Bittaan gita bittoota Tigraay ummatootaa Itophiyaa irratti humna qawween of irroomse Itophiyaa tarree biyyoota hiyyeeyyii keessaa baasuu hin dandeenye. Kadhaa gargaarsa alagaa irraa argamuun jireessuu keessaa baasuu dadhabee har’as taanaan Impaayerittiin hiriira biyyoota gargaarsaan jiraatan keessatti akka hiriirtetti jirti. Saaminsi daangaa dhabe murna aangoo irra jiruun adeemsifamu abbootii aangoo duroomsee lammiilee sadarkaa of jiraachisuu dadhabuu fi abdii dhabuu irraa, kanneen osoo jireenya barbaadanii galaana keessatti dhuman, biyyoota gara garaa keessatti haala suukanneessaa fi gaddisiisaan ajjeefaman lakkoobsi guddaa dha. Bilisa tahanii gurmaa’uun, yaada qaban ibsatuun guutummaatti yakkatti fudhatamee hidhaa, ajjeechaa fi roorroo gosa gara garaa lammiilee irraan gahuun Itophiyaan biyyoota Afriikaa irra dabree sadarkaa addunyaatti iyyuu tarree duraa keessatti argamuun haala qabatamaa biyyattii keessaa ibsa.
Saaminsi, cunqursaan, buqqa’insi fi dhiittaan mirga dhala namaa waggoota 24 dabraniif adeemsifamee fi sadarkaan har’a irra gahe egeree biyyattii kan dukkaneesse, ummatoota kan abdii dhabsiise dha. Wayyaaneen qawween dhufe. Qawweenis jiraate. Fuula duras Itophiyaa abbaa irrummaa paartii tokkoo jala tursuun murtii isaa bosonaa qabatee dhufe tahuun kan shakkamu miti. Ammas kana ifaan labsatee jira.
Mootummaan Wayyaanee, ummatootni maal barbaadan? maal gaafataa jiran? Maalis hawwan? jedhee yaada ummatootaa hubatee gaaffii isaaniif deebii kennuuf kan fedhii hin qabne tahuu irraa gaaffiin ummatootaa deebii hin argatiin jiran. Kan Wayyaaneetti fardii, akkaataa itti aangoo humnaan argate tiksatuu danda’u irratti bobba’uu qofa. Waan taheef aangoo isaatti iggitii godhatuuf mala adda addaatti fayyadama. Tooftaalee aangoo irra ittiin of tursuuf itti gargaaramaa turee fi jiru keessaa filannoon kijibaa waggaa shan shanitti adeemsifamu isa tokko.
Filannoon Caamsaa 24, 2015 itti baallamamee jirus Wayyaanee aangomsuun alatti faydaa biraa argamsiisu hin qabu. Sababootni isaas haalli filannoon kun ittiin adeemsifamu kan ulaagaa filannoo dimokraatwaa hin guutne tahuu qofa osoo hin taane murni Wayyaanee sagalee ummataan aangoo kan gadi hin dhiisne tahuu murteeffatuu irraa ti. Filannoon 5ffaa kun filannoota kanaan duraa irraas addummaa hin qabu. Kan filannoo kana mataa itti tahuun geggeessaa jiru boordiin filannoo kan sirnichaan sirnichaaf utubame dha. Kana waliin dorsisii fi dinniinni, hidhaa fi dhaaninsi mootummaa Wayyaaneen ummatoota irratti raawwatamaa jiru nageenya isaa kan gaaffii jala galche, bilisummaa isaa haqee sodaa itti bulche dha.
ABOn akeekaa fi amala Wayyaanee bareechee waan beekuuf, akkasumas, itti bahi filannoo iftoomina hin qabnee, haqa irratti hin hundoofnee fi imokraatawaa hin taanee maal akka tahu waan hubatuuf filannoo Caamsaa 24, 2015 hawwii fi fedhiin ummatootaa ittiin guutamaa irraa hin eegu. Kana irraa ka’uudhaanis yeroo gara garaatti ummatootni Itophiyaa addatti ammo ummatni Oromoo filannoo fakkeessii Wayyaanee akka lagatu waamichaa kan dabarsaa ture.
Har’a Itophiyaa keessatti jibbinsa Wayyaanee fi sirna cunqursaa Wayyaaneen durfamu irraa ummatootni qabsoo hadhaawaa geggeessaa fi gaaffiilee adda addaa kaasaa jiran. Kanneen sirnicha irratti mormii finiinsaa jiran keessaa ummatni Oromoo durummaan hiriiree argama. Ummatni Oromoo kan ilmaan isaa wareegaa jiru, qabeenya isaa itti dhabaa fi baqaaf saaxilamee mankaraaruu irratti argamu, filannoo kijibaa keessatti hirmaatee barcuma lamaas tahe kudha lama argatuuf miti. Rakkoo siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa jaarraa tokkoo oliif irratti saare dhabamee walabummaan isaa dhugoomee bilisa tahee jiraachuufi. Akeeknii fi hawwiin ummata Oromoo kun ammoo filannoo sirna abbaa irrummaa jalatti geggeeffamuun tasa hin argamu.
Waan taheef ummatni Oromoo haqa kana hubatuun furaan dhibdee isaa qabsoon malee kan hin argamne tahuu beekee, filannoo kijibaan akka hin dagamne ABO irra deebi’ee gadi jabeessee hubachiisuu fedha. Filannoo kana keessatti hirmaatuun mootummaa irratti qabsaawaa jiru seeressuu qofa taha. Filannoo mootummaa farra ummata Oromoo irroomsu keessatti qooda fudhatuun haada sirnichi mormatti nu kaa’ee jiru ofitti jabeessuu qofa taha. Addatti ammo dargaggoon Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo fuula dura tarkaanfachiisuu keessatti wareegamni baasaa turtanii fi jirtan akka firii godhatu dandeessisuuf Fincila Diddaa Gabrummaa jabeessuun filmaata isa duraa akka tahetti itti fufsiisuun murteessaa dha. Morkaa fi xiqiin ykn jibbiinsa Wayyaanee qofa irraa ka’uun filannoo kijibaa jala gugatuun wareegama kanaan dura baafame irratti bishaan naquu taha. Waan taheef ummatni keenya sochii aangoo mootummaa Wayyaanee seeressuu kamuu lagatuun mirga isaa qabsoo isaan harka galfatuuf akka qabsoo isaa finiinsu ABO gadi jabeessee waamicha isaa haaromsa.
Injifatnoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
No comments:
Post a Comment