Hogganni Ol-Aanaa EPRDF/TPLF Abbooy Tsahaye Jechoota Jajjaboon Uumata Oromoo fi Garee Ofiin Bulchan OPDO Arrrabse
Sirna mootummaa Wayyaanee hundeen buqqisuuf walcina dhaabbatnee mirga keenyaa fi eenyummaa keenya kabachiifachuuf harka walqabatnee wayyaanee irratti FDG itti fufinsa qabuu haa gaggeessinu. Oromoo qe’ee kee irratti, qabeenyaadhuma kee irratti diinni lokkofsa hin guutne qaawwee dahoo godhatee jecha ilma namaa irraa hin eegamneen sii arrabsuu fi uummata guddaa kana sii tuffachuun wayyaaneef kufaatii isa dhumaa ta’uu qaba.
Jaarmiyaalee qabsoo bilisummaa Oromoo hundaaf Wayyaanee waliin karaa nagaa qabsaa’uu fi jiraachuun tasumaa akka hin danda’amne jarmiyaaleen qabsoo bilisummaa Oromoo beekuu fi hubachuu qabu! Wayyaaneen hardha maqaa dimookiraasii sobaa fi filmaata dharaa gaggeessuuf dhaadachaa jiruu kaleessaa fi hardha uummaata Oromoo karaa nagaa fi dimookiraasii gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa gaafachaa jiruu julmaan ajjeesuun yakka ‘Genocide’ Oromoo irratti gaggeessa jira, ilmaan Oromoo kumoota dhibbaan lakka’aman hidhatti guuree darara jira, barattoota Oromoo qalama malee homaa of harkaa hin qabne rasasaan tumee ajjeesaa jira, barnoota irraa ari’achaa jira, Oromoo tuffachuun jecha ilma namaa irraa hin eegamneen Oromoo arrabsaa jira, Oromoon kana hundaa utuu arguu Wayyaanee waliin jiraachuun yakka seenaan dhiifama gochuufii hin dandeenye keessa seenuudha. Kanaafuu, uummatni Oromoo fi Jaarmiyaaleen Siyaasa Oromoo wal-hubachuun mirga Oromoo kabachiisuuf gara dirree FDGtti akka makamtan Qeerroon Bilisummaa Oromoo waamicha dabarsa.
No comments:
Post a Comment