Caalaa Haahiluu irraa
Yaada akkas garaa nama gahu kanaan haayyoonni Oromoo yeroo saba isaanitti gadi-bahan akkam nama boonsaa jara keeny! Yaadni waan hunda caala,keessafuu yaadni wayitti jijjiirramuu dandahu,dhalootaf waan irra dhaabbatanii boru ittiin gadi bahan. Ani sagantaa akka kanaa kanaan dura hin garre. Dhugumatti yeroo hedduu waan dhabne malee waan harkaa qabnuu fi ittiin hojjannu irratti hammi qiyyaafatamu baayyee xiqqaata.
Yaadatu,waan muldhataatti hiikkata,yaadatu dhaabbatee harkaan qaqqabama,yaadatu nama balleessa,yaadatus immoo nama fayyiisa, biyyas guddiosa,biyyas misoomsa,biyyas birmadoomsa,keessumaa yaada akka kanaa kanatu waayyummaa qabaatii ammas ulfaadha!
Dhalli namaa waa lamaan gabroma natti fakkaata. Qaamaa fi sammuu(xiin sammuu dhaan).
Gabrummaan qaamaa baayyee laafadha dafeet namarraa kaha,gabrummaan sammuu dhaa garuu waan eelaa jabduu fi yeroollee fudhatuudha ofirraa kaasuf! Yaadota lafa taahan keessaa kanneen garaa nagahan:
- Giddu galeessuummaatti Oromoo tajaajiluu fi tokkummaa hojiidhaan muldhatu uumuuf bu\’ura kaahuu isaanii. Oromoon hanga fedhellee siyaasa nan baqadha jedhullee abadan hin dandahu,tarii dhaabbilee
siyaasaa irraa jaarmiyaan tokko walaba tahuu dandaha,hamma dantaa Oromoof dhaabbatamutti siyaasa Oromoo waliin deemun dirqama. Isaanis kanuma haala bareedan lafa kaahuun isaanii warra galataa isaan godha.
- Biyya mataa keenyaa akka qabaannu dhaloonni dhaabbii hin reeqqisne akka qabaatan,maqaa biyyaa guutuu tahuu qabu, ‘ BIYYA GADAA RIPAABLIKII OROMIYAA (OROMIA GADA REPUBLIC COUNTRY)
- Maqaa maallaqa keenya, ‘HOROO’ jedhanii moggaasu. HUNDEEN JECHA HOROO = Hor. namni abbaa Oromoo Xabboo(Horoo) jedhama.
kana malee namni gaafa akka Sirna gadaatti mallattoo alaabaa abbaa Gadaa diimaa( Bilchaachuu-haamilee gahuu) san yeroo dhaqqabu bultii ijaara. kunimmoo Hara=horata,kana booddee namni kuni Hara horeessa jedhama.Umrii Dooramaa fi raaba gara Gadaattis ceha jechaa dha. Horo horate,hara horeessa,,…akkasumas harooressa… maali yaadni akkas garaa nama ciibsu.kan Waaqni eebbise kuni!
- Mallattoowwan sabboonummaa fi Oromummaa calaqqisiisan dhuunfateet Horoon suni kalaqame,Ulaagaa Oromummaa keessaa muraasni isaanii:
a) Gadaa keessa lufuu
b). dhiigan Oromoo tahuu
c). aadaa fi duudhaa Oromummaa qabaachuu fi
d) Biyya Oromiyaa jedhamtu biyya abbaa kiyyaati jedhanii amanuu faadha.
- Faajjii keenya Odaa fi mallattoo bilisummaa kan tahan gootota keenya qaqqaaliinis horoo keenya irratti nuuf taahera. Tarreen isaan nuuf kaahanis waan hedduu ittiin boonnu dha. Galatoomakaa yaa warra Oromoon ofiif barsiifatee,isaaf ooltan! Horoon keenya kana hunda bakka tokkotti kan guuttateedha.Horaa -Bulaa deebanaa jechuun immoo kan warra kennaan kuni kennameefi dha.
- Yaadni bareedan innni biraa ammoo, Dhalli Oromoo addunyaarra faffaca\’ee jiru lammummaa Oromiyaa akka tahuuf yaada bu\’uraa kaahuu. Duruu taanee dhalannus qaama seeruimmaa akka qabaatuu fi boruuf gaafa abbaa biyyaa taanellee akka nun rakkisneef hardhuma lafa kaahatanii shaakalaa deemuun waan wayyoominaati.
- Mallattoo wal qixxummaa ilaalcha Oromoo muldhisuuf, akkuma abbaan Horoo mallatteesse,haati Horoos mallattoon suni gubbaa taa\’uun isaa, innis tarkaanfii guddinaa fi damboobina Oromoo dhaa duratti fiduu dha.
- Seerota Gadaa keessatti tumamanii fi heerota Muummee Gadaa dhaa achi irra akka taahan gochuun …qarooma keenya dagatamee fi irraanfatame addunyaa sakandiitti guddiinni akkaa dabalaa deemu fi jaarra qaroomaa kanatti dandeettii fi qabeenya saba keenyaa dabaluu fi ormaan qixaachuu dha.
Yaa Haayyoota Oromoo,kunooti akkasitti mee garaa saba keessanii qabbaneessaa. Waaqni Oromoo umrii keessan umrii harraagessaa,fayyaa teessan xaliila akka fayyaa Gadamsaa siniif haa taasisuun eebba kiyya!
Warra Ibsa nuuf kennaa turan obbo Rondaasaa Asheetee fi Dr.Waakkennee Goobanaas galata addaa qabdan,Qopheessan qophii Jireenyas obbo Usmaan Ukkumee fayyaa dahi.
Horaa bulaa Deebanaa!
Hanqinoota yaada kiyyaammoo itti naaf guutaa.
No comments:
Post a Comment