Kiya Tesfaye | Guraandhala 23, 2015
Oduun gidduu kana dhimma Oromoo ilaalchisee toora intarneeta irra facaa`aa jiru dhimma waa`ee maastar pilaanii Finfinnee hojii irra olchuuf haasaa Abbaay Tsahaayee godhani dha. Haasaan namtichi kun godhe kan tuffiin guutamee fi nama qaama mootummaa biyya bulchu irraa hin eegamne ture. Abbaay Tsahaayee yeroo ammaa kana motoora mootummaa abbaa irree Wayaanee ta`ee kan mummicha ministeeraa biyyatti duuba taa`ee biyya bulchaa jiru dha. Akkasuumas koree hojii raawwachiiftuu gartuu Adda Biliisa Baasaa Ummata Tigraay(TPLF) keessatti miseensa ta`uun nama hojii guddaa hojjachaa jiru dha. Magaaloota gurguddoo Oromiyaa keessa jiran kan akka Dirree Dhawaa fi Awadaay bulchiinsa mootummaa federaalaa jala akka galan namoota dhibbaa guddaa godhan keessaa inni tokko Abbaay Tsahaayee dha. Dabalataaniis, magaaloota kanneen akka Jimma, Shaashamannee fi Adaamaa bulchiinsa mootummaa Oromiyaa jalaa baasuuf sochii godhamaa ture keessatti adda durummaan namoota qabsaa`an keessaa isa tokko dha.
Otoo dhiigni ilmaan Oromoo hojiirra oluu maastar pilaanii kana mormuun dhangala`ee hin qoriin, otoo gaddi cimaan saba Oromoo irra gahe waggaa tokko illee hin gutiin; haasaa tuffiin guuttame kana akka dubbatu Abbaay Tshaayeef sababa guddaa kan ta`uu danda`an waan lama jechuun barbaada.
1. Tokkummaa dhabuu saba keenyaa
Sabni keenyi dhibbaa alagaan nurraan gaheen kan ka`e kutaan, amantiin akkasuumas ilaalcha siyaasaatiin wal qoduu erga jalqabee bubbuleera. Wal qodiinsi kun immoo hundee jabeeffatee keessumattuu hawaasa Oromoo diyaaspooraa(biyya alaa) jiru keessatti babal`achuu erga eegalee baroota baayyee lakkoofsiseera. Sabni tokkummaa hin qabne; saba waan hundumaan milkaa`uu hin dandeenye dha. Gaafa tokkummaan keenyi laafe, dinniis(nyaaphaan) akka malee kan nu tuffachuu eegalte. Wayyaaneenis dadhabiina keenyatti dhimma bahuun rorroo hamaa fi hammana hin jedhamne gara jabiinaan nurratti raawachaa jirti.
Sabni keenyi dhibbaa alagaan nurraan gaheen kan ka`e kutaan, amantiin akkasuumas ilaalcha siyaasaatiin wal qoduu erga jalqabee bubbuleera. Wal qodiinsi kun immoo hundee jabeeffatee keessumattuu hawaasa Oromoo diyaaspooraa(biyya alaa) jiru keessatti babal`achuu erga eegalee baroota baayyee lakkoofsiseera. Sabni tokkummaa hin qabne; saba waan hundumaan milkaa`uu hin dandeenye dha. Gaafa tokkummaan keenyi laafe, dinniis(nyaaphaan) akka malee kan nu tuffachuu eegalte. Wayyaaneenis dadhabiina keenyatti dhimma bahuun rorroo hamaa fi hammana hin jedhamne gara jabiinaan nurratti raawachaa jirti.
2. Hoggansa siyaasaa jabaa ta`e dhabuu
Adeemsa qabsoo bilisuummaaf godhamuu keessatti hoggansa jabaa fi dhaaba siyaasaa sirritti qindaa`e qabaachuun wal nama hin gaafachiisu. Rakkinni hoggansaa nuti qabnu kun immoo balaa hamaaf nu saaxilee jira. Baayyachuun dhaabbilee siyaasaa falma bilisuummaaf godhamu ni saffisiisu jedhamee otoo eegamuu kan keenya garuu faallaa isaa ta`ee argame. Wali galtee dhabuu qaama hoggantoota gidduutti dhalateen dhaaboonni siyaasaa Oromoo kan ummanni abdii irraa qabu baayyeen sakaalamanii jiru.
Furmaata maaltu ta`a?
Furmaanni inni guddaa fi inni jalqabaa tokkummaa jabeessuu dha. Sabni keenya inni biyya alaa jiraatu garaagarummaa qabuun otoo hin taane waan waloo ta`e, waa`ee bilisummaa ummata Oromoo irratti wal ta`ee afuura tokkoon sochoo`uu kan qabu yeroo kamiyyuu caalaa amma dha. Jaarraa(bar-dhibbee) 21ffaa kana keessatti adduunyaan bal`oo kun wali galuu ummataa irraa kan ka`e gara ganda(village) tokkotti jijjiramaa jirti. Bara amma jirru keessa ummanni ilaalcha siyaasaa qabu akkuma jirutti fudhatee garaagarummaa jiru irratti taa`ee mari`ata malee wal diguuf ykn wal balleessuuf hin ariifatu. Kana immoo siyaasaa adduunyaa keessattu kan biyyoota qaroomanii keessatti ta`aa jiru akka ragaatti himuun ni danda`ama. Ummanni keenyiis garaagarummaa qabu dhiisee waanta waloon qabnu irratti tokkummaan hojjachuu qaba.
Inni lammaffaan furmaata ta`a jedhee kanan yaadu dhaaba siyaasaa ummata keenya walitti qabuu danda`uu fi hoggansa cimaan gaggeeffamu qabaachuu danda`uu dha. Siyaasa adduunyaa qaroome kana keessatti yaada garagaraa qabaachuun dhaaboota siyaasaa akka gaaritti fudhatama. Keessumattu, biyya tokko keessatti dhaabonni siyaasaa socho`aan yeroo baayyee ilaalcha siyaasaa wal hin fakkaanne qabu. Garuu, dhimma waloo ta`e qabuu hundi isaanii. Innis waa`ee biyya isaaniif waan gaarii fiduu ykn argamsiisuu dha. Dhaaboonni siyaasaa Oromoos jijjiirama adduunyaa irratti deemaa jiru kana irraa baruumsa gaarii barachuu qabu. Wal ballessuu yaaduu irra wal ijaaruuf yaaduun; wal sakaaluu yaaduu irra fuul-duratti wal wajjiin tarkaanfachuu yaaduu otoo aadaa godhatanii bu`aa hedduu saba rorroo jala jiru kanaaf fidu jedheen amana.
No comments:
Post a Comment