Taammanaa Bitimaa irraa*
Dubbiftoota barreeffama kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, waan hunda durseen barri haaraa kun bara nagaa fi bara badhaadhinaa akka isinii tahuuf cimsee isiniif hawwa! Bara dabre kana keessa qabsoo fi diddaan ijoolleen Oromoo, Oromiyaa guutuu irraa ka’uun gooteen uummanni Oromoo fi Oromiyaan uummatoota addunyaa biratti beekamaniiti jiru. Bineensummaa Wayyaanotaa irraa kan ka’e dhalawwan Oromoo hedduun gorra’amnii, kaan manneen hidhaatti guuramanii, kaan immoo manneen barumsaa fi unibarsiitota irraa hariyamanii, kaan achi-buuteen isaanituu dhabamee jira. Nuti Oromoonni biyyootambaa keessa jirru, bakka jirru maratti hiriira bawuun, marii addaddaa waamuun, kurfiiwwan garagaraa kurfeessuun ijoollee teenya fi biyya keenya cinaa dhaabannee jirra. Ee, dhiiga fi lafee, imimmaani fi madaa ijoollee Oromootiin Oromiyaan teenya qalbii fi sammuu uummatoota addunyaa keessa turte. Barri inni amma seene kunis bara Oromoo fi kan Oromiyaa akka tahu cimsee abdatama.
Bara dabre kana, bara 2014 irraa kaasee eenyumtu uummataa fi saba Oromoo akka duriitti jilbeeffachisetoo bituu gonkumaa hin dandayu. Baay’inni meeshaa waraanaa, balaliyaan waraanaa samii irraa summii gadi-roobsu, taankiin gangalatee margaa-mukaa, sa’aa-namaa hurreessu uummata Oromoo tokkoomee haqaa fi mirga uumaan qabuuf oljedhe kana, duubatti deebisuu hin dandayu. Akkuma dhiigni magaalaa Soweetoo sun bilisummaa uummata Afrikaa Kibbaatiif gumaache san dhiigni ijoollee Oromoo Oromiyaa guutuu irratti lolaye kun bilisummaa fi walabummaa Oromiyaatiif sonaan gumaacha taha. Amma irraa kaasee, Oromoon hundi: “BILISUMMAA OROMIYAA YOOKAAN DU’A” jechaa garuma fuulduraatti tarkaanfata. Uummata Oromoo du’aaf qopphaaye kana wanni duubatti isa deebisuu gonkumaa hin argamu.
Ginni-bittee Habashaa uummata Oromootti ba’aa inni baatee deemuu hin dandeenye itti-fe’aa jira. Warri Wayyaanee karaa tokkoon, warri nafxanyoota moofaa karaa kaaniin uummanni Oromoo, eeyyee kitilli 46 kun waltuhuun akka finciluuf kakaasaa jiru. Jarreen kun uummata Oromoo irratti harqoota gabrummaa jabeessuu, madaa isaatti eeboo fi qoree nannaquu irra jiru. Jarreen sammuu fi safuu ilmoo namaatiin qullaa tahan kun kana gochuun waan qabsoo Oromoo laaffisu, itti-fakkaata. Oftuulummaa fi sanyummaan waan ijjeen isaanii jaamseef, homaayyuu arguu hin dandeenye. Wayyaanonni harka laateef nyaatan kun uummata Oromoo isa oggaa ginne-bittee Amaaraa, beelaan isaan harcaase san afaanii of-fuudhee oldabarseef san akkuma dachee Oromiyaa irra miilli isaanii ijjateen akka diina isaanii isa tokkoffaatti ilaaluu jalqabani. Maali jeneraalli isaanii sunuu: “manneen hidhaa Afaan Oromoo dubbatu” jedhee mitii? Bara Minilik naazichaa sanillee, bara Dargii dhiiga-xuuxaa saniillee manneen hidhaa akkanatti Biyya Oromoo keessatti heddumminaan hin ijaaramne. Oromoonni akkanatti biyyaa ofii irraa baqachuun addunyaa keessatti faffacayanii hin argamne. Laggeeni fi harawwan Oromiyaa akkanatti summeeffamnii hin beekani. Qotee-bulaan Oromoo akkanatti qeyee isaa irraa buqqifamee hin beeku. Minilikii fi Raas Dargeen harkaa fi harma Oromoo mummuratan sunillee araddaadhuma isaa irratti gabbaarii isa godhatan malee, akka Wayyaanotaatti qeyee isaa irra akkanatti hedduminaa hin buqqifne.
Raajii Waaqaa, safuu namaa Wayyaanonni kun, isaan bara ifaa bardhibbee 21-ffaa keessatti argaman, gita-bittee Amaaraa, Minilikii fi Raas Dargee faa isaan bara dukkanaa san, birdhibbee 19-ffaa keessa waan ilmoon namaa ilmoo namaa irratti adeemsisuu hin dandeenye san godhan wajjin akka walbira qabneetoo ilaalluuf nu dirqisiisaa jiru. Waraabeyyiin warra Wayyaanee isaan Gaara Suufii irratti intala Oromoo, mucayyoo waggaa 14 nyaatan sun kunoo amma Oromiyaa mara keessaa nu ciccirachuuf yuusaa jiru. Warreen gara bineeyyiitti of-jijjiiran kana tokkoomnee akka ilmoo namaatti dura goruu malee, harka walqabanee qabsoo bilisummaa keenyaa fiinsuu malee, filmaata biraa tokkoyyuu hin qabnu. Bosonni Oromiyaa baldhaa-dhaa, gaarrenii fi laggeen Oromiyaa danuu-dhaa, nuti Oromoonnis akkanuma danuu-dhaa tokkummaa keenya akka sibiilaatti jabeeffannee bakka jirru cufa irraa olkaanaan eenyumtuu nu dura ijaajjuu hin dandayu. Kan deemnuuuf jara humna qawwee ibiddaatiin biyya keenya qabatee nus, biyya keenyas ibiddaan waxalaa jiru kana ofirraa kaasufi malee, mirgaa fi haqa warreen biroo tokkollee tuquufii miti. Nuti kan deemnuuf, mirgaa fi haqa kan addaa tahe wayiitii otoo hin taane, mirga fi haqa ilmoon namaa cufti, uummannii fi sabni cufti qabuuf, waan taheef mararfannoo fi eebbi ilmoo nama marti nu bira jira. WAAQNI guddichii fi ayyaanonni inni uume hundi waan nu bira jiraniif, mowuun keenya kan gaafii keessa galuu miti!
Duris, hardhas kan diina nutti tahe qabeenya fi leecalloo keenya. Duris Minilikii fi Raas Daargeen faa kan harma hadholii teenyaa, harka abbootii keenyaa cicciratan, ija ijoollee teenyaa bubuqqifatan dachee Oromiyaa gabbattu Waaqni gabbisee nu badhaase tana qabatanii, nummoo gabra taasifatanii, nu qochisiifatanii siree irra ciisanii sooramuufi. Jarri takkaa kopheellee keewwatanii hin beekne, jarri bututtuu malee bullukkoo fi kumala faa uuffatanii hin beene biyya keenya qawwee Faranjii irraa maqaa Kiristaanummaa isaanitiin argatan saniin qabatan gooftolii nutti tahanii kun waggaalee 140 mataa keenya irraa taa’aa jiru. Kunoo, bara akkaan dheera kana keessa, waggaalee baay’ee kana keessa: kan qotuuf, kan loluuf, kan barreesseefii afaan isaani guddisu, kan fiigee addunyaatti isaan beeksisu numa Oromoota. Oggaa diinni hamaan akka Xaaliyaanii isanittis, nuttis dhufe sanis kan isaan irraa ittisee deebise numa Oromoota. Wanneen gaggaariin nuti isaaniif hin goone hin jiru. Garuu, wanneen hamoon isaan nu irratti hin goone hin argamu. “Amma gayeen gayee dhaa, nu irraa bu’aatii of-dandayaatii miila keessan lamaanii dhaabaddhaa” jenneenii jirra. Qabeenya keenya saammatanii manneenii fi afaan ofii guddifatu. Isaan haaraan kun immoo, warri Waayyaanee muktii fi kursiinillee otoo hin hafin, saammachuun Tigraay isaanii san ijaarratu.
Amma qabeenyi Oromiyaa kun uummata Oromootii oolu qaba. Oromiyaa keessatti Finfinnee Shaggar otoo hin hafin, afaan hojii fi afaan balaqqeessaa Afaan Oromoo tahuu qaba. Amma waan ijoolleen Oromoo Afaan Qawween nutti fe’ame, Afaan Amaaraa barattuuf sababni wayiituu hin jiru. Nuti kan barannuu kutaa tokkoffaa irra hamma unibarsitiitii Afaan Oromootiin tahuu qaba. Sana irratti Afaan addunyaalessaa, Afaan ingilizii ni baranna. Amma maal tahuuf, maal gocuuf afaan qawween nutti dhufe kana, afaan qawwee nutti qabamee baranna? Qabeenyi fi leecalloon Oromoo afaan qawwee kanaaf ooluu, gara afaan nagaatti, Afaan Oromootti deebiyuu qaba. Dhaloonni Qubee daggalraasaan kun dubbii tana sirriitti qalbeeffachuun duukaa-bu’uu qaba. Afaan Oromoo, Afaan Oromoo, Oromiyaa keessatti bakka hallettuu Afaan Oromoo!
Dhuma irratti wannin hedduu jabeessee Oromoota mara yaadachiisuu fudhu, waayee tokkummaa keenyaa ti. Uummanni baldhaan kun karaa hundumaa waltahuun tarkaanfachuu qaba. Uummanni Oromoo karaa maraan, bakka maratti ijaaramee, inni ijaaramee immoo walitti qindoomee, karaa maraan hidhatee, wal -hindachiisee tokkoomee gaafa oljedhe, humni isa cabsuu dandayu hin argamu. Kanaaf, mee bakka jirru hundattuu jabaannee wal haa jabeessinu! Iyya harmee Oromiyaa dhageenyee wal haa dhageessifnu!
No comments:
Post a Comment