SEENAA Y.G(2005) | Fulbaana 1, 2014
Addunyaan keessa jiraannu kun, irra jireessa Seenaa Abbooti Biyyaa
Saamanii kan kooti jechuun waan nu dursaniif malee, Itoophiyaanis taatu
Addunyaan biraa akka nu duuba jiran ragaalee hedduu tarrisuu dandeenya.
Har’a Gabrummaa jala waan jirruuf, haqa kana fudhachiisuun ni ulfaata
ta’a. Gaafa jabaannee humna taanee garuu addunyaan waan har’a aguugdee
irra teesse kana ifa baasuun waan hin hafne. Gadaa nuuti waraqaa fi
Maanguddoota keenya irraa dhaga’uun ala hojiin hin mul’ifne ykn,
Beektoonni keenyas baratanii ittiin eebbifamuu malee, hanga har’atti
Gadaan akkamiin hojii irra akka ooluu danda’u qorannoo gaggeessanii
dhalootaaf dhiheessuu dadhaban kun, Dimokiraasii Ameerikaa har’aaf
ka’umsa ta’uu isaa , Gola-hambaa yk Muziyeemiin Ameerikaa keessaa adda
addaa , waan Oromoo addatti Booranaa keessaa guurame hedduu akka qaban,
warri carraa argatanii ijaan argan ni dubbatu.
Biyyi yk Ummati Walabummaaf of qopheessu tokko, ega Walaboomee booda
miti waan Biyya isaa keessatti ijaarrachuuf deemu yk barbaadu qorachuu
kan eegalu. Walabummaa booda isa har’a Gabrummaa jalaa ba’uuf
tattaaffannu caalaa hojiilee jajjabduutu nu eeggata. Walbummaa keenya
kana mirkaneessuuf waan itti qophoofnu hedduutu jira. Humnaanu Biyya
keenya dhuunfannu , Qabsoon Wlabummaa keenya addunyaa fudhachiisuuf nu
eeggatu lakkoofsa hin qabu. Ragaalee walitti qabachuun, waan addunyaa
irratti ittiin falamannu qopheeffachuun, waan gaafataman sirreeffachuun
kkf, har’a kan nutti hin mul’annee, dhiheenya keenyatti argannu, yeroo
yeroon isaa ga’u of biraa dhabnu hedduutu jira. addatti beektoonni
keenya Dirree siyaasaa irratti wal qabuu irra, hojiilee suduudaan isaan
ilaallatan ammumaa gurmaa’aanii fixachuu, ragaalee guurrachuu , hojiilee
Dippilomaasii gaggeessuu, waan Ummati kun dur qaba jedhamu kana hundaa
walitti fidanii, waan fooyyaa’uu qabu fooyyeessanii, Baraa fi Dhaloota
kana waliin akka deemutti qopheessuun Abshaalummaadha. Mata duree kana
irratti bal’inaan waan itti qophaa’een qabaa yeroo biraa itti deebi’a.
qoodi hojii odoo jiraatee Mooraa qabsoo illee tasgabbeessuu danda’a
jedhee waan yaaduuf.
Ummati Oromoo Gabrummaan dura akkuma Gadaan hundee Tokkummaa isaa ta’ee beekamutti “AYYAANNI IRREECHAA”s
mallattoo Tokkummaa Ummatichaa akka ta’ee , kanneen seenaa Ummata kanaa
akka gaaritti beekan addunyaa irratti katabanii ragaa ba’aniiru.
Mootootii Biyya isaaniif fakkeenyummaa keenya kaasanii gorsaa turuu ,
Gola hambaa Biyyootaa fi Yunivarstiilee addunyaa irraa bebbeekamootu of
keessatti dhokfatee, bara jabaannee nu dubbachuuf eegaa jiru.
Amantiileen Addunyaa dhunfatanii jiran kanneen dachee Oromotti osoo hin
dhufiin Waaqeffannaan akka turee fi Amantiin Addunyaa kana irra jiru
hundi Oromiyaa ega seenee illee , Ummati Oromoo , IRREECHA
akka Mallattoo tokkummaa isaatti fudhatee hanga har’aatti waliin Guyyaa
Galataa kana kabajachaa jiraachuu ragaa kan ba’an lakkoofsa hin qaban.
Irreechi Guyyaa Waaqa itti Galateeffatan. Guyyaan kun Warra Irreecha
dhabamsiisuuf waggoota dheeraaf ifaajjan biratti hin beekamu. Oromoon
isaan waliin jiraatu GUYYAA GALATAA jedhee yennaa
kabajatu, warra mukattii sagaduu jedhanii isa balaaleffatu.
Balaaleffachuu irra dabree hidhaa fi ajjeesaa turan. Addunyaan Oromoo
booda dhiheenya kanaa kaaftee Guyyaa Galataa jettee yennaa xibaartu
ammoo, amma danda’an lallabaniifii ibsafaa itti kennuu barbaadu. Waan
maraafuu kan beekaa rafe ,,,, isa jedhan waan ta’eef qalbii isaaniif haa
laatu jechuun ala waan jennuun hin qabnu. Fakkeenyaaf Guyyaa jaalalaa
kan jedhan addunyaan akka haaraatti faarsiti. Nuuti garuu maqaa adda
addaa Godinaalee keenya keessatti haa qabaatu malee Baatiin Birraa
Oromoo biratti waan addunyaan akka haaraatti faarsitu kanaan beekama.
Addunyaan biqiltuu itti dhaabanii fi naannoo kunuunsan jettee Doolaara
Biliyoonaan ittin saaman, Oromoon garuu muka muruuf seera mataa isaa
umama isaa kaasee qaba . Addunyaan har’a Guyyaa hundaa, guyyaa fayyaa ,
guyyaa maanguddoo, guyyaa dubartii, guyyaa daa’immanii kkf jettee reefuu
ramadaa jirti. Biyyoota hedduutti ega eegalamees Umuriin dargaggeessa
tokko hin caalu. Oromoo biratti garuu Guyyaan 30 maqaa mataa isaa fi
hiikkaa mataa isaa qaba. waa hedduu kaasuu dandeenya. Nuumatu dhimma
keenya dhimma addunyaa gochuuf hin tattaafannu malee, ykn Seenummaa
isaatti qofaa daangeessinee teenye gaabbiin dhumna malee, waan irratti
hojjatamu qabu lakkoofsa hin qabu jechuufan kaasee.
Irreecha waggoota 20 asitti kabajamaa jiru ilaalchisee beektoonni
Biyya alaas ta’ee , Ummati keenya yaada nama jajjabeessu heddu kennee
jira. Irreechi Guyyaa Galataa irra dabree hiikkaa ykn Kaayyoo jajjabaa
kan biraas ni qabaata.waaqayyoo guyyaa kanaaf isa ga’ee ni
galateeffatan. Hegareef illee akka karaa qajeelchuuf dhaammatan.
Mallattoo Tokkummaa saba kanaa ta’uu isaa fi Tokkummaa saba kanaa
jabeessuuf qooda ofii akka gumaachan kakuu haarofatan, garaa qulqulluu
wal eebbisan, hammeenya wal irratti hojjatan waliif dhiisan, garaatti
hammeenyaa fi quuqqaa qabaachaa wal hin eebbisan, Malkaa nu’uun dura
waan kana fixatan, Gadaa fi Miraga Abbaa Biyyummaa Oromoof kabachiisuuf
waadaa seenan, waaqinillee akka gargaaruuf kadhatan, Maanguddoof Umurii,
Ga’eessaaf qalbii, Dargaggeessaaf Gootummaa, Ijoolleef guddachuu itti
hawwanii eebbisan. Ebbi kun garaa qulqullun yoo ta’ee qabachuu dubbatan.
Kun Iccitti muraasa Guyyaa Glataa kana keessa jiru Bara gugguffannaa
kana keessa hin guuttatan. Irrumaa barachaa dhaloota Guutuu ta’uu
uummachuuf hojjatan.
Irreechi kan Oromooti . dhimma Oromooti. Dhimma nama dhuunfaa miti.
dhimma beektootaa ykn Namoota siyaasaa ykn dhaabbilee siyaasaa qofaa
miti. waldaalee adda addaa qofaas miti. qaamoon kanneen , Irreecha kana
bakkatti deebisuuf , ykn addunyaatti beeksiisuuf hojjachuu danda’u.
yennaa hojjatanis, kan Oromoo ta’uutti labsanii Ummaticha illee ittiin
beeksisan. Kanaaf, Irreecha Mallattoo Tokkummaa keenyaa ta’uu
mirkaneessuuf gama hundaa walitti dhufanii fi wal Afeeranii kabajuun ,
Dimokiraasiin nuuf Aadaa malee kan addunyaan jettu kana akka hin taane
mirkaneeffannee, Addunyaatti of beeksiisuun ni dada’ama jedheen amana.
Fincila diddaa Gabrummaa Biyya keessaa 2014 ilaachisee Abbootiin Amatii
adda addaa HIRIIRA DEEGGARSAA fi gocha wayyaanee balaaleffachuu irratti Biyyoota alaatti argamanii akkuma qooda isaanii gumaachan, IRREECHA BARANAA
irratti hirmaatanii Tokkummaa Ummata kanaaf lallaba dhageesisuun nu
jabeessa malee nu hin laaffisu. Gama Siyaasaan kan jirrus, waan
tokkummaa keenya mamii keessa hin galchine irratti waliin dhaabbachuun
akka waliif naatoo qabaannu nu taasisee hegaree keenya waliin
qajeelchuuf nu gargaaruun ala badii tokkollee hin qabaatu. Guyyaa waaqa
itti galateeffatan qofaa waan ta’eef.
Dubbiin heddummaateef maalitti hin fe’anii jedhama. Lammiileen keenya
addatti Dargaggoonni Bara 2014 kana Fincila Diddaa Gabrummaa irratti
wareegaman irra jireessi isaanii Aadaa fi Seenaa Oromoof kabajaa guddaa
kan qaban, IRREECHA OROMIYAA keessatti babal’isanii
Tokkummaa Ummatichaa akka sibiilaa jabeessuuf kan hojjataa turan
heddummiinaan keessatti argaman. Kaayyoo isaanii kana Galmaan ga’uuf
waadaa keenya illee kan itti haaromsinu haa ta’u. waan ofii keenyaa
addunyaatti nu beeksisuu danda’an katabuu fi barachuu, akkasumas ittiin
eebbifamuu qofaa odoo hin taanee, hojii irra oolchuuf irratti haa
hojjannu. Kana hojjachuuf ilaalchi siyaasaa kkf nu daangeessu jedhee hin
amanu. Seenaa, Aadaa, fi duudhaa Oromoo keessa jiru katabuu fi argaa
dhageettin dhaloota lama dabarsinee jirra. Walii dabarsuu kana keessa
waan itti dabalamuu fi hir’atu hedduun jiraachuu ni mala. Kanaaf
akkaataa dhalooti itti aanu illee ittin jiraatu irratti haa
hojjannu.Addunyaa irratti saba Seenaan isaa qofti dubbatamu taanee
hafnaa ? IRREECHII 2014 KAN MILKII NUUF HAA TA’U ! KAN DABE ITTI
QAJEELEE , OFITTUMMAAN ITTI DHABAMEE, FEDHIIN ILMAAN OROMOO ITTI
QAJEELU HAA TA’U. GADAAN QUUFAA FI GABBINA.
GALATOOMAA !
HORAA BULAA !
No comments:
Post a Comment