Thursday, 26 December 2013

Dhufnee Dabarra Moo Boqonnaa Jireenya Gabrummaa Cufnee Dabarra ???

Yaa Rabbi Situ Beeka Murtii ,
Wanti Dhuftee Hin Dabarre Eecha Jirti ?
Kan armaan olii kun sirba aadaa Oromoo keessaa fudhatame. Waa’ee bara 2013 kan dhufee dabruuf dhihaatee fi waa’ee tahiinsa ‘event’ guddaa bara kanaa (Du’a Mandeellaa) osoon yaaduun waa’ee sirba kanaa yaadadhe. Kanumatu barruu kana akkan barreessus na dhidhiibe. Oromoon rakkina keessa jiraachuu isaa fi rakkinni kun ammoo dabruun isaa akka hin oolle abdii qabu ibsachuuf sirba kana sirbe fakkaata. Hiikkaan sirbichaa, Waaqayyo isa waan hundumaa uume malee uumamni hundi dhufeetuma dabra ykn. kan bara baraan itti fufee jiraatu hin jiru jechuu fi achumaanis rakkina harkaa nu qabuuf ammoo murtiima Waaqayyoo eegganna, hanga inni waan nutti fide kana nu irraa dabarsutti akka jechuu fakkaata. Ani amma waa’ee sirba kanaa barreessuuf hin kaane. Yeroon sirba kanaa fi waan isa kana fafakkaatan kan biroo dhagahu wanti natti dhagahamu waan jiruuf isaan wal qabsiisee bakka na nyanyaattu hooqqachuuf malee.
Uumama Waaqayyo lafa kana irratti uume keessaa tokko shanyii namaa ti. “Nama”    Namni uumama keessaa tokko haa tahu malee waan ittiin uumama kaan irraa adda tahe hedduu qaba. Waaqayyos yeruma jalqaba uumama hunda (namas dabalee) uumu namni uumama hunda irratti abboomuuf aangoo guutuu akka qabaatu godheeti uume jedhama. Fakkeenyaaf akka macaafa amantii kiristaanaa kan “Macaafa Qulqulluu/Holy Bible” jedhamu keessatti ibsametti akkas jedha. “Then God said, Let us make man in our image, after our likeness; and let them have dominion over the fish of the sea, and over the birds of the air, and over the cattle, and over all the earth, and over every creeping thing that creeps upon the earth.” The Holy Bible (Genesis I:26)
Waan taheef dhalli namaa akka uumamni warri kaan, Fakkeenyaaf, mukkeen/biqiltuulee fi horiinfaan dhalatanii ykn. biqilanii guddatanii dhalanii ykn. firii harcaafatanii/dabarfatanii qofa dabranitti dhufeetuma jiraatee shanyii qofa dabarfatee hin dabru. Akkasiifis hin uumamne. Mirgaa fi aangoo uumamaan ganamuma badhaafametti gargaaramee hanga lubbuudhaan jirutti haala jireenya uumama warra kaanii fi kan ofii isaa irrattis yeroo yerootti jijjiirama adda addaa argamsiisaa (Kaan tolchaa kaan balleessaa) jiraata.
Yeroo sirba aadaa keenyaa isa ani jalqaba irratti tuqe sana sirbinu tarii Waaqayyoo miidhaa namootuma akka keenyaatiin nu irra geessifamufaa nu irraa hambisuuf dhufee lafa kana irratti murtii nuuf kenna jennee isuma qofa eegna yoo tahe hedduu dogoggorree jirra. Inni (Waaqayyo) inumaayyuu nu warra afaan amma ani ittiin barreessu kana dubbannuuf akka looguu tahe jedhamee yoo warra biraatiin komatamefaa malee nuti waan nutti hir’ise jennee isa komannu hin qabnu. Lafa jiituu/badhaatuu irratti nu uumee qomoo keenya illee guddise. Qaamaa fi fayyaa guutuus nuuf kenne. Inumaa Waaqayyo osoo hojii isaa keessa bakki wayyeessa feesistu yoo jiraatte wal qixxeessuuf jedhee nutti gadi dhufee, waan nu irraa xiqqeessee warra biraaf qoodu malee waan isinitti hanqate jedhee nuuf dabalu arga natti hin fakkaatu. Kanaaf nuti Waaqayyoon galateeffachuu fi “Waan nuuf Kennite Nu Irratti Irraanfadhu! Kennitee Hin Gaabbin!”  yoo jennefaa malee waan kadhaa biraatiin isa cinqinuuf hin qabaannu. Sirbumti aadaa keenyaa kan olitti tuqame sunuu osoo akka armaan gadii kana tahee jiraatee ykn. akkasitti wayyeeffamee caalaatti haala keenya ibsa. Nurraahis bareeda. Waaqayyoonis gammachiisna turre jedhanii kanneen yaada dhiheessan jiru.
Yaa Rabbi Fixxeerta Murtii ,
Kan Hafte Harka Keenya Keecha Jirti.
Egaa, Barri 2013 akkuma baroota isa dura turanii dhufee dabruuf kunoo guyyoota muraasatu hafan. Dalagaan baraa (yeroo) kanuma. Dhufeetuma dabruu dha. Itti dalagachuu fi dhiisuun kan abbaa ti. Bara kana keessa nama guddaa Addunyaan kun Jaarraa tokkoof qabaattetu du’aan addunyaa kana irraa boqote. Rolihlahla ykn. Mandeellaa ykn. Maadiibaa. Namni kun foonii fi lafeen isaa hafuuraan gar-gar bahee akkuma kan nama kaanii haa awwaalamu malee, inni akka nama kaaniitti Dhufee Hin Dabarre. Boqonnaa Seenaa Jireenya Gabrummaa kan Ummata Gurraacha Africa Kibbaa cufee dabre. Ummatoota Addunyaa kanaa hundumaafis fakkeenyaa fi barnoota guddaa kan baroota itti aanan hedduudhaaf seenaan isaa hin moofofne dhiisee dabre.
Kan akka keenya har’a illee jireenya gabrummaa (bittaa alagaa) jala jiru, akka ummataattis tahe akka nam-tokkeettis eenyummaa Mandeellaa irraa waan hedduu barachuu qaba. Keessattuu hoogganootni jaarmayoota siyaasaa Oromoo fi qabsaawotni hundi. Sadoo fi qananii jireenyaa, aangoo dhuunfaas tahe kan murnaa ykn. gosaa caalaatti dantaa Saba Oromoof waan hundumaa olitti bakka guddaa kennineefii galma gahiinsa QBOtiif waan hundumaa keenya yoo wareegne gufuulee qabsoo warra hafan injifachuun hedduu salphaa dha. Maddi jabina Mandeellaa inni guddaan sadoo/qananii jireenya dhuunfaa isaa guutuutti wareeguu irraa jalqaba. Gamnummaa, beekumsa, obsaa fi bilchina qabutti dhimma bahee murni/jaarmayaan isaas akka jaarmayaatti waan guddaa fi furtuu tahe argachuuf jecha wanneen xixiqqaa hedduu akka wareegu taasisuu bira taree, Ummatni Gurraachi Africa Kibbaatis mirga isa mirgoota hundumaaf furtuu tahe harkatti galfachuuf jecha wanneen sanaa gadii hedduu akka wareegu taasisuu danda’e. Mandeellaan seenaa qabsoo bilisummaa Ummata Gurraacha Africa Kibbaa keessatti dhiibbaa fi dhageeytii guddaa hangana gahu qabaachuu kan danda’een akkuman olitti ibse jireenya isaa wareegee warraaqxummaa dhugaatiif fakkeenya tahuu waan danda’eefi.
Yeroo waan Mandeellaa dubbannu, barnoota/beekumsa, gamnummaa dhalootaa, obsaa fi warraaqxummaa nama tokkoo (Mandeellaa) tu kophuma isaatti qabsoo bilisummaa Ummatichaa fiixaan baasuu danda’e jechuu akka hin taane beekamaa dha. Walter Sisulu, Govan Mbeki, Steve Biko,  Oliver Tambo,  Lilian Ngoyi, Desmond Tutu, Mariam Makeba Winnie Madikizela Mandela…fi kkf hedduu dabalatee wareegamaa fi qooda mumul’ataa sadarkaa fi fuula hojii qabsoo adda addaa keessatti qabsaawotni ilmaan Ummatichaa gumaachanii fi akka waliigalaattis sochii Ummatni gurraachi Africa Kibbaa kan abbaa qabsichaa tahe biyya keessaa fi biyya alaatti qabsaawota ilmaan isaa cinaa cichoominaan dhaabbachuudhaan taasise hundaatu walitti cuunfamee seenaa sana dalage. Mandeellaa fi hiriyoota/jaallan isaatiifis hamilee fi jajjabina kennee akka kaayyoo isaanii irratti cichanii dhaabbatanii maayyii milkaawan kan taasise dhugaa kana. Hoogganoota qabsoo sabaa kanneen dhugumaan of kennanii warraaqxummaa dhugaatiin qabsoo gaggeessan cinaatti qoodni tokkoon tokkoon miseensota/qabsaawota hundaa fi akka waliigalaatti dammaqiinsaa fi hirmaannaan Ummaticha Abbaa Qabsoo taheetis hundi yoo gahaatti jiraatee fi wal utube qofa karaan qabsoo gabaabbata jechuuf kana kaasna.  Hubannaa kana irra dhaabbachuudhaan gaaffiilee armaan gadii of gaafachuun barbaachisaa dha:
  1. Sabni keenya (Oromoon) qabsaawotaa fi hoogganoota qabsoo bilisummaa kanneen dhugumaan qabsichaaf of kennan hagam qabaachaa turee? Hangamis qabaachaa jira?
  2. Kanneen akkasii cina dhaabbannee qabsoo bilisummaa ummata keenyaa daran jabeessuu fi galii keenya dhaqqabuuf qooda nu irraa eegamu hangam gumaachine? Hirmaannaa hagamii qabaachaa jirra?
  3. Kanneen wareegaman, Kanneen diina harka bu’anii hidhaa keessatti dararamaa jiran, Kanneen hidhaa diinaa keessatti qabaa bineensummaa diinaatiin ajjeefaman….wkf. meeqa beekna. Deebisaa/Reaction akkamii qabaanneef, hangamis waan akkasii hordofaa jirra?
  4. Maalummaa fi gatii Bilisummaa hangam beekna? Maalummaa Qabsoo Bilisummaa fi qooda sanaaf nu irraa eegamu ilaalchisee hoo dammaqiinsaa fi hubannoon keenya hagamii fi kan akkamii ti?
  5. Meeqan keenyatu akka waan Bilisummaa Oromoo fiduudhaaf qaama/murna addatti miindeffamee achi nu irraa bahe kan akka ‘Contractors’ qabnuu fi inni sun ergama isaa bahachuu hanqatee (galfata nyaatee nu hoongesseetti) hubachuudhaan namootaa fi murna haga tokko irratti gungummii, alaan’alaa fi olola diigaa oofuu qofa hojii godhachaa akka turree fi jirru beeknaa?
  6. Walumaagala Bilisummaa Ummata Keenyaa dhugoomsuuf maaltu mala? Ana irraa akka “Namaa” fi akka ilmoo Oromoo tokkotti maaltu eegama? Jennee kan of gaafannuu fi gaafatamni seenaa kan nutti dhagahamu meeqa taana?
Gaaffiilee akkanaa kanneen of gaafannee deebisaa malu erga ofiif kenninee booda gara waan “Dhufee Dabruu” keenyaatti haa deebinu. Wanneen dhufanii dabran keessaa inni guddaan tokko yeroo dha. Kunoo akkuma barri 2013 dabree 2014 seenuuf/dhufuuf deemu kana. Halkanii fi guyyaa, bonaa fi ganna….kkf. Isaan keessaa kan Waaqa itti kadhatan balaa uumamaa kan akka caamaa/hongee, rooba hamaa, bubbee hamaa…..kkf. hedduun ni jiru. Rakkinaa fi roorroo namni akka ofii nama irraan gahu garuu, abbumaatu of irraa dhorka ykn. qolatee of irra dabarsa malee waaqni itti hin gaafatamu. Fakkeenya salphaa fudhachuuf, mataan Wayyaanee kan miidhaa waggoota 20 oliif ummata keenya irra gaheef sadarkaa duraatti silaa itti gaafatamu (Mallas Zeenaawwii) dhufee waan barbaade nu irratti dalagee dabreera ykn. du’a isaaf male jalaa miliqeera. Yeroo sana namticha gocha diinummaa hamaa ummata keenya irratti raaw’ate sana waan nu irraa dabarseef kan Waaqa galateeffanne hedduu dha. Garuu namticha tokkicha sanatu dabre malee miidhaan inni geessisaa ture namoota biraatiin itti fufee geessifamaa jira. Hanga nuti xiiqii namummaatiin hadhoofnee sossoonee of irraa dabarsinuttis sun ittuma fufa.
Roorroo nama akka keenyaatiin nu irra gahu of irraa dhaabnee jireenya ummata keenyaa jijjiiruudhaan boqonnaa seenaa haaraa banuu akka dandeenyuuf dura akka namaatti of ilaallee ulaagaa namummaan gaafatu guuttachuuf murannoo fi xiiqiidhaan hojjechuu qabna. Akkuman olitti ibse, namni akkuma uumama kaanii (akkuma biqiltuulee fi horii) dhalatee guddatee ilmoo ykn. shanyii dabarfatee dabruu qofaaf hin uumamne. Yoo sanaaf taate dhala namaa caalaa booyyeetu irra jabinaan faarfamuu qaba. Firii hormaataa al-takka achi dhukaasuun ilmoolee sagal (9) kan lafa naqu.
Guddinaa fi badhaadhinni, sadoo fi qananiin jireenyaa bakka nagaan hin jirretti hin yaadamu. Nageenyi waaraan ammoo bilisummaa malee abjuu dha. Bilisummaa guutuun ammoo biyya ofii qofa irratti argama. Kanaaf yoo sammuu namummaatiin kan yaadnu taate, biyya teenya harkatti galfannee bilisummaa ummata keenyaa mirkaneessuuf hundaa olitti dursa kenninee hojjechuu fi sanaaf wareegama inni nu gaafatu hunda baasuuf of kennuu caalaa mul’atni biraa nuti qabaachuu dandeenyu hin jiraatu. Haalli yeroo ammaan tanaa ilmaan Saba keenyaa kan hiyyummaa fi gidiraa jireenya gabrummaa jalaa dheessanii baqattummaadhaan biyya Sa’ud Arabia jiraachaa turan mudachaa jiru fakkaattota isaanii kanneen Awroppaa fi America dabalatee Addunyaa tana biyya tamuu keessa jiran hin mudatu jedhanii of gowwoomsuun hin feesisu. “Ilti/Iji gaara duubatti waa hin argine tan of keessaa baasanii gatani.” Jedha mammaaksi abbootii keenyaa tokko. Lakkuma umriin bittaa alagaa (gabrummaa) dabalaa deemuun akka nam-tokkee fi akka Sabaattis haalli nu mudachuu malu hanga tilmaamuu dandeenyu caalaa yaaddessaa tahuu akka danda’u beekanii falachuun gamnummaa dha.
Kana hundaafuu, Akkuma halkanii fi guyyaa, akkuma booyyee fi jaldeessaa, akkuma harbuu fi waddeessaa Dhufnee Dabarra moo duuba, akka Namaa xiiqii fi seexaa namummaatiin guutamnee waan nu duubatti hafee jiraatu kan hin duunee fi hin dabarre (Seenaa Boonsaa) hojjechuudhaan  boqonnaa jireenya gabrummaa Ummata keenyaa Cufnee Dabarra? Gaaffiin jettu gaaffii dargaggeessaa fi dargaggeettii Oromoo har’aa tahuu qabdi ! Bara Haaraya as deemu kana (2014) gaaffii kanaan simannee itti haa dalagannu! jechaa, gorsa gabaabduu asitti aantu, tanin walaloo qabsaawota Africa Kibbaa durii keessaa muree fudhadheenin yaada kiyya goolaba.

No comments:

Post a Comment