Gabaasa Qeerroo Qeellam, Guraandhala 10, 2015
Qellem, Jimmaa Horroo ganda qonnaan bulaa Akkoo Jirruu jedhamtu keessatti uummanni ajaja mootummaa waan lagataniif tika wayyaneen reebaman, gabaasa Qeerroo Jimmaa Horroo hara Guraandhala 9 addeessuun guyyoota murasa dura Guraandhala 4 mootummaan misooma lafaa, jedhuun daagaa qotuu jedhamu ajaja basee baadiyaalee keessa qonnan bulaa dirqisiisuun akka bahan ajaja baasaa ture, uummannis yeroo ammaa ajaja mootummaa Wayyaane bakka hundaatti waan lagataa jiruuf humnatti fayadamuu, humna milisha baatiwwan muraasa dura dhimmuma kanaaf leenjifatee ture uummata keessa gadhiisee uumata keessa deemuun WBOn isin keessa jira isintu nyaachisa jechuun jiraattota haa hiraarsan malee uumanni takkaa fudhachuufii hin dandeenye.
Haaluma kanaan halkan halkan uummata irra deemanii reebicha hamaa qote bultootaa fi dargaggoota irratti raawataa jiru guyyaa jedhame kanaa kaasee kanaan namootni miidhamanii buufata fayyaatti argamanii osoo yaalamanii gaffii taasisaniif namootni kaan hallan sa’a 9:00tti manaa waamamuudhaan, gadi fuudhanii reebamuu isaanii duubbachuun Qeerroof ibsa godhanii jiru namoota reebicha kanan miidhaman:
1. Aadde Dambalii Ruudaa
2. Dar. Mohamadnuur Siraaj
3. Dar. Ashennaafii Gindaabaa
4. Dar. Isaaquu Gindabaa fi
kanneen biroos kan maqaan nun gahin hafan jiru, tikoota uummata eebuu waliin kan hiriiranii jiran keessaa bulchaa ganda kanaa kan tahe Shumbaa Daggafaa, milishaa gandichaa Margaa Agichoo kanneen biroo fuula isaanii ukkaamfachuudhaan namoota humna biraa mootumma irraa ergame waliin uummata dhaanuun reebicha irratti raawwataa jiraachuu gabaasni nu gahee jira.

No comments:
Post a Comment