Tuesday, 18 March 2014

TOKKO SHANEE MOOTUMMAA ABBAA IRREE ITOOPHIYAA HANGA BIYYA ORMAATTI.


BY IBRAHIM ALI | Bitootessa 17, 2014
ibrahimMootummaan abbaa irree Itoophiyaa waggaa 23 guutuu bakka barbaachisutti humnaan, bakka kaanitti immoo mala adda addaa fayyadamuudhaan hanga hardhaa gahee jira. Ani hardha kan irratti xiyyeeffachuu barbaade mala mootumman abbaa irree ITOOPHIYAA itti  fayyadamu keessaa kan yeroo ammaa akka ummati wal basaasuuf meeshaa guddaa taheefi jiru TOKKO SHANEE kan jedhamuu dha. TOKKO SHANEEn OROMIYAA keessatti erga hujirra oolee kan bubbule yoo tahu amma immoo diyaaspooraa keessattis jalqabuuf qophii kan fixatan tahuu himamaa jira, sababi irratti na xiyyeefachises kanuma dha.
TOKKO SHANEEn maal?   Tokko shanee jechuun namoota shan bakka tokkotti ijaaranii , shanan keessaa nami tokko hoogganaa tahee filatama. Namooti shanan kun bakki jireenya isaanii tokko tahuu qaba, akka hordoffiif isaanii tolutti waan ijaaraniif namoota shanan kana wanti jireenya guyya guyyaatti waliiti isaan fidaa jiraachuu qaba, fakkeenyaaf qotee bulaan kan ijaaramu qotee bulaa ganda isaatti dhihaatu waliin,daldalaanis daldalaa waliin ,hojjataa mootummaatis nama shan kan biiroo tokko keessa waliin hojjatan waliin, dargaggootis dargaggota waliin, dubartootis dubartoota waliin, barataanis kan sadarkaa lammaffaa baratu irraa jalqabee hanga koolleejii fi unbaristiitti akka akaakuu barnooti isaanii wal fakkaatuun ijaaramu.
Faayidaan TOKKO SHANEE maal? Mootummaan abbaa irree Itoophiyaa “ TOKKO SHANEE MISOOMAA” jedhee waama, garuu wanti malli kun uumamef misooma osoo hin taane basaasummaa dha, nami tokko yeroo gareen isaa walgahii qabdu gaafii mirgaa yookin waan sirrii hin taane kan mootumman abbaa irree uummata irratti godhu kan arge yoo gaafate ati farra misoomaati jedhamee hordofama, ni qoratama, hujii fi baruumsa irraas ari’ama, mana hidhaattis darbatama, abbaan manaa tokko dhimma dhunnfaatiif karaa deemuu yoo barbaade haaadha manaa isaa dura hoogganaa garee isaa hayyamsiifata, maalif akka deemu, eessa akka deemu, yoom akka deebi’u hooganaa garee isaatif gabaasa. Akka uummata biratti fudhatama qaban fakkeessuufis tokko shanee kanatti fayyadamu, fakkeenyaaf yeroo MALLAS  ZENAWIN du’e uummati fedhii isaatin ala bakka boohichaa naannawa isaatitti qophaahe dhaqee akka boohu, qarshii boohichaaf tahu akka baasu karaa gareetin dirqisiisaa turan , yeroo uummati amantii islaamaa hordofan gaafii mirgaa kaase karaa koomitee filateen gaafataa turetti erga koomitee hidheen booda, akka uummati komitee san nuti hin filanne , bakka nu hin bu’an , koomiteen shororkeessitoota jedhanii hiriira bahan karuma tokko shaneetiin dirqisiisa ture, namni hin bahu jedhe ati shororkeessitoota deeggarta jedhamee farrajama.keesattuu uummati OROMOO mirga isaa kan jaarraa tokkoo ol sarbamee deebifachuuf yeroon inni itti ciisee bule hin jiru, bifa adda addaatin hanga hardhaatti fincilaa jira, fincila uummati oromoo bilisummaf godhu kana dura dhaabachuf mala bahe dha.
Tokko shanee gara biyya ormaatti diriirsanii diyasporaa addaan qooduufi sochii mootuummaa abbaa irree Itoophiyaa balaaleffachu yeroo gara garaa biyyaa adda addaatti bifa hiriiraati fi walgahiitin godhamaa turee fi jiru laaffisuuf qophii fixatanii akka hujiitti galan gidduu kana himamaa jira . Diyasporaa mirga saba isaanii dura faayidaa dhunfaa dursan adda baasuudhaan lafa invastimantii kennuufii, liqaa baankii mijeessuufii, kondominiyemii 40/60 jedhamu irratti dursa kennuufi fi kkf itti fayyadamuu dhaan tokko shanee diyaasporaa keesatti ijaaruu fi babaldhisuu dha. Diyaspora hanga hardhaa rakkinna uummata isaa irra gahu sagalee taheef kara adda addaatin mootummoota addunyaatif akkasumas uummata adduunyaatif dhaggeessisaa ture dadhabsiisuf shira xaxanii jiran.
Dhuma irratti ani dhaamsa lama qaba, dhaamsi kiyya ka duraa uummati oromoo kan oromiyaa keessa jiraatu shira mootummaan abbaa irree xaxee, tokko shanee misooma jedhee basaasummaaf itti fayyadamu kana beeknee garee uumame kana finciloota biyya keesatti ka’an cimsuu fi qabsoo bilisummaa oromoo deeggaruf akka itti fayyadamnu jedha. Dhaamsi lammeesso Uummata oromoo kan biyya ormaa keessa jiraatuf yoo tahu balaa mootumman abbaa irree Itoophiyaa nu keesatti uumuf deemu kana gurra qeensinee ofirraa eeguu fi dura dhaabbachuu qabna, tokkummaa keenya daran cimsinee humna, beekkumsaa fi qabeenya keenya qabsoo bilisummaa oromoo galmaan gahuuf haa oolchinu jedha.

No comments:

Post a Comment