu barbaadan akka farra tokkummaa fi diinaatti akka ilaalan isaan taasisa.
Murnoonni sabummaan ijaaramuu fi sirna federaalummaa morman kunneen gama biraan irra caalaa ummata tokkoof isaanii falmaa jiran ifatti mul’ata. Sabummaan ijaaramuu balaaleffataa sabummaan akka ijaaraman miseensotaa fi deggertoota qaban irraa hubachuutu danda’ama. Jaarmayootni siyaasaa maqaa tokkummaa jedhuun sosso’an kanneen ummata dhaabbataniif, buqqaafame, miidhame jedhanii guyyuu oggaa lallaban, falmanii fi gargaarsaan dhaqqaban, rakkoo fi miidhaan fakkaataa ummatoota biroo irra wayta gahuu ammo isaanii dubbatan, falmanii fi dirmataniif hin mul’atu. Gochaan akkanaa kun jaarmayoota siyaasaa qofa osoo hin taane kanneen mirga namoomaaf falmuuf maqaa biyyoolessaan of gurmeessan hunda dabalata.
Guddina biyya tokkoof barnootni qooda murteessaa qaba. Barataa bor bakka bu’ee biyya dursu kan horatuun danda’amu ammoo mirgi dimokraasii kabajamee nagaan yoo jiraate qofa. Kun dhibuun gaaffii kan kaasisu tahuu sochii barattootni Oromoo yeroo adda addaatti godhan bareechee hubachiisa. Barattootni Oromoo kaleessas tahe har’a mootummaa mirga isaanii kabajuuf dhabuu irraa gaaffii mirgaa kaasuu fi miidhaa uumama haa tahu jedhamee Oromiyaa keessatti raawwatamu hanqisuu fi dhaamsuuf tattaaffii godhaniin seenaa biyyattii keessatti murtii fi tarkaanfii fudhatamee hin beekneen barattootni Oromoo dhibbootaan manneen barnootaa sadarkaa ol aanaa keessaa wayta ari’atamanitti kanneen moggaa dhaabbatuun ilaalanii fi callisuu filatan kanneen dimokraasii fi wal qixxummaaf falmina ofiin jedhan kanneeni.
Dargaggoo fi kaa’imman Oromoo magaalaa Ambootti tarkaanfii gara jabinaan guutameen oggaa ajjeefaman kanneen Itophiyummaaf dhaabbanna jedhan irraa sagaleen mormii fi balaaleffannaa dhaga’amuu dhabuun ilaalcha dimokraasii fi wal qixummaaf qaban kan gaaffii jala galchee dha.
Hayyootni, beektotnii, dargaggoo fi maanguddootni Oromoo hangi manneen hidhaa Impaayera Itophiyaa Oromoof tolfaman jedhamutti mana hidhaatti guuramanii irratti roorrifamu jaarmayootaa fi dhaabbattootni impayerattii mirga namoomaaf falmina jedhan dubbatuu fi falmuu irraa maaliif of qusatan? kan jedhu gaaffii deebii argatuu malee dha.
Finfinnee bal’isuudhaan Oromoo lafa isaa irraa buqqaasuu fi hiyyoomsuuf gochaa raawwatamaa jiru dura dhaabbatuurraa kan lafa qircatuuf hiriiran, maqaa investmentiin of duroomsuuf tarree saamtotaa seenan, enyu akka tahan kan argaa jiru, kan har’a akkanaa bor maal taha? jechuun gaafata. Mirgi dimokraasii fi namoomaa kabajamuu qaba inni jedhamu ho isa kami? Jedhee of gaafata.
Kanneen kaleessa malee har’a arguu hin dandeenye, ummatoota tuffatan, kanneen mirgi sabummaa qaban dhiitamuu irraa gaaffii mirgaa kaasan ykn akka sabummaatti ijaaraman beeylada ykn bineensa jechuun abaaraa, wayta mirga ummata tokkoo qofaaf falman maal raawwataa akka jiran hubatuu laata? Ummatni dhaabataniif arrabsame jedhanii guddisanii dubbatuu irra cehanii hanga hiriira bahuutti deeman, sabootni sabummaa isaaniittiin naannoo bulchiinsa isaanii keessatti wayta arrabsamanii fi tumaman callisuun yakka raawwatame deggeruun alatti akka biraatti akkamiin ilaalama?
Ragaalee kana malee kan biroo hedduu dhiheessuun danda’amu illee kanneen olitti kaafaman qofti akeeknii fi kaayyoon jaarmayoota siyaasaa mirga sabummaa dura dhaabbatanii maal akka tahe hubachiisuuf gahoo dha. Mirga dimokraasii, wal qixxummaa fi tokkummaan baananis maal akka tahe akeeka. Waaroo Itophiyummaa jalatti ejjannoo dantaa ummata tokkoo kabajsiisuuf wixxifatuun kan yeroon itti dabree fi fuula dura hin tarkaanfachiifne qofa osoo hin taane, hanga bishaan dabre waraabuuf kajeeluu ti.
Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)
No comments:
Post a Comment