Guraandhala 25, 2015
Caayaan Tokkummaa Baqattoota Oromoo Biyya Masrii (CTBOBM) eega maqaa kanaan hundeeffamtee eegalee maqaan Oromoo UNHCR fi mootummaa Masrii biratti akka dhagahamu qooda ol’aanaa taphatte. Himatni baqattummaa (case) ilmaan Oromoo biyya Masrii jiraniidhaa hundee dhugaa irratti akka jajjabaatu gochuu fi gurgurtaa jalaa akka baraaramu taasisuun danda’ameera. Ammas taanaan Habashoota case Oromoo butachuuf yaalanii fi warra Oromoo keessaa Habashootatti gurgurachuuf yaalu saaxiluun jabaatee itti fufee jira.
Kana malees Oromoo fi Habashoonni impaayera Itoophiyaa keessatti seenaan keessa dabranii fi har’as haalli keessa jiran walii faallaa waan taheef, biyya baqaa keessatti Habashaa waliin caayaa hawaasummaa tokko jalatti hiriiruun akka hin danda’mne ifa galaa dha. Caayaan Tokkummaa Baqattoota Oromoo Biyya Masrii (CTBOBM)dhugaa tana warra abbaa biyyaa fi UNHCR hubachiisuudhaan, akka dhimmi Oromoo addatti hubatamuu fi Oromoon ofiin of ijaaree rakkoo isaa himachuu danda’u dandeessisuu irratti hojii guddaatu hojjetame. Injifannoon gama kanaan gonfatames salphaa miti. Oromummaa jabeessuu fi akka oromootti oromoon akka yaadu gochuu irratti tattaaffii guddootu godhame. Tattaaffiin barbaachisaan kun ammas jabaatee itti fufee jira.
Qooda jaaraa Caayaan gumaachite irraa hangana eega dubbannee booda, yaaddoowwan gurguddoo yeroo ammaa hawaasa baqataa Oromoo Cairo gidduutti mul’atu irraa dubbannee furmaataas akeekuu barbaanna. Yaaddoon hawaasa keenya Cairo keessatti mul’achaa jiru gurgurddaan bakka lamatti bahee hubatamuu danda’a. Kan duraa farra tokkummaa Oromoo kan tahe adeemsa gandummaa ti. Kan lammaffaa maadhee diinaa hawaasa keenya keessatti hidda naqachaa jiruu dha.
Dhimma gandummaa irraa haa kaanu. Sadarkaan sabboonummaa keenyaa hanga ammaatti jabaatee bakka silaa hawwamu gahuu hanqachuu irraa kan ka’e, hawaasni baqataan afooshaa kutaa kutaa isaa jaarratee gaafa gaddaa fi gammachuu wal cinaa dhaabbachuuf tattaafachuun waanuma mul’achaa turee fi jiru. Haa tahu malee, afooshaaleen kun akka itti socho’an irratti yoo sirni itti tolfamuu baate, balaa tokkummaa Oromoo akka hamaatti gaaga’utu dhalata. Afooshaan tamuu gaafa taaziyaa, dhukkubaa, balaa, fi kkf irratti wal cinaa dhaabbachuu bira dabartee sochii siyaasummaa qabu keessa seenti taanaan daangaa afooshummaa isiidhaa irra ceetee madda yaaddoo taati.
Hafooshaan takka sochii siyaasummaa keessa seenuu jechuun maal jechuu dha? Deebiin ifaa dha. Maqaa kutaatiin wal jaaranii haala rakkoon hawaasummaa homaa hin mudatin keessatti dhimma siyaasummaa kutaa sanii irraa hadoodanii dubbachuu, warra kutaa biraa of irraa fageessanii bobbaa fi gala irratti wal qofa quba qabaachuu, seenaa kutaan sun qabaachaa turte hamtuus taatu toltuu garmalee halluu dibanii miidhagsanii himachuu, san birayyuu dabranii nama kutaa san keessatti dhalatee seenaan isaa beekamu suuraa isaa bifa T-shirtiitiin maxxanfatanii miseensota kutaa saniif addatti raabsuu, maqaa afooshaatiin kan jaaraman tahuu hanga of dagatanitti fagaatanii deemanii Oromoo kutaa biraa irraa seenaa addaa fi of danda’e akka qabanitti walitti himachuu fi ittiin wal kakaasuu, qalbii miseensota kutaa sanaa keessatti sanyii naannummaa fi ofittummaa facaasuu faa dha. Kun ammoo Oromummaa mallattoo jabinaa fi guddina keenyaa saniif dursa kennuu manna eennyummaa kutaatiif akka bakka guddaa kenninu nu godha. Gabaabaatti nu diiga. Guddina keenya xiqqeessee daranuu alagaan akka nu qoqqoodee nuratti roorrisu haala mijjeessa.
Rakkoon kana fakkaatu kun qabatamaatti Cairo keessatti mul’ateera, mul’aaas jira. Sochiin balaa qabu akkasii kun dirmannaa ilmaan Oromoo kutaa hundumaatiin kan hin dhaabsifamne yoo tahe balaa guddaa qabaata. Afooshaaleen kutaa biros fakkeenya diigaa fi qaanfachiisaa akkasii kana wallaalaanis tahee xiiqiidhaan hordofanii dorgoommii naannummaa diigaa keessatti akka hiriiran taasisuu danda’a. Yeroo itti ummanni Oromoo biyya keessaa fi alatti tokkummaa keenyatu laaffate jedhee walitti booyaa jiru tana keessatti haalli kun yoo mul’ate kun waan diinni tahe jedhee duubaan goree nu diiguuf hojjechaa jiru tahuutti nama shakkisiisa.
Seensa bara kanaa irratti haalli reefuu dubbatame kun wayta Cairo keessatti mul’ate, CTBOBM dubbii tanaan rifattee sagalee mormii dhageessiftee turte. Warri hojii akkasii kana irratti hogganummaadhaan bobba’e CTBOBM jalatti kan hin argamne waan taheef garuu, Caayaan dubbii tana irratti gaafatama fudhattee dhaabsisuu hin dandeenye. Sochiin rifaasisaan akkasii kun kan jalatti geggeeffame qaama hawaasummaa Oromoo biraa keessatti waan taheef, qaama san irraa tarkaanfiin hatattamaa fudhatamee tokkummaa Oromoo balaaf saaxilame sirreeffama jennee osoo eegnuu yoona geenye. Hanga ammaatti garuu gochaa maqaa afooshaa kutaa Oromoo takkaatiin godhamte san balaaleffachuu fi fakkeenyummaa isiis ittisuu irratti qaama silaa itti gaafatamu san irraa wanni xiixame hin jiru. Ibsa kana illee yeroo kanatti baasuu wanni barbaachiseef tokko yaaddoodhuma tana.
Gandummaan farra tokkummaa ti. Namni gandummaa baballisu rirma tokkummaa ummata Oromoo ti. Warra gochaa diigaa akkasii irraa akka deebi’aniif gorfamnaan fudhachuu didanii daranuu achii as loluu barbaadan duubaan diinni akka jiraachuu malu shakkuu barbaachisa. Warri dogoggorfamanii sochii diigmayaa akkasii keessaa qooda fudhatan yeroodhaan yakka kana keessaa akka of baasan dhaamnaaf. Kanneen didanii gochaa fokkataa kana akka hojii eebbifamaatti itti jiran ammoo kaayyoo diinummaa akka qabanii hoj-manee diinni kenneef kan hojjechaa jiran tahuu hubannee of irraa ittisuu fi saaxiluun fardii taha. Dinni qaawwa warri akkanaa nutti banaa jirutti dhimma baatee tokkummaa Oromummaa diigdee bara baraan qabeenyaa Oromoo saamaa jiraachuu hin eehamnuuf. Kanaafuu ilman Oromoo Cairo keessaas tahee biyyoota adda addaa jiran gochaa farra tokkummaa maqaa afooshaatiinis tahee bifa biroon raaw’atamu jabinaan akka dura dhaabbatan yaadachiifna. Jaarmaya waloo jabeeffatanii afooshaa kutaa waan jedhamu yoo dandayame jigsuu, dadhabamu ammoo daangaa murtaawe itti tolchanii toyachuu irratti akka waloon hojjennu waamicha dabarsina.
Yaaddoon Cairo keessatti harkaa nu qabdu tan biraa waa’ee qunnamtii diinaa ti. Hawaasa Oromoo Cairo jiraatu keessatti, warra akka qunnamtii embaasii Wayyaanee qabu ragaadhaan irra gahametu jira. Jarri kun harka tokkoon akka sabboonaa Oromoo sirnichaan doorsifamee biyyaa baheetitti case tolfatanii UNHCRitti galmaawanii osoo jiranii, gama kaaniin ammoo embaasii diinaa waliin hariiroo tolfatanii baqattoota Oromoo dhugaa doorsisu. Jaarmayni hawaasummaa Oromoo kan warri diina waliin hariiroo qabu akkasii kun keessatti buulessa tahee mul’atu waan kana irratti maaliif akka hin yaaddofne nu ajaa’iba. Dhugumatti sirna Wayyaanee kan baqannee biyyaa bane yoo taate, nu keessaa warra embaasii Wayyaanee waliin qunnamtii tolfatee hojjetu callisnee laaluu bira dabarree akka manguddoo keenyaatitti kan laallu yoo taheef nama sodaachisa. Namoota akka wakiilummaa diinaatitti hojjechaa jiran of keessaa saaxilanii qulqullummaadhaan dhaabbachuu wanni nama dhorku maal akka tahe ifaa miti. Jaarmaya waan kanaan qeeqamu keessatti galmaawanii kan argaman ilmaan Oromoo 95% ol tahan qulqulluu fi daba kana kan quba hin qabne tahuun ammo ifatti beekamuu qaba.
Qaamni jaarmayaa qeeqni kun itti xiyyeeffatu waan lama keessaa tokko gochuuf mirga qaba ture. Tokko, namoota jarmayaa san keessa jiran kan maqaan isaanii embaasii Wayyaanetiin wal qabatee yeroo baay’ee ka’u kana of keessaa basanii saaxiluu. Yoo kana didanii qulqullummaa namoota saniitiif kan falman taate ammoo, qulqullummaa namoota sanii ragaadhaan deeggaranii agarsiisuudhaan shakkii irraa of walaboomsuu danda’uu dha. Kana lamaanuu keessaa tokkoyyuu raaw’achuu hin dandeenye, yookiis hin barbaanne.
Haala balaafamaa akkasii of duratti argaa Caaayaan calliftee laaluu hin dandeessu. Qaamonni diina waliin hidhata qaban kun ABOdhaan ‘goolessituu’ jedhanii waamuu isaaniif ragaa qabatamaa harkaa qabna. ABO jechuun dhaaba nuti baqattoonni Oromoo marti deeggartummaa yokiin miseensummaa isaatiif itti shakkamnee himata keenya UNHCR naqannee jirruu dha. ABOn mootummaa Itoophiyaatiin akka malee yakkamuu fi ilmaan Oromoo kumoonni kudhanoonnis maqaa deeggartummaa dhaaba kanaatiin yakkamanii ajjeefamaa, hidhamaa doorsifamaa, saamamaa fi biyya irraa godaansifamaa jiraachuu addunyaatu raga bahaa jira. Amnesty International, HRW, fi jaarmayaaleen mirga namoomaa idil addunyaa kan biro hedduun kanaaf raga dha.
Dhaaba kanaan kan ‘goolessituu’ jedhee afaan guuttatee dubbate mootummaa Wayyaanee qofa. Kana irraa kan hafe addunyaan ABOdhaan ‘goolessituu’ jettee yeroo itti waamte hin qabdu. Kanaafuu, qaama balaa sirna Wayyaanee jalaahin baqadhee dhufe ofiin jechaa, deebisee ammoo jecha Wayyaaneen qofti dhaaba ABO ittiin waamtutti dhimma bahee ‘goolessituu’ jedhu akkasii kanaan maal jedhama? Nuti gama keenyaan kan arraba Wayyanee irraa fudhee dhaaba Oromoo tokko maqaa balleessu ergamaa Wayyaanee waan taheef ni sodaanna. Jaarmaya qaamota arraba diinaa tahanii dubbatan akkasii of keessatti hammate waliinis akka baqataa Oromootti waliin teenyee rakkoo keenya dubbachuu hin dandeenyu.
Warri akka baqataa Oromootti miilla tokkoon nu waliin UNHCR dhaabbachaa, miilla kaaniin ammoo embaasii Wayyaanee dhaabbatu of irraa eeguu fi qaama dhimmi laaluttis himachuuf mirga ni qabna. Warra arraba tokkoon case baqattummaa tolfatee himachaa arraba biraatiin ammoo arraata Wayyaanee tahee dhaaba Oromoon kumaatamni itti yakkamee mana hidhaa ciisuun ‘geelessituu’ jedhu akka qoosaatti hin laallu. Diinni case Oromoo balleessuuf jecha jara kana nurratti bobbaase jennee shakkina. Duula bara meeqa guutuu nu gaafate kan case Oromoo case Habashootaa irraa adda baafnee addunyaatti beeksisuutti milkoofne deebisanii nurkaa daaraa gochuuf jecha warra diina waliin dhaabbatee arraba diinaatiin dubbatu jabeessinee balaaleffanna. Ilmaan Oromoo Cairo keessaas tahee addunyaa mara irra jiran illee yaaddoo keenya kana nuu hubachuudhaan akka nu cinaa dhaabbatan waamicha dabarsina. Baqattoonni Oromoo jaarmaya gochaa hidhata diinummaatiin yakkamu kana keessatti fayyaalummaadhaan hiriiranii jiranis shira namoota hagoo (muraasaan) isaan irratti xaxamee case isaanii busheessuuf hojjetamaa jiru kana irratti dammaqanii akka of irraa dhaabsisan waamicha dabarsinaaf.
Mootummaan Wayyaanee nu warra cunqursaa sirnichaa baqannee biyyaa bane bakka jirrutti hordofee miidhaa guddaa nurraan gahuu danda’a. Wayyaaneen nu adamsitee rukutuu birayyuu dabartee warruma maqaa OPDOtiin isii faana dhama’uyyuu ‘likkiitti si galchina’ jettee kan dhaadataa jirtu tahuun ifaa dha. Diinni tuffii Oromootiin guutamee akkasitti nu salphisuu fi lafa irraa nu balleessuuf hojjechaa jiru kun, baqataa Oromoo keessattis maadhee tolfatee bifa kanaan nu haleelaa jira jennee amanna. Kanaafuu, baqataan Oromoo Cairo keessa jirus tahee kan addunyaa irraa martuu, harka tokko taanee haleellaa diinni karaa adda adaatiin nurratti aggaammataa jiru akka waloon fashalsinu waamicha Oromummaa dabarsina.
Injifannoo Ummata Oromoof !
No comments:
Post a Comment